×

Surah Adh-Dhariyat in Oromo

Quran Oromo ⮕ Surah zariyat

Translation of the Meanings of Surah zariyat in Oromo - أورومو

The Quran in Oromo - Surah zariyat translated into Oromo, Surah Adh-Dhariyat in Oromo. We provide accurate translation of Surah zariyat in Oromo - أورومو, Verses 60 - Surah Number 51 - Page 520.

بسم الله الرحمن الرحيم

وَالذَّارِيَاتِ ذَرْوًا (1)
(Qilleensa) bubbisuu bubbiftuunin kakadha
فَالْحَامِلَاتِ وِقْرًا (2)
(Duumessa bishaan) ulfaataa baadhattuunis
فَالْجَارِيَاتِ يُسْرًا (3)
(Dooniwwan) haala salphaan (bishaan gubbaa) yaa’aniinis
فَالْمُقَسِّمَاتِ أَمْرًا (4)
(Maleykota) ajaja (Rabbii) raabsaniinis
إِنَّمَا تُوعَدُونَ لَصَادِقٌ (5)
Wanti isin beellamamtan dhugaadha
وَإِنَّ الدِّينَ لَوَاقِعٌ (6)
(Guyyaan) murtii dhugumatti argamaadha
وَالسَّمَاءِ ذَاتِ الْحُبُكِ (7)
Ammas samii abbaa miidhaginaatiin kakadhe
إِنَّكُمْ لَفِي قَوْلٍ مُّخْتَلِفٍ (8)
Dhugumatti, isin yaada wal dhadhabaa keessa jirtu
يُؤْفَكُ عَنْهُ مَنْ أُفِكَ (9)
Kan namni haqa irraa garagalfamu ittiin garagalfamuudha
قُتِلَ الْخَرَّاصُونَ (10)
Sobdoonni abaaramaniiru
الَّذِينَ هُمْ فِي غَمْرَةٍ سَاهُونَ (11)
Isaan sun wallaaluma keessatti kan of dagataniidha
يَسْأَلُونَ أَيَّانَ يَوْمُ الدِّينِ (12)
“Guyyaan mindaa yoomi?” (jechuun) gaafatu
يَوْمَ هُمْ عَلَى النَّارِ يُفْتَنُونَ (13)
(Inni) Guyyaa isaan ibidda irra fidamaniidha
ذُوقُوا فِتْنَتَكُمْ هَٰذَا الَّذِي كُنتُم بِهِ تَسْتَعْجِلُونَ (14)
“Adaba keessan kan ariifataa turtan dhandhamaa” (isaaniin jedhama)
إِنَّ الْمُتَّقِينَ فِي جَنَّاتٍ وَعُيُونٍ (15)
Isaan Rabbiin sodaatan, jannataafi burqituuwwan keessa jiraatu
آخِذِينَ مَا آتَاهُمْ رَبُّهُمْ ۚ إِنَّهُمْ كَانُوا قَبْلَ ذَٰلِكَ مُحْسِنِينَ (16)
Waan Gooftaan isaanii isaaniif kenne fudhachaa (jiraatu)Isaan sana dura toltuu hojjattoota turan
كَانُوا قَلِيلًا مِّنَ اللَّيْلِ مَا يَهْجَعُونَ (17)
Halkan irraa xiqqaa qofa kan rafan turan
وَبِالْأَسْحَارِ هُمْ يَسْتَغْفِرُونَ (18)
Yeroo hiraabaa (obboroo) isaan araarama kadhataniidha
وَفِي أَمْوَالِهِمْ حَقٌّ لِّلسَّائِلِ وَالْمَحْرُومِ (19)
Kan qabeenya isaanii keessa kadhataafi kan hin kadhanneefis haqni jiruudha
وَفِي الْأَرْضِ آيَاتٌ لِّلْمُوقِنِينَ (20)
Dachii keessas isaan dhugaan amananiif mallattooleetu jiru
وَفِي أَنفُسِكُمْ ۚ أَفَلَا تُبْصِرُونَ (21)
Lubbuu keessan keessas (akkasuma)Sila hin argitanuu
وَفِي السَّمَاءِ رِزْقُكُمْ وَمَا تُوعَدُونَ (22)
Sooranni keessaaniifi wanti isin waadaa galamtanis samii keessa jira
فَوَرَبِّ السَّمَاءِ وَالْأَرْضِ إِنَّهُ لَحَقٌّ مِّثْلَ مَا أَنَّكُمْ تَنطِقُونَ (23)
Gooftaa samiifi dachiitiin kakadhee! Inni dhugaa fakkiidhuma waan isinuu dubbattanuuti
هَلْ أَتَاكَ حَدِيثُ ضَيْفِ إِبْرَاهِيمَ الْمُكْرَمِينَ (24)
Seenaan keessummaa Ibraahiim kabajamoo ta’anii sitti dhufeeraa
