| حم (1) Haa Miim
 | 
| وَالْكِتَابِ الْمُبِينِ (2) Kitaaba addeessaa ta’eenin (kakadha)
 | 
| إِنَّا أَنزَلْنَاهُ فِي لَيْلَةٍ مُّبَارَكَةٍ ۚ إِنَّا كُنَّا مُنذِرِينَ (3) Nuti halkan barakeeffamtuu keessa isa buufneNuti dinniinoo taaneerra
 | 
| فِيهَا يُفْرَقُ كُلُّ أَمْرٍ حَكِيمٍ (4) Ishee (halkanittii) keessa dhimmi murteeffame hundi adda baafama
 | 
| أَمْرًا مِّنْ عِندِنَا ۚ إِنَّا كُنَّا مُرْسِلِينَ (5) Adda baafaminsa nu biraa ta’e (ibsina)Nuti ergitoota taaneerra
 | 
| رَحْمَةً مِّن رَّبِّكَ ۚ إِنَّهُ هُوَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ (6) Rahmata Gooftaa kee irraa ta’eef (buufne)Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha
 | 
| رَبِّ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا ۖ إِن كُنتُم مُّوقِنِينَ (7) (Rahmata) Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii irraa ta’eetiYoo kan dhugoomsitan taataniif (kana hubadhaa)
 | 
| لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ يُحْيِي وَيُمِيتُ ۖ رَبُّكُمْ وَرَبُّ آبَائِكُمُ الْأَوَّلِينَ (8) Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruNi jiraachisa; ni ajjeessas(Inni) Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati
 | 
| بَلْ هُمْ فِي شَكٍّ يَلْعَبُونَ (9) Dhugumatti isaan shakkii keessa taphatu
 | 
| فَارْتَقِبْ يَوْمَ تَأْتِي السَّمَاءُ بِدُخَانٍ مُّبِينٍ (10) Kanaafuu, guyyaa samiin aara ifa ba’aan dhuftu (waan isaan mudatu) eegi
 | 
| يَغْشَى النَّاسَ ۖ هَٰذَا عَذَابٌ أَلِيمٌ (11) (Aarri kun) namoota haguugaKun adabbii laalessaadha
 | 
| رَّبَّنَا اكْشِفْ عَنَّا الْعَذَابَ إِنَّا مُؤْمِنُونَ (12) (Kaafiroonni yeroo adabicha argan) “Gooftaa keenya! Adabicha nurraa kaasi nuti ni amannaa” (jedhu)
 | 
| أَنَّىٰ لَهُمُ الذِّكْرَىٰ وَقَدْ جَاءَهُمْ رَسُولٌ مُّبِينٌ (13) Odoo ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufee jiruu, (erga adabaatii) gorfamuun akkamitti isaaniif jiraata
 | 
| ثُمَّ تَوَلَّوْا عَنْهُ وَقَالُوا مُعَلَّمٌ مَّجْنُونٌ (14) Ergasii isa irraa gara galanii “(Inni) barsiifamaa maraatuudha” jedhan
 | 
| إِنَّا كَاشِفُو الْعَذَابِ قَلِيلًا ۚ إِنَّكُمْ عَائِدُونَ (15) Nuti yeroo gabaabaaf adabbii saaqoodha; Isin (kufriitti) deebi’oodha
 | 
| يَوْمَ نَبْطِشُ الْبَطْشَةَ الْكُبْرَىٰ إِنَّا مُنتَقِمُونَ (16) Guyyaa qabaa guddaa qabnu Nuti haaloo bahatoodha
 | 
| ۞ وَلَقَدْ فَتَنَّا قَبْلَهُمْ قَوْمَ فِرْعَوْنَ وَجَاءَهُمْ رَسُولٌ كَرِيمٌ (17) Dhugumatti, Nuti isaan dura ummata Fir’awni mokkorree jirraErgamaan kabajamaanis isaanitti dhufe
 | 
| أَنْ أَدُّوا إِلَيَّ عِبَادَ اللَّهِ ۖ إِنِّي لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ (18) “Ani isiniif ergamaa amanamaadhaa, gabroota Rabbii gara kiyya kennaa!” jechuun (isaanitti dhufe)
 | 
| وَأَن لَّا تَعْلُوا عَلَى اللَّهِ ۖ إِنِّي آتِيكُم بِسُلْطَانٍ مُّبِينٍ (19) “Rabbi irratti hin booninaa; ani ragaa ifa ta’een isinitti dhufaadha” jachuunis
 | 
| وَإِنِّي عُذْتُ بِرَبِّي وَرَبِّكُمْ أَن تَرْجُمُونِ (20) “Ani akka dhagaan tumtanii nan ajjeefne Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessanittin maganfadhe
 | 
| وَإِن لَّمْ تُؤْمِنُوا لِي فَاعْتَزِلُونِ (21) Yoo naaf hin amanne narraa fagaadhaa.”
