وَاللَّيْلِ إِذَا يَغْشَىٰ (1) Halkaniin (nan kakadha); yeroo (inni) haguuge |
وَالنَّهَارِ إِذَا تَجَلَّىٰ (2) Guyyaanis yeroo inni mul'ate |
وَمَا خَلَقَ الذَّكَرَ وَالْأُنثَىٰ (3) Isa kormaafi dhalaa uumeenis |
إِنَّ سَعْيَكُمْ لَشَتَّىٰ (4) Dhugumatti, dalagaan keessan adda adda (wal dhaba) |
فَأَمَّا مَنْ أَعْطَىٰ وَاتَّقَىٰ (5) Namni kennatee Rabbiin sodaate |
وَصَدَّقَ بِالْحُسْنَىٰ (6) Islaamummaas dhugoomse |
فَسَنُيَسِّرُهُ لِلْيُسْرَىٰ (7) (Karaa) laaftuuf isa laaffisuuf jirra |
وَأَمَّا مَن بَخِلَ وَاسْتَغْنَىٰ (8) Nama don’oomee of ga’e |
وَكَذَّبَ بِالْحُسْنَىٰ (9) Islaamummaa sobsiise immoo |
فَسَنُيَسِّرُهُ لِلْعُسْرَىٰ (10) (Karaa) jabduuf isa laaffisuuf jirra |
وَمَا يُغْنِي عَنْهُ مَالُهُ إِذَا تَرَدَّىٰ (11) Yeroo inni (ibiddatti) kufu qabeenyi isaa isa hin fayyadu |
إِنَّ عَلَيْنَا لَلْهُدَىٰ (12) Dhugumatti, karaa qajeelaa ifa galchuun (mul'isuun) Nurra jira |
وَإِنَّ لَنَا لَلْآخِرَةَ وَالْأُولَىٰ (13) Dhugumatti, Aakhiraafi addunyaan keenya |
فَأَنذَرْتُكُمْ نَارًا تَلَظَّىٰ (14) Ibidda qabsiifamaa ta'e isin sodaachise |
لَا يَصْلَاهَا إِلَّا الْأَشْقَى (15) Hoonga’aa malee ishee hin seenu |
الَّذِي كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ (16) Kan sobsiisee gara gale (malee) |
وَسَيُجَنَّبُهَا الْأَتْقَى (17) Namni Rabbiin sodaatu immoo ishee irraa fageeffamuuf jira |
الَّذِي يُؤْتِي مَالَهُ يَتَزَكَّىٰ (18) Kan qabeenya isaa qulqulleeffachuuf kennu |
وَمَا لِأَحَدٍ عِندَهُ مِن نِّعْمَةٍ تُجْزَىٰ (19) Haala isa bira nama tokkoof galanni galfamu hin jirreen (kan kennatu) |
إِلَّا ابْتِغَاءَ وَجْهِ رَبِّهِ الْأَعْلَىٰ (20) Fuula Gooftaa isaa ol aanaa ta'e barbaachaaf malee (hin kennu) |
وَلَسَوْفَ يَرْضَىٰ (21) Dhugumatti, inni fuulduratti jaalachuuf jira |