×

Surah Ad-Dukhaan in Oromo

Quran Oromo ⮕ Surah Ad Dukhaan

Translation of the Meanings of Surah Ad Dukhaan in Oromo - أورومو

The Quran in Oromo - Surah Ad Dukhaan translated into Oromo, Surah Ad-Dukhaan in Oromo. We provide accurate translation of Surah Ad Dukhaan in Oromo - أورومو, Verses 59 - Surah Number 44 - Page 496.

بسم الله الرحمن الرحيم

حم (1)
Haa Miim
وَالْكِتَابِ الْمُبِينِ (2)
Kitaaba addeessaa ta’eenin (kakadha)
إِنَّا أَنزَلْنَاهُ فِي لَيْلَةٍ مُّبَارَكَةٍ ۚ إِنَّا كُنَّا مُنذِرِينَ (3)
Nuti halkan barakeeffamtuu keessa isa buufneNuti dinniinoo taaneerra
فِيهَا يُفْرَقُ كُلُّ أَمْرٍ حَكِيمٍ (4)
Ishee (halkanittii) keessa dhimmi murteeffame hundi adda baafama
أَمْرًا مِّنْ عِندِنَا ۚ إِنَّا كُنَّا مُرْسِلِينَ (5)
Adda baafaminsa nu biraa ta’e (ibsina)Nuti ergitoota taaneerra
رَحْمَةً مِّن رَّبِّكَ ۚ إِنَّهُ هُوَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ (6)
Rahmata Gooftaa kee irraa ta’eef (buufne)Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha
رَبِّ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا ۖ إِن كُنتُم مُّوقِنِينَ (7)
(Rahmata) Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii irraa ta’eetiYoo kan dhugoomsitan taataniif (kana hubadhaa)
لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ يُحْيِي وَيُمِيتُ ۖ رَبُّكُمْ وَرَبُّ آبَائِكُمُ الْأَوَّلِينَ (8)
Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruNi jiraachisa; ni ajjeessas(Inni) Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati
بَلْ هُمْ فِي شَكٍّ يَلْعَبُونَ (9)
Dhugumatti isaan shakkii keessa taphatu
فَارْتَقِبْ يَوْمَ تَأْتِي السَّمَاءُ بِدُخَانٍ مُّبِينٍ (10)
Kanaafuu, guyyaa samiin aara ifa ba’aan dhuftu (waan isaan mudatu) eegi
يَغْشَى النَّاسَ ۖ هَٰذَا عَذَابٌ أَلِيمٌ (11)
(Aarri kun) namoota haguugaKun adabbii laalessaadha
رَّبَّنَا اكْشِفْ عَنَّا الْعَذَابَ إِنَّا مُؤْمِنُونَ (12)
(Kaafiroonni yeroo adabicha argan) “Gooftaa keenya! Adabicha nurraa kaasi nuti ni amannaa” (jedhu)
أَنَّىٰ لَهُمُ الذِّكْرَىٰ وَقَدْ جَاءَهُمْ رَسُولٌ مُّبِينٌ (13)
Odoo ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufee jiruu, (erga adabaatii) gorfamuun akkamitti isaaniif jiraata
ثُمَّ تَوَلَّوْا عَنْهُ وَقَالُوا مُعَلَّمٌ مَّجْنُونٌ (14)
Ergasii isa irraa gara galanii “(Inni) barsiifamaa maraatuudha” jedhan
إِنَّا كَاشِفُو الْعَذَابِ قَلِيلًا ۚ إِنَّكُمْ عَائِدُونَ (15)
Nuti yeroo gabaabaaf adabbii saaqoodha; Isin (kufriitti) deebi’oodha
يَوْمَ نَبْطِشُ الْبَطْشَةَ الْكُبْرَىٰ إِنَّا مُنتَقِمُونَ (16)
Guyyaa qabaa guddaa qabnu Nuti haaloo bahatoodha
۞ وَلَقَدْ فَتَنَّا قَبْلَهُمْ قَوْمَ فِرْعَوْنَ وَجَاءَهُمْ رَسُولٌ كَرِيمٌ (17)
Dhugumatti, Nuti isaan dura ummata Fir’awni mokkorree jirraErgamaan kabajamaanis isaanitti dhufe
أَنْ أَدُّوا إِلَيَّ عِبَادَ اللَّهِ ۖ إِنِّي لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ (18)
“Ani isiniif ergamaa amanamaadhaa, gabroota Rabbii gara kiyya kennaa!” jechuun (isaanitti dhufe)
وَأَن لَّا تَعْلُوا عَلَى اللَّهِ ۖ إِنِّي آتِيكُم بِسُلْطَانٍ مُّبِينٍ (19)
“Rabbi irratti hin booninaa; ani ragaa ifa ta’een isinitti dhufaadha” jachuunis
وَإِنِّي عُذْتُ بِرَبِّي وَرَبِّكُمْ أَن تَرْجُمُونِ (20)
“Ani akka dhagaan tumtanii nan ajjeefne Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessanittin maganfadhe
وَإِن لَّمْ تُؤْمِنُوا لِي فَاعْتَزِلُونِ (21)
Yoo naaf hin amanne narraa fagaadhaa.”
فَدَعَا رَبَّهُ أَنَّ هَٰؤُلَاءِ قَوْمٌ مُّجْرِمُونَ (22)
Gooftaa isaa ni kadhate: “Isaan kun ummata yakkamtoota” (jedhe)
فَأَسْرِ بِعِبَادِي لَيْلًا إِنَّكُم مُّتَّبَعُونَ (23)
(Rabbiin ni jedhe): “Gabroota kiyyaan halkaniin deemiDhugumatti isin hordofamtoota
وَاتْرُكِ الْبَحْرَ رَهْوًا ۖ إِنَّهُمْ جُندٌ مُّغْرَقُونَ (24)
Galaana akkuma banametti dhiisiDhugumatti, isaan garee bishaaniin dhidhimfamoodha.”
كَمْ تَرَكُوا مِن جَنَّاتٍ وَعُيُونٍ (25)
Ashaakiltiifi burqituuwwan meeqaatama dhiisan
وَزُرُوعٍ وَمَقَامٍ كَرِيمٍ (26)
Oyruufi iddoo jireenyaa gaggaariis
وَنَعْمَةٍ كَانُوا فِيهَا فَاكِهِينَ (27)
Qananii ishee keessatti gammadaa turanis