 | 
| فَدَعَا رَبَّهُ أَنَّ هَٰؤُلَاءِ قَوْمٌ مُّجْرِمُونَ (22) Gooftaa isaa ni kadhate: “Isaan kun ummata yakkamtoota” (jedhe)
 | 
| فَأَسْرِ بِعِبَادِي لَيْلًا إِنَّكُم مُّتَّبَعُونَ (23) (Rabbiin ni jedhe): “Gabroota kiyyaan halkaniin deemiDhugumatti isin hordofamtoota
 | 
| وَاتْرُكِ الْبَحْرَ رَهْوًا ۖ إِنَّهُمْ جُندٌ مُّغْرَقُونَ (24) Galaana akkuma banametti dhiisiDhugumatti, isaan garee bishaaniin dhidhimfamoodha.”
 | 
| كَمْ تَرَكُوا مِن جَنَّاتٍ وَعُيُونٍ (25) Ashaakiltiifi burqituuwwan meeqaatama dhiisan
 | 
| وَزُرُوعٍ وَمَقَامٍ كَرِيمٍ (26) Oyruufi iddoo jireenyaa gaggaariis
 | 
| وَنَعْمَةٍ كَانُوا فِيهَا فَاكِهِينَ (27) Qananii ishee keessatti gammadaa turanis
 | 
| كَذَٰلِكَ ۖ وَأَوْرَثْنَاهَا قَوْمًا آخَرِينَ (28) Akka kanatti ummata biraa ishee dhaalchifne
 | 
| فَمَا بَكَتْ عَلَيْهِمُ السَّمَاءُ وَالْأَرْضُ وَمَا كَانُوا مُنظَرِينَ (29) Samiifi dachiin isaan irratti hin boonye; kan tursiifanis hin turre
 | 
| وَلَقَدْ نَجَّيْنَا بَنِي إِسْرَائِيلَ مِنَ الْعَذَابِ الْمُهِينِ (30) Dhugumatti, Ilmaan Israa’iil adabbii salphisaa irraa nagaya baafne
 | 
| مِن فِرْعَوْنَ ۚ إِنَّهُ كَانَ عَالِيًا مِّنَ الْمُسْرِفِينَ (31) Fir’awni irraa (ni baraarsine)Inni boonaa, daangaa dabraa irraa ta’eera
 | 
| وَلَقَدِ اخْتَرْنَاهُمْ عَلَىٰ عِلْمٍ عَلَى الْعَالَمِينَ (32) Nuti beekumsaan aalama hunda irra isaan filanne
 | 
| وَآتَيْنَاهُم مِّنَ الْآيَاتِ مَا فِيهِ بَلَاءٌ مُّبِينٌ (33) Raajiiwwan irraas waan mokkorriin ifa ta’e isa keessa jiru isaaniif kennine
 | 
| إِنَّ هَٰؤُلَاءِ لَيَقُولُونَ (34) Dhugumatti, isaan kun (Qureeyshonni) ni jedhu
 | 
| إِنْ هِيَ إِلَّا مَوْتَتُنَا الْأُولَىٰ وَمَا نَحْنُ بِمُنشَرِينَ (35) “Du’a keenya kan jalqabaa malee isheen (biraa) hin jirtuNuti (kana booda) hin kaafamnu
 | 
| فَأْتُوا بِآبَائِنَا إِن كُنتُمْ صَادِقِينَ (36) Yoo warra dhugaa dubbatu taataniif, abbootii keenya fidaa.”