إِذْ دَخَلُوا عَلَيْهِ فَقَالُوا سَلَامًا ۖ قَالَ سَلَامٌ قَوْمٌ مُّنكَرُونَ (25)
Yeroo isa irratti seenanii “Nagaa (si irratti buufna)” jedhan[Inni] “nageenyi (isin irras haa jiraatu); isin namoota ani hin beekneedha” jedheen
فَرَاغَ إِلَىٰ أَهْلِهِ فَجَاءَ بِعِجْلٍ سَمِينٍ (26)
Ergasii gara maatii isaa deebi’eeti mirgoo (jibicha) gabbataan dhufe
فَقَرَّبَهُ إِلَيْهِمْ قَالَ أَلَا تَأْكُلُونَ (27)
Isaanitti dhiyeesseeti “sila hin nyaattanuu?” jedhe
فَأَوْجَسَ مِنْهُمْ خِيفَةً ۖ قَالُوا لَا تَخَفْ ۖ وَبَشَّرُوهُ بِغُلَامٍ عَلِيمٍ (28)
Ergasii (yeroo nyaachuu dhabuu isaanii argu) isaan irraa sodaan isa qabeIsaan “hin sodaatin” jedhaniinIlma beekumsa qabuunis isa gammachiisan
فَأَقْبَلَتِ امْرَأَتُهُ فِي صَرَّةٍ فَصَكَّتْ وَجْهَهَا وَقَالَتْ عَجُوزٌ عَقِيمٌ (29)
Sana booda niitin isaa sagalee ol fuudhamaan haasa’aa dhufteFuula ishee dhadhayaa “Ani jaartii manguddoo maseena hoo (akkamittin daha)!” jette
قَالُوا كَذَٰلِكِ قَالَ رَبُّكِ ۖ إِنَّهُ هُوَ الْحَكِيمُ الْعَلِيمُ (30)
(Ibraahiim) ni jedhe: “Yaa ergamootaa! Dhimmi keessan maali?”
۞ قَالَ فَمَا خَطْبُكُمْ أَيُّهَا الْمُرْسَلُونَ (31)
(Ibraahiim) ni jedhe: “Yaa ergamootaa! Dhimmi keessan maali?”
قَالُوا إِنَّا أُرْسِلْنَا إِلَىٰ قَوْمٍ مُّجْرِمِينَ (32)
[Isaan] ni jedhan: “Nuti gara ummata yakkamtootaa ergamne
لِنُرْسِلَ عَلَيْهِمْ حِجَارَةً مِّن طِينٍ (33)
Dhagaa dhoqqee gubataa irraa ta’e isaan irratti erguuf (dhufne).”
مُّسَوَّمَةً عِندَ رَبِّكَ لِلْمُسْرِفِينَ (34)
Rabbii kee biratti daanga dabartootaaf kan mallateeffamte haala taateen
فَأَخْرَجْنَا مَن كَانَ فِيهَا مِنَ الْمُؤْمِنِينَ (35)
Mu’uminoota irraa namoota ishee keessa jiran ni baafne
فَمَا وَجَدْنَا فِيهَا غَيْرَ بَيْتٍ مِّنَ الْمُسْلِمِينَ (36)
Mana Muslimtootaa irraa kan ta’e malee ishee keessatti homaa hin argine
وَتَرَكْنَا فِيهَا آيَةً لِّلَّذِينَ يَخَافُونَ الْعَذَابَ الْأَلِيمَ (37)
Warra adabbii laalessaa sodaataniif ishee keessatti mallattoo hambifnee jirra
وَفِي مُوسَىٰ إِذْ أَرْسَلْنَاهُ إِلَىٰ فِرْعَوْنَ بِسُلْطَانٍ مُّبِينٍ (38)
(Seenaa) Muusaa keessas yeroo ragaa ifa ba’aan gara Fir’awnitti isa ergine (mallattoo goonee jirra)
فَتَوَلَّىٰ بِرُكْنِهِ وَقَالَ سَاحِرٌ أَوْ مَجْنُونٌ (39)
Innis (Fir’awnis) humna waraanaa isaa waliin (dhugaa irraa) gara galee “(Muusaan) falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhe
فَأَخَذْنَاهُ وَجُنُودَهُ فَنَبَذْنَاهُمْ فِي الْيَمِّ وَهُوَ مُلِيمٌ (40)
Isaafi waraana isaas haala komatamaa ta’een qabnee galaana keessatti isaan darbine
وَفِي عَادٍ إِذْ أَرْسَلْنَا عَلَيْهِمُ الرِّيحَ الْعَقِيمَ (41)
(Seenaa) Aad keessas, yeroo qilleensa maseenaa isaan irratti ergine (mallattootu jira)
مَا تَذَرُ مِن شَيْءٍ أَتَتْ عَلَيْهِ إِلَّا جَعَلَتْهُ كَالرَّمِيمِ (42)