كَذَٰلِكَ ۖ وَأَوْرَثْنَاهَا قَوْمًا آخَرِينَ (28)
Akka kanatti ummata biraa ishee dhaalchifne
فَمَا بَكَتْ عَلَيْهِمُ السَّمَاءُ وَالْأَرْضُ وَمَا كَانُوا مُنظَرِينَ (29)
Samiifi dachiin isaan irratti hin boonye; kan tursiifanis hin turre
وَلَقَدْ نَجَّيْنَا بَنِي إِسْرَائِيلَ مِنَ الْعَذَابِ الْمُهِينِ (30)
Dhugumatti, Ilmaan Israa’iil adabbii salphisaa irraa nagaya baafne
مِن فِرْعَوْنَ ۚ إِنَّهُ كَانَ عَالِيًا مِّنَ الْمُسْرِفِينَ (31)
Fir’awni irraa (ni baraarsine)Inni boonaa, daangaa dabraa irraa ta’eera
وَلَقَدِ اخْتَرْنَاهُمْ عَلَىٰ عِلْمٍ عَلَى الْعَالَمِينَ (32)
Nuti beekumsaan aalama hunda irra isaan filanne
وَآتَيْنَاهُم مِّنَ الْآيَاتِ مَا فِيهِ بَلَاءٌ مُّبِينٌ (33)
Raajiiwwan irraas waan mokkorriin ifa ta’e isa keessa jiru isaaniif kennine
إِنَّ هَٰؤُلَاءِ لَيَقُولُونَ (34)
Dhugumatti, isaan kun (Qureeyshonni) ni jedhu
إِنْ هِيَ إِلَّا مَوْتَتُنَا الْأُولَىٰ وَمَا نَحْنُ بِمُنشَرِينَ (35)
“Du’a keenya kan jalqabaa malee isheen (biraa) hin jirtuNuti (kana booda) hin kaafamnu
فَأْتُوا بِآبَائِنَا إِن كُنتُمْ صَادِقِينَ (36)
Yoo warra dhugaa dubbatu taataniif, abbootii keenya fidaa.”
أَهُمْ خَيْرٌ أَمْ قَوْمُ تُبَّعٍ وَالَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ ۚ أَهْلَكْنَاهُمْ ۖ إِنَّهُمْ كَانُوا مُجْرِمِينَ (37)
Sila isaantu caala moo ummata Tubba’iifi warra isaan duraati? Isaan yakkamtoota taanaan isaan balleessine
وَمَا خَلَقْنَا السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَا لَاعِبِينَ (38)
Samii, dachiifi waan isaan lamaan gidduu jirus taphatoo taanee hin uumne
مَا خَلَقْنَاهُمَا إِلَّا بِالْحَقِّ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَهُمْ لَا يَعْلَمُونَ (39)
Dhugaan malee isaan lachan hin uumneGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu
إِنَّ يَوْمَ الْفَصْلِ مِيقَاتُهُمْ أَجْمَعِينَ (40)
Dhugumatti, Guyyaan murtii beellama isaan hundaati
يَوْمَ لَا يُغْنِي مَوْلًى عَن مَّوْلًى شَيْئًا وَلَا هُمْ يُنصَرُونَ (41)
Guyyaa jaalalleen jaalallee irraa homaa hin deebifne, kan isaanis (kaafiroonnis) hin tumsamneedha
إِلَّا مَن رَّحِمَ اللَّهُ ۚ إِنَّهُ هُوَ الْعَزِيزُ الرَّحِيمُ (42)
Nama Rabbiin rahmata godheef maleeInni Isumatu injifataa, rahmata godhaadha
إِنَّ شَجَرَتَ الزَّقُّومِ (43)
Dhugumatti, mukni ‘Zaqquum’
طَعَامُ الْأَثِيمِ (44)
Nyaata dilaawaati
كَالْمُهْلِ يَغْلِي فِي الْبُطُونِ (45)
Akka cumaa (siicoo) zaytiitti garaa keessatti danfa
كَغَلْيِ الْحَمِيمِ (46)
Akka danfuu bishaan ho’aatti
خُذُوهُ فَاعْتِلُوهُ إِلَىٰ سَوَاءِ الْجَحِيمِ (47)
(Ni jedhama): “Isa qabaatii gara walakkaa ibidda boba’aa harkisaa
ثُمَّ صُبُّوا فَوْقَ رَأْسِهِ مِنْ عَذَابِ الْحَمِيمِ (48)
Ergasii mataa isaa gubbaatti adabbii bishaan danfaa irraa ta’e dhangalaasaa
ذُقْ إِنَّكَ أَنتَ الْعَزِيزُ الْكَرِيمُ (49)
Dhandhami; dhugumatti, ati simatu cimaa, arjaa (of fakkeessuu) turtee
إِنَّ هَٰذَا مَا كُنتُم بِهِ تَمْتَرُونَ (50)
Inni kun waan isa mamaa turtan sani” (isaaniin jedhama)
إِنَّ الْمُتَّقِينَ فِي مَقَامٍ أَمِينٍ (51)
Warri Rabbiin sodaatan iddoo nagayaa keessa
فِي جَنَّاتٍ وَعُيُونٍ (52)
Ashaakiltiifi burqituuwwan keessa
يَلْبَسُونَ مِن سُندُسٍ وَإِسْتَبْرَقٍ مُّتَقَابِلِينَ (53)
Walitti gara galoo ta’anii (uffata) hariira haphiifi hariira furdaa irraa ta’e uffatu
كَذَٰلِكَ وَزَوَّجْنَاهُم بِحُورٍ عِينٍ (54)
Akkuma kana dubra adaadii ija babala’aa isaan fuusifne
يَدْعُونَ فِيهَا بِكُلِّ فَاكِهَةٍ آمِنِينَ (55)
Achi keessattis nagaa ta’anii fuduraalee hunda waammatu
لَا يَذُوقُونَ فِيهَا الْمَوْتَ إِلَّا الْمَوْتَةَ الْأُولَىٰ ۖ وَوَقَاهُمْ عَذَابَ الْجَحِيمِ (56)
Ishee keessatti du’a jalqabaa malee du’a hin dhandhamanRabbiin adabbii ibidda boba’aa irraa isaan tikse
فَضْلًا مِّن رَّبِّكَ ۚ ذَٰلِكَ هُوَ الْفَوْزُ الْعَظِيمُ (57)
Tola Gooftaa kee irraa ta’eefSun isumatu milkii guddaadha
فَإِنَّمَا يَسَّرْنَاهُ بِلِسَانِكَ لَعَلَّهُمْ يَتَذَكَّرُونَ (58)
Akka gorfamaniif jacha isa (Qur’aana) arraba keetti laaffifne
فَارْتَقِبْ إِنَّهُم مُّرْتَقِبُونَ (59)
(Waan isaan mudatu) eegi; isaanis eegoodha
❮ Previous Next ❯