 | 
| أَهُمْ خَيْرٌ أَمْ قَوْمُ تُبَّعٍ وَالَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ ۚ أَهْلَكْنَاهُمْ ۖ إِنَّهُمْ كَانُوا مُجْرِمِينَ (37) Sila isaantu caala moo ummata Tubba’iifi warra isaan duraati? Isaan yakkamtoota taanaan isaan balleessine
 | 
| وَمَا خَلَقْنَا السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَا لَاعِبِينَ (38) Samii, dachiifi waan isaan lamaan gidduu jirus taphatoo taanee hin uumne
 | 
| مَا خَلَقْنَاهُمَا إِلَّا بِالْحَقِّ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَهُمْ لَا يَعْلَمُونَ (39) Dhugaan malee isaan lachan hin uumneGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu
 | 
| إِنَّ يَوْمَ الْفَصْلِ مِيقَاتُهُمْ أَجْمَعِينَ (40) Dhugumatti, Guyyaan murtii beellama isaan hundaati
 | 
| يَوْمَ لَا يُغْنِي مَوْلًى عَن مَّوْلًى شَيْئًا وَلَا هُمْ يُنصَرُونَ (41) Guyyaa jaalalleen jaalallee irraa homaa hin deebifne, kan isaanis (kaafiroonnis) hin tumsamneedha
 | 
| إِلَّا مَن رَّحِمَ اللَّهُ ۚ إِنَّهُ هُوَ الْعَزِيزُ الرَّحِيمُ (42) Nama Rabbiin rahmata godheef maleeInni Isumatu injifataa, rahmata godhaadha
 | 
| إِنَّ شَجَرَتَ الزَّقُّومِ (43) Dhugumatti, mukni ‘Zaqquum’
 | 
| طَعَامُ الْأَثِيمِ (44) Nyaata dilaawaati
 | 
| كَالْمُهْلِ يَغْلِي فِي الْبُطُونِ (45) Akka cumaa (siicoo) zaytiitti garaa keessatti danfa
 | 
| كَغَلْيِ الْحَمِيمِ (46) Akka danfuu bishaan ho’aatti
 | 
| خُذُوهُ فَاعْتِلُوهُ إِلَىٰ سَوَاءِ الْجَحِيمِ (47) (Ni jedhama): “Isa qabaatii gara walakkaa ibidda boba’aa harkisaa
 | 
| ثُمَّ صُبُّوا فَوْقَ رَأْسِهِ مِنْ عَذَابِ الْحَمِيمِ (48) Ergasii mataa isaa gubbaatti adabbii bishaan danfaa irraa ta’e dhangalaasaa
 | 
| ذُقْ إِنَّكَ أَنتَ الْعَزِيزُ الْكَرِيمُ (49) Dhandhami; dhugumatti, ati simatu cimaa, arjaa (of fakkeessuu) turtee
 | 
| إِنَّ هَٰذَا مَا كُنتُم بِهِ تَمْتَرُونَ (50) Inni kun waan isa mamaa turtan sani” (isaaniin jedhama)
 | 
| إِنَّ الْمُتَّقِينَ فِي مَقَامٍ أَمِينٍ (51) Warri Rabbiin sodaatan iddoo nagayaa keessa
 | 
| فِي جَنَّاتٍ وَعُيُونٍ (52) Ashaakiltiifi burqituuwwan keessa
 | 
| يَلْبَسُونَ مِن سُندُسٍ وَإِسْتَبْرَقٍ مُّتَقَابِلِينَ (53) Walitti gara galoo ta’anii (uffata) hariira haphiifi hariira furdaa irraa ta’e uffatu
 | 
| كَذَٰلِكَ وَزَوَّجْنَاهُم بِحُورٍ عِينٍ (54) Akkuma kana dubra adaadii ija babala’aa isaan fuusifne
 | 
| يَدْعُونَ فِيهَا بِكُلِّ فَاكِهَةٍ آمِنِينَ (55) Achi keessattis nagaa ta’anii fuduraalee hunda waammatu
 | 
| لَا يَذُوقُونَ فِيهَا الْمَوْتَ إِلَّا الْمَوْتَةَ الْأُولَىٰ ۖ وَوَقَاهُمْ عَذَابَ الْجَحِيمِ (56) Ishee keessatti du’a jalqabaa malee du’a hin dhandhamanRabbiin adabbii ibidda boba’aa irraa isaan tikse
 | 
| فَضْلًا مِّن رَّبِّكَ ۚ ذَٰلِكَ هُوَ الْفَوْزُ الْعَظِيمُ (57) Tola Gooftaa kee irraa ta’eefSun isumatu milkii guddaadha
 | 
| فَإِنَّمَا يَسَّرْنَاهُ بِلِسَانِكَ لَعَلَّهُمْ يَتَذَكَّرُونَ (58) Akka gorfamaniif jacha isa (Qur’aana) arraba keetti laaffifne
 | 
| فَارْتَقِبْ إِنَّهُم مُّرْتَقِبُونَ (59) (Waan isaan mudatu) eegi; isaanis eegoodha
 |