×

Surah Al-Qalam in Oromo

Quran Oromo ⮕ Surah Qalam

Translation of the Meanings of Surah Qalam in Oromo - أورومو

The Quran in Oromo - Surah Qalam translated into Oromo, Surah Al-Qalam in Oromo. We provide accurate translation of Surah Qalam in Oromo - أورومو, Verses 52 - Surah Number 68 - Page 564.

بسم الله الرحمن الرحيم

ن ۚ وَالْقَلَمِ وَمَا يَسْطُرُونَ (1)
NuunQalamaafi waan (malaykonni) barreessaniinin kakadha
مَا أَنتَ بِنِعْمَةِ رَبِّكَ بِمَجْنُونٍ (2)
Ati ni'imaa Gooftaa keetiitiin maraataa hin taane
وَإِنَّ لَكَ لَأَجْرًا غَيْرَ مَمْنُونٍ (3)
Dhugumatti, siif mindaa hin cinnetu jira
وَإِنَّكَ لَعَلَىٰ خُلُقٍ عَظِيمٍ (4)
Dhugumatti, ati amala (naamusa) guddaa irra jirta
فَسَتُبْصِرُ وَيُبْصِرُونَ (5)
Fuulduratti arguuf jirta; isaanis arguuf jiru
بِأَييِّكُمُ الْمَفْتُونُ (6)
Eenyuu keessantu Maraataa akka ta’e (arguuf jirtu)
إِنَّ رَبَّكَ هُوَ أَعْلَمُ بِمَن ضَلَّ عَن سَبِيلِهِ وَهُوَ أَعْلَمُ بِالْمُهْتَدِينَ (7)
Dhugumatti, Gooftaan kee Isatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beeka; namoota qajeeloos Isatu akkaan beeka
فَلَا تُطِعِ الْمُكَذِّبِينَ (8)
Kijibsiiftotaaf hin ajajamin
وَدُّوا لَوْ تُدْهِنُ فَيُدْهِنُونَ (9)
Odoo ati (ejjannoo kee) laaffiftee [Isaan] laaffisanii jaalatu
وَلَا تُطِعْ كُلَّ حَلَّافٍ مَّهِينٍ (10)
Akkaan kakataa salphataa hundaaf hin ajajamin
هَمَّازٍ مَّشَّاءٍ بِنَمِيمٍ (11)
Akkaan hamataa, walitti naqaadhaan akkaan deemaa kan ta'eef (hin ajajamin)
مَّنَّاعٍ لِّلْخَيْرِ مُعْتَدٍ أَثِيمٍ (12)
Toltuu kan akkaan dhorgu, daangaa dabraa, dilaawaafis
عُتُلٍّ بَعْدَ ذَٰلِكَ زَنِيمٍ (13)
Gara jabeessa, sana booda immoo galtuu kan ta'een (hin ajajamin)
أَن كَانَ ذَا مَالٍ وَبَنِينَ (14)
Waan abbaa qabeenyaafi ilmaanii ta'eef (boonee kafare)
إِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِ آيَاتُنَا قَالَ أَسَاطِيرُ الْأَوَّلِينَ (15)
Yeroo keeyyattoonni Keenya isa irratti dubbifamtu, "(kun) ogbarruu warra duriiti" jedhe
سَنَسِمُهُ عَلَى الْخُرْطُومِ (16)
Funyaan irratti isa mallatteessina
إِنَّا بَلَوْنَاهُمْ كَمَا بَلَوْنَا أَصْحَابَ الْجَنَّةِ إِذْ أَقْسَمُوا لَيَصْرِمُنَّهَا مُصْبِحِينَ (17)
Dhugumatti, Nuti akkuma abbootii ashaakiltii yeroo isaan bariidhaan ishee funaannachuuf kakatan qormaannetti, isaanis (mushrikoota Makkaas) qormaanneerra
وَلَا يَسْتَثْنُونَ (18)
Siinoo hin baasanu (yoo Rabbiin fedhe hin jedhan)
فَطَافَ عَلَيْهَا طَائِفٌ مِّن رَّبِّكَ وَهُمْ نَائِمُونَ (19)
Odoo isaan rafanuu, naanna'aan (adabbiin) Rabbii kee biraa ta'e ishee irra naanna'e
فَأَصْبَحَتْ كَالصَّرِيمِ (20)
Akka halkan dukkanaa (cilee) taatee bulte
فَتَنَادَوْا مُصْبِحِينَ (21)
Bariidhaan walitti lallaban
أَنِ اغْدُوا عَلَىٰ حَرْثِكُمْ إِن كُنتُمْ صَارِمِينَ (22)
Yoo kan funaannattan taataniif oyruu keessan irratti bariifadhaa" (waliin jedhan)
فَانطَلَقُوا وَهُمْ يَتَخَافَتُونَ (23)
Walitti hasaasaa (gara oyruu) deeman
أَن لَّا يَدْخُلَنَّهَا الْيَوْمَ عَلَيْكُم مِّسْكِينٌ (24)
Har’a hiyyeessi tokkoyyuu isinirratti akka ishee hin seenne" (jechuun hasaasan)
وَغَدَوْا عَلَىٰ حَرْدٍ قَادِرِينَ (25)
(Hiyyeeyyii) dhowwuu irratti danda'oo ta'anii bariisifatan
فَلَمَّا رَأَوْهَا قَالُوا إِنَّا لَضَالُّونَ (26)
Yeroo ishee arganu ni jedhan: "nuti karaa badoodha
بَلْ نَحْنُ مَحْرُومُونَ (27)
Inumaayyuu nuti hoongeffamoodha
قَالَ أَوْسَطُهُمْ أَلَمْ أَقُل لَّكُمْ لَوْلَا تُسَبِّحُونَ (28)
Irra filatamaan isaanii "sila maaliif siinoo hin baafne (yoo Rabbiin fedhe hin jenne) isiniin jedhee hin turree?" jedhe
قَالُوا سُبْحَانَ رَبِّنَا إِنَّا كُنَّا ظَالِمِينَ (29)
Gooftaan keenya qulqullaa'e; dhugumatti, nuti miidhaa hojjattoota taaneerra" jedhan
فَأَقْبَلَ بَعْضُهُمْ عَلَىٰ بَعْضٍ يَتَلَاوَمُونَ (30)