Surahs from Quran :

1- Fatiha2- Baqarah
3- Al Imran4- Nisa
5- Maidah6- Anam
7- Araf8- Anfal
9- Tawbah10- Yunus
11- Hud12- Yusuf
13- Raad14- Ibrahim
15- Hijr16- Nahl
17- Al Isra18- Kahf
19- Maryam20- TaHa
21- Anbiya22- Hajj
23- Muminun24- An Nur
25- Furqan26- Shuara
27- Naml28- Qasas
29- Ankabut30- Rum
31- Luqman32- Sajdah
33- Ahzab34- Saba
35- Fatir36- Yasin
37- Assaaffat38- Sad
39- Zumar40- Ghafir
41- Fussilat42- shura
43- Zukhruf44- Ad Dukhaan
45- Jathiyah46- Ahqaf
47- Muhammad48- Al Fath
49- Hujurat50- Qaf
51- zariyat52- Tur
53- Najm54- Al Qamar
55- Rahman56- Waqiah
57- Hadid58- Mujadilah
59- Al Hashr60- Mumtahina
61- Saff62- Jumuah
63- Munafiqun64- Taghabun
65- Talaq66- Tahrim
67- Mulk68- Qalam
69- Al-Haqqah70- Maarij
71- Nuh72- Jinn
73- Muzammil74- Muddathir
75- Qiyamah76- Insan
77- Mursalat78- An Naba
79- Naziat80- Abasa
81- Takwir82- Infitar
83- Mutaffifin84- Inshiqaq
85- Buruj86- Tariq
87- Al Ala88- Ghashiya
89- Fajr90- Al Balad
91- Shams92- Lail
93- Duha94- Sharh
95- Tin96- Al Alaq
97- Qadr98- Bayyinah
99- Zalzalah100- Adiyat
101- Qariah102- Takathur
103- Al Asr104- Humazah
105- Al Fil106- Quraysh
107- Maun108- Kawthar
109- Kafirun110- Nasr
111- Masad112- Ikhlas
113- Falaq114- An Nas