Waan isa irra dhufte tokkoyyuu akka lafee dhumee isa gootu malee hin dhiiftu
وَفِي ثَمُودَ إِذْ قِيلَ لَهُمْ تَمَتَّعُوا حَتَّىٰ حِينٍ (43)
(Seenaa) Samuud keessas, yeroo hanga murtaa’e tokko qanani’aa isaaniin jedhame (mallattootu jira)
فَعَتَوْا عَنْ أَمْرِ رَبِّهِمْ فَأَخَذَتْهُمُ الصَّاعِقَةُ وَهُمْ يَنظُرُونَ (44)
Ajaja Gooftaa isaanii irraa ni boonanOdoo isaan ilaalanuu iyyansi (dhumti) isaan qabatte
فَمَا اسْتَطَاعُوا مِن قِيَامٍ وَمَا كَانُوا مُنتَصِرِينَ (45)
Ergasii dhaabbachuu hin dandeenye; tumsamoos hin taane
وَقَوْمَ نُوحٍ مِّن قَبْلُ ۖ إِنَّهُمْ كَانُوا قَوْمًا فَاسِقِينَ (46)
Ummata Nuuhis san dura (ballessinee jirra)Dhugumatti, isaan ummata finciltoota turan
وَالسَّمَاءَ بَنَيْنَاهَا بِأَيْدٍ وَإِنَّا لَمُوسِعُونَ (47)
Samiis humnaan ishee ijaarreDhugumatti, Nuti (ishee) bal’isoodha
وَالْأَرْضَ فَرَشْنَاهَا فَنِعْمَ الْمَاهِدُونَ (48)
Dachiis diriirsinee jirra; (Nuti) diriirsitoonni waa tolle
وَمِن كُلِّ شَيْءٍ خَلَقْنَا زَوْجَيْنِ لَعَلَّكُمْ تَذَكَّرُونَ (49)
Akka isin gorfamtaniif waan hunda irraa qindiiwwan uumne
فَفِرُّوا إِلَى اللَّهِ ۖ إِنِّي لَكُم مِّنْهُ نَذِيرٌ مُّبِينٌ (50)
Gara Rabbii baqadhaaAni Isa irraa isiniif sodaachisaa ifa bahaadha
وَلَا تَجْعَلُوا مَعَ اللَّهِ إِلَٰهًا آخَرَ ۖ إِنِّي لَكُم مِّنْهُ نَذِيرٌ مُّبِينٌ (51)
Allaah wajjinis gabbaramaa biraa hin taasisinaaAni Isa irraa isiniif sodaachisaa ifa bahaadha
كَذَٰلِكَ مَا أَتَى الَّذِينَ مِن قَبْلِهِم مِّن رَّسُولٍ إِلَّا قَالُوا سَاحِرٌ أَوْ مَجْنُونٌ (52)
Akkasuma, ergamaan tokkos warra isaan dura turanitti hin dhufne, yoo isaan “falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhaniin malee
أَتَوَاصَوْا بِهِ ۚ بَلْ هُمْ قَوْمٌ طَاغُونَ (53)
Sila (sobsiisuu kana) waliif dhaamanii? Lakkisaa, isaanumatu ummata daangaa dabroodha
فَتَوَلَّ عَنْهُمْ فَمَا أَنتَ بِمَلُومٍ (54)
Isaan irraa garagali; ati komatamaa miti
وَذَكِّرْ فَإِنَّ الذِّكْرَىٰ تَنفَعُ الْمُؤْمِنِينَ (55)
Yaadachiisi; yaadachiifni mu’uminoota ni fayyaddii
وَمَا خَلَقْتُ الْجِنَّ وَالْإِنسَ إِلَّا لِيَعْبُدُونِ (56)
Jinniifi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne
مَا أُرِيدُ مِنْهُم مِّن رِّزْقٍ وَمَا أُرِيدُ أَن يُطْعِمُونِ (57)
Soorata homaatuu isaan irraa hin fedhuAkka Ana nyaachisanis hin fedhu
إِنَّ اللَّهَ هُوَ الرَّزَّاقُ ذُو الْقُوَّةِ الْمَتِينُ (58)
Rabbiin Isatu akkaan soorata kennaa, abbaa humna cimaati
فَإِنَّ لِلَّذِينَ ظَلَمُوا ذَنُوبًا مِّثْلَ ذَنُوبِ أَصْحَابِهِمْ فَلَا يَسْتَعْجِلُونِ (59)
Dhugumatti, miidhaa raawwattootaaf qooda adabaa kan akka adabbii fakkaattota isaaniitu jiraafii akka Nan jarjarfanne
فَوَيْلٌ لِّلَّذِينَ كَفَرُوا مِن يَوْمِهِمُ الَّذِي يُوعَدُونَ (60)
Warra kafaraniif guyyaa isaanii kan beellama godhaman keessatti badiin isaaniif mirkanaa’eera
❮ Previous Next ❯

