×

Surah Al-Haqqah in Oromo

Quran Oromo ⮕ Surah Al-Haqqah

Translation of the Meanings of Surah Al-Haqqah in Oromo - أورومو

The Quran in Oromo - Surah Al-Haqqah translated into Oromo, Surah Al-Haqqah in Oromo. We provide accurate translation of Surah Al-Haqqah in Oromo - أورومو, Verses 52 - Surah Number 69 - Page 566.

بسم الله الرحمن الرحيم

الْحَاقَّةُ (1)
Mirkaneessituun
مَا الْحَاقَّةُ (2)
Mirkaneessituttiin maali
وَمَا أَدْرَاكَ مَا الْحَاقَّةُ (3)
Mirkaneessituttiin maal akka taate maaltu si beeksise
كَذَّبَتْ ثَمُودُ وَعَادٌ بِالْقَارِعَةِ (4)
(Ummanni) Samuudiifi Aad rukuttuu qalbii (Qiyaamaa) sobsiisaniiru
فَأَمَّا ثَمُودُ فَأُهْلِكُوا بِالطَّاغِيَةِ (5)
Samuudis iyya daangaa darbaadhaan balleeffaman
وَأَمَّا عَادٌ فَأُهْلِكُوا بِرِيحٍ صَرْصَرٍ عَاتِيَةٍ (6)
Aad immoo qilleensa sagalee cimaa akkaan bubbisuun balleeffaman
سَخَّرَهَا عَلَيْهِمْ سَبْعَ لَيَالٍ وَثَمَانِيَةَ أَيَّامٍ حُسُومًا فَتَرَى الْقَوْمَ فِيهَا صَرْعَىٰ كَأَنَّهُمْ أَعْجَازُ نَخْلٍ خَاوِيَةٍ (7)
Halkan torbaafi guyyaa saddeetiif walitti aansee isaan irratti ergeIshee keessatti ummata kan jirma timiraa hundeen buqqifame fakkaatanii kukkufan argita
فَهَلْ تَرَىٰ لَهُم مِّن بَاقِيَةٍ (8)
Sila isaan irraa haftee wahii ni argitaa
وَجَاءَ فِرْعَوْنُ وَمَن قَبْلَهُ وَالْمُؤْتَفِكَاتُ بِالْخَاطِئَةِ (9)
Fir'awn, warri isa duraatiifi (gandoonni) gombifamtoonnis diliidhaan dhufan
فَعَصَوْا رَسُولَ رَبِّهِمْ فَأَخَذَهُمْ أَخْذَةً رَّابِيَةً (10)
Ergamaa Gooftaa isaanii faallessinaan qabaa cimtuu isaan qabe
إِنَّا لَمَّا طَغَى الْمَاءُ حَمَلْنَاكُمْ فِي الْجَارِيَةِ (11)
Nuti yeroo bishaan daangaa dabru doonii keessatti isin baanne
لِنَجْعَلَهَا لَكُمْ تَذْكِرَةً وَتَعِيَهَا أُذُنٌ وَاعِيَةٌ (12)
Akka ishee isiniif gorsa goonuufi gurri waa hubattus akka ishee hubattuuf (kana goone)
فَإِذَا نُفِخَ فِي الصُّورِ نَفْخَةٌ وَاحِدَةٌ (13)
Yeroo Garrii ykn Faaggaa (xurumbaa) keessa afuuffaan tokkittiin afuufamte
وَحُمِلَتِ الْأَرْضُ وَالْجِبَالُ فَدُكَّتَا دَكَّةً وَاحِدَةً (14)
Dacheeniifi gaarreenis ol fuudhamanii caccabiinsa tokkittii caccaban
فَيَوْمَئِذٍ وَقَعَتِ الْوَاقِعَةُ (15)
Guyyaa san argamtuun (Qiyaamaan) ni argamti
وَانشَقَّتِ السَّمَاءُ فَهِيَ يَوْمَئِذٍ وَاهِيَةٌ (16)
Samiinis ni baqaqxi; kanaafuu isheen guyyaa san laaftuudha
وَالْمَلَكُ عَلَىٰ أَرْجَائِهَا ۚ وَيَحْمِلُ عَرْشَ رَبِّكَ فَوْقَهُمْ يَوْمَئِذٍ ثَمَانِيَةٌ (17)
Maleeykonnis daangawwan ishee irratti ta'uArshii Gooftaa keetiis guyyaa san (maleeykota) saddeettu gubbaa isaaniitti baadhatu
يَوْمَئِذٍ تُعْرَضُونَ لَا تَخْفَىٰ مِنكُمْ خَافِيَةٌ (18)