Kan wal komatan ta’anii gariin isaanii garii irratti garagale
قَالُوا يَا وَيْلَنَا إِنَّا كُنَّا طَاغِينَ (31)
Ni jedhan: "yaa badii keenya! Nuti dhugumatti, daangaa dabritoota
عَسَىٰ رَبُّنَا أَن يُبْدِلَنَا خَيْرًا مِّنْهَا إِنَّا إِلَىٰ رَبِّنَا رَاغِبُونَ (32)
Gooftaan keenya kan ishee caaltu bakka nuuf buusuu kajeellaNuti dhugumatti, gara Gooftaa keenyaa kajeeloodha” (jedhan)
كَذَٰلِكَ الْعَذَابُ ۖ وَلَعَذَابُ الْآخِرَةِ أَكْبَرُ ۚ لَوْ كَانُوا يَعْلَمُونَ (33)
Adabni (addunyaa) akkanuma; adabbii Aakhiraatu irra guddaadhaOdoo beekanii (irraa of tiksu turan)
إِنَّ لِلْمُتَّقِينَ عِندَ رَبِّهِمْ جَنَّاتِ النَّعِيمِ (34)
Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif Gooftaa isaanii bira Jannata qananiitu jira
أَفَنَجْعَلُ الْمُسْلِمِينَ كَالْمُجْرِمِينَ (35)
Sila Nuti muslimoota akka yakkamtootaa ni goonaa
مَا لَكُمْ كَيْفَ تَحْكُمُونَ (36)
Maalumatu isiniif jira? Akkamitti murteessitu
أَمْ لَكُمْ كِتَابٌ فِيهِ تَدْرُسُونَ (37)
Dhugumatti, kitaaba (samii bu'e) kan isa keessaa dubbiftantu isiniif jiraa
إِنَّ لَكُمْ فِيهِ لَمَا تَخَيَّرُونَ (38)
Kan dhugumatti, isa keessa wanti isin filattan jiru (qabduu)
أَمْ لَكُمْ أَيْمَانٌ عَلَيْنَا بَالِغَةٌ إِلَىٰ يَوْمِ الْقِيَامَةِ ۙ إِنَّ لَكُمْ لَمَا تَحْكُمُونَ (39)
Sila ‘wanti isin murteessitan isiniif jira’ jechuun kakuu Guyyaa Qiyaamaa keessatti bakka ga'aa ta'etu isiniif jira moo
سَلْهُمْ أَيُّهُم بِذَٰلِكَ زَعِيمٌ (40)
Eenyuu isaaniitu sanaaf wabiidhaa isaan gaafadhu
أَمْ لَهُمْ شُرَكَاءُ فَلْيَأْتُوا بِشُرَكَائِهِمْ إِن كَانُوا صَادِقِينَ (41)
Sila shariikota (kan murtee isaanii dhugoomsu) qabu moo? Yoo kan dhugaa dubbatan ta'aniif shariikota isaaniitiin haa dhufanu
يَوْمَ يُكْشَفُ عَن سَاقٍ وَيُدْعَوْنَ إِلَى السُّجُودِ فَلَا يَسْتَطِيعُونَ (42)
Guyyaa mogolee irraa saaqamee (munaafiqoonni) gara sujuudaa waamamanii hin dandeenye san [yaadadhu]
خَاشِعَةً أَبْصَارُهُمْ تَرْهَقُهُمْ ذِلَّةٌ ۖ وَقَدْ كَانُوا يُدْعَوْنَ إِلَى السُّجُودِ وَهُمْ سَالِمُونَ (43)
Ijji isaanii sodaattuu taatee xiqqeenyis isaan haguugaDhugumatti, isaan odoo fayyaa qabanuu (addunyaa irratti) sujuudatti waamamaa turan
فَذَرْنِي وَمَن يُكَذِّبُ بِهَٰذَا الْحَدِيثِ ۖ سَنَسْتَدْرِجُهُم مِّنْ حَيْثُ لَا يَعْلَمُونَ (44)
Anaafi nama haasa'a (Qur'aana) kana sobsiisu walitti nu dhiisi; Nuti suutaan karaa isaan hin beekne irraa isaan qabna
وَأُمْلِي لَهُمْ ۚ إِنَّ كَيْدِي مَتِينٌ (45)
Yeroon isaaniif kennaDhugumatti, tooftaan Kiyya cimaadha
أَمْ تَسْأَلُهُمْ أَجْرًا فَهُم مِّن مَّغْرَمٍ مُّثْقَلُونَ (46)
Sila mindaa isaan gaafatteeti kaffaluuf itti ulfaatemoo (maali)
أَمْ عِندَهُمُ الْغَيْبُ فَهُمْ يَكْتُبُونَ (47)
Sila (iccitii) fagoo kan isaan barreessantu isaan bira jira moo
فَاصْبِرْ لِحُكْمِ رَبِّكَ وَلَا تَكُن كَصَاحِبِ الْحُوتِ إِذْ نَادَىٰ وَهُوَ مَكْظُومٌ (48)
Murtii Gooftaa keetiitiif obsiAkka saahiba qurxummii kan yeroo dallansuun guutame san (Rabbitti) lallabee hin ta'in
لَّوْلَا أَن تَدَارَكَهُ نِعْمَةٌ مِّن رَّبِّهِ لَنُبِذَ بِالْعَرَاءِ وَهُوَ مَذْمُومٌ (49)
Odoo ni'imaan Gooftaa isaa irraa taate isa dhaqqabuu baattee, silaa komatamaa ta'eeti dirree biqiltuu hin qabne irratti darbama ture
فَاجْتَبَاهُ رَبُّهُ فَجَعَلَهُ مِنَ الصَّالِحِينَ (50)
Gooftaan isaa isa filateeti gaggaarii irraa isa godhe
وَإِن يَكَادُ الَّذِينَ كَفَرُوا لَيُزْلِقُونَكَ بِأَبْصَارِهِمْ لَمَّا سَمِعُوا الذِّكْرَ وَيَقُولُونَ إِنَّهُ لَمَجْنُونٌ (51)
Isaan kafaran yeroo yaadachiisa dhaga'an ija isaaniitiin lafaan si dhahuufi "dhugumatti, inni maraataa dha" (siin) jechuutti dhihaatu
وَمَا هُوَ إِلَّا ذِكْرٌ لِّلْعَالَمِينَ (52)
Innis aalama hundaaf yaadachiisa malee hin taane
❮ Previous Next ❯