Surahs from Quran :

1- Fatiha2- Baqarah
3- Al Imran4- Nisa
5- Maidah6- Anam
7- Araf8- Anfal
9- Tawbah10- Yunus
11- Hud12- Yusuf
13- Raad14- Ibrahim
15- Hijr16- Nahl
17- Al Isra18- Kahf
19- Maryam20- TaHa
21- Anbiya22- Hajj
23- Muminun24- An Nur
25- Furqan26- Shuara
27- Naml28- Qasas
29- Ankabut30- Rum
31- Luqman32- Sajdah
33- Ahzab34- Saba
35- Fatir36- Yasin
37- Assaaffat38- Sad
39- Zumar40- Ghafir
41- Fussilat42- shura
43- Zukhruf44- Ad Dukhaan
45- Jathiyah46- Ahqaf
47- Muhammad48- Al Fath
49- Hujurat50- Qaf
51- zariyat52- Tur
53- Najm54- Al Qamar
55- Rahman56- Waqiah
57- Hadid58- Mujadilah
59- Al Hashr60- Mumtahina
61- Saff62- Jumuah
63- Munafiqun64- Taghabun
65- Talaq66- Tahrim
67- Mulk68- Qalam
69- Al-Haqqah70- Maarij
71- Nuh72- Jinn
73- Muzammil74- Muddathir
75- Qiyamah76- Insan
77- Mursalat78- An Naba
79- Naziat80- Abasa
81- Takwir82- Infitar
83- Mutaffifin84- Inshiqaq
85- Buruj86- Tariq
87- Al Ala88- Ghashiya
89- Fajr90- Al Balad
91- Shams92- Lail
93- Duha94- Sharh
95- Tin96- Al Alaq
97- Qadr98- Bayyinah
99- Zalzalah100- Adiyat
101- Qariah102- Takathur
103- Al Asr104- Humazah
105- Al Fil106- Quraysh
107- Maun108- Kawthar
109- Kafirun110- Nasr
111- Masad112- Ikhlas
113- Falaq114- An Nas