| وَاللَّيْلِ إِذَا يَغْشَىٰ (1) Halkaniin (nan kakadha); yeroo (inni) haguuge
 | 
| وَالنَّهَارِ إِذَا تَجَلَّىٰ (2) Guyyaanis yeroo inni mul'ate
 | 
| وَمَا خَلَقَ الذَّكَرَ وَالْأُنثَىٰ (3) Isa kormaafi dhalaa uumeenis
 | 
| إِنَّ سَعْيَكُمْ لَشَتَّىٰ (4) Dhugumatti, dalagaan keessan adda adda (wal dhaba)
 | 
| فَأَمَّا مَنْ أَعْطَىٰ وَاتَّقَىٰ (5) Namni kennatee Rabbiin sodaate
 | 
| وَصَدَّقَ بِالْحُسْنَىٰ (6) Islaamummaas dhugoomse
 | 
| فَسَنُيَسِّرُهُ لِلْيُسْرَىٰ (7) (Karaa) laaftuuf isa laaffisuuf jirra
 | 
| وَأَمَّا مَن بَخِلَ وَاسْتَغْنَىٰ (8) Nama don’oomee of ga’e
 | 
| وَكَذَّبَ بِالْحُسْنَىٰ (9) Islaamummaa sobsiise immoo
 | 
| فَسَنُيَسِّرُهُ لِلْعُسْرَىٰ (10) (Karaa) jabduuf isa laaffisuuf jirra
 | 
| وَمَا يُغْنِي عَنْهُ مَالُهُ إِذَا تَرَدَّىٰ (11) Yeroo inni (ibiddatti) kufu qabeenyi isaa isa hin fayyadu
 | 
| إِنَّ عَلَيْنَا لَلْهُدَىٰ (12) Dhugumatti, karaa qajeelaa ifa galchuun (mul'isuun) Nurra jira
 | 
| وَإِنَّ لَنَا لَلْآخِرَةَ وَالْأُولَىٰ (13) Dhugumatti, Aakhiraafi addunyaan keenya
 | 
| فَأَنذَرْتُكُمْ نَارًا تَلَظَّىٰ (14) Ibidda qabsiifamaa ta'e isin sodaachise
 | 
| لَا يَصْلَاهَا إِلَّا الْأَشْقَى (15) Hoonga’aa malee ishee hin seenu
 | 
| الَّذِي كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ (16) Kan sobsiisee gara gale (malee)
 | 
| وَسَيُجَنَّبُهَا الْأَتْقَى (17) Namni Rabbiin sodaatu immoo ishee irraa fageeffamuuf jira
 | 
| الَّذِي يُؤْتِي مَالَهُ يَتَزَكَّىٰ (18) Kan qabeenya isaa qulqulleeffachuuf kennu
 | 
| وَمَا لِأَحَدٍ عِندَهُ مِن نِّعْمَةٍ تُجْزَىٰ (19) Haala isa bira nama tokkoof galanni galfamu hin jirreen (kan kennatu)
 | 
| إِلَّا ابْتِغَاءَ وَجْهِ رَبِّهِ الْأَعْلَىٰ (20) Fuula Gooftaa isaa ol aanaa ta'e barbaachaaf malee (hin kennu)
 | 
| وَلَسَوْفَ يَرْضَىٰ (21) Dhugumatti, inni fuulduratti jaalachuuf jira
 |