Surahs from Quran :

1- Fatiha2- Baqarah
3- Al Imran4- Nisa
5- Maidah6- Anam
7- Araf8- Anfal
9- Tawbah10- Yunus
11- Hud12- Yusuf
13- Raad14- Ibrahim
15- Hijr16- Nahl
17- Al Isra18- Kahf
19- Maryam20- TaHa
21- Anbiya22- Hajj
23- Muminun24- An Nur
25- Furqan26- Shuara
27- Naml28- Qasas
29- Ankabut30- Rum
31- Luqman32- Sajdah
33- Ahzab34- Saba
35- Fatir36- Yasin
37- Assaaffat38- Sad
39- Zumar40- Ghafir
41- Fussilat42- shura
43- Zukhruf44- Ad Dukhaan
45- Jathiyah46- Ahqaf
47- Muhammad48- Al Fath
49- Hujurat50- Qaf
51- zariyat52- Tur
53- Najm54- Al Qamar
55- Rahman56- Waqiah
57- Hadid58- Mujadilah
59- Al Hashr60- Mumtahina
61- Saff62- Jumuah
63- Munafiqun64- Taghabun
65- Talaq66- Tahrim
67- Mulk68- Qalam
69- Al-Haqqah70- Maarij
71- Nuh72- Jinn
73- Muzammil74- Muddathir
75- Qiyamah76- Insan
77- Mursalat78- An Naba
79- Naziat80- Abasa
81- Takwir82- Infitar
83- Mutaffifin84- Inshiqaq
85- Buruj86- Tariq
87- Al Ala88- Ghashiya
89- Fajr90- Al Balad
91- Shams92- Lail
93- Duha94- Sharh
95- Tin96- Al Alaq
97- Qadr98- Bayyinah
99- Zalzalah100- Adiyat
101- Qariah102- Takathur
103- Al Asr104- Humazah
105- Al Fil106- Quraysh
107- Maun108- Kawthar
109- Kafirun110- Nasr
111- Masad112- Ikhlas
113- Falaq114- An Nas