Guyyaa san (murtiidhaaf) ni dhiyeeffamtuu, (iccitiin) dhokattuun isin irraa taate hin dhokattu
فَأَمَّا مَنْ أُوتِيَ كِتَابَهُ بِيَمِينِهِ فَيَقُولُ هَاؤُمُ اقْرَءُوا كِتَابِيَهْ (19)
Namni kitaaba isaa mirga isaatiin kenname ni jedha: “hoodhaa kitaaba kiyya dubbisaa
إِنِّي ظَنَنتُ أَنِّي مُلَاقٍ حِسَابِيَهْ (20)
Ani qormaata koo qunnamuu dhugoomseen ture.”
فَهُوَ فِي عِيشَةٍ رَّاضِيَةٍ (21)
Innis jireenya jaalatamtuu keessa ta'a
فِي جَنَّةٍ عَالِيَةٍ (22)
Jannata ol fuudhamtuu keessa (ta'a)
قُطُوفُهَا دَانِيَةٌ (23)
Kan firiiwwan ishee dhihoo ta'an
كُلُوا وَاشْرَبُوا هَنِيئًا بِمَا أَسْلَفْتُمْ فِي الْأَيَّامِ الْخَالِيَةِ (24)
Waan guyyoota darban keessa dabarfattaniif jecha gammadoo ta’aatii nyaadhaa; dhugaa" (isaaniin jedhama)
وَأَمَّا مَنْ أُوتِيَ كِتَابَهُ بِشِمَالِهِ فَيَقُولُ يَا لَيْتَنِي لَمْ أُوتَ كِتَابِيَهْ (25)
Namni kitaaba isaa bitaa isaatiin kennames ni jedha: "yaa badii kiyya! Odoon kitaaba kiyya kennamuu hafee
وَلَمْ أَدْرِ مَا حِسَابِيَهْ (26)
Qormaanni kiyya maal akka ta'es (odoon) beekuu hafee
يَا لَيْتَهَا كَانَتِ الْقَاضِيَةَ (27)
Odoo isheen xumura (jiruu) kiyyaa taateen hawwa
مَا أَغْنَىٰ عَنِّي مَالِيَهْ ۜ (28)
Qabeenyi kiyya homaa nan duroomsine (fayyadne)
هَلَكَ عَنِّي سُلْطَانِيَهْ (29)
Taaytaan kiyyas narraa bade” (jedha)
خُذُوهُ فَغُلُّوهُ (30)
Isa qabaatii isa hidhaa (sakaalaa)
ثُمَّ الْجَحِيمَ صَلُّوهُ (31)
Ergasii ibidda isa seensisaa
ثُمَّ فِي سِلْسِلَةٍ ذَرْعُهَا سَبْعُونَ ذِرَاعًا فَاسْلُكُوهُ (32)
Ergasii sansalata dheerinni isaa dhundhuma torbaatama ta'e keessa isa seensisaa
إِنَّهُ كَانَ لَا يُؤْمِنُ بِاللَّهِ الْعَظِيمِ (33)
Inni Rabbii Guddaatti hin amanu ture
وَلَا يَحُضُّ عَلَىٰ طَعَامِ الْمِسْكِينِ (34)
Hiyyeeyyii nyaachisuu irrattis (namoota) hin kakaasu ture
فَلَيْسَ لَهُ الْيَوْمَ هَاهُنَا حَمِيمٌ (35)
Har’a asitti firri isaaf hin jiru
وَلَا طَعَامٌ إِلَّا مِنْ غِسْلِينٍ (36)
Nyaannis malaa (warra ibiddaa) irraa malee hin jiru
لَّا يَأْكُلُهُ إِلَّا الْخَاطِئُونَ (37)
Warra dilaawoo malee isa hin nyaatu
فَلَا أُقْسِمُ بِمَا تُبْصِرُونَ (38)
Waan isin argitaniinis niin kakadha
وَمَا لَا تُبْصِرُونَ (39)
Waan isin hin argineenis (niin kakadha)
إِنَّهُ لَقَوْلُ رَسُولٍ كَرِيمٍ (40)
Dhugumatti, inni (Qur'aanni) jecha ergamaa kabajamaati
وَمَا هُوَ بِقَوْلِ شَاعِرٍ ۚ قَلِيلًا مَّا تُؤْمِنُونَ (41)
Inni jecha weellisaatii miti; xiqquma qofa amantu
وَلَا بِقَوْلِ كَاهِنٍ ۚ قَلِيلًا مَّا تَذَكَّرُونَ (42)
Jecha raagaatiis miti; xiqqoo malee hin gorfamtanu
تَنزِيلٌ مِّن رَّبِّ الْعَالَمِينَ (43)
Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha
وَلَوْ تَقَوَّلَ عَلَيْنَا بَعْضَ الْأَقَاوِيلِ (44)
Odoo garii jechootaa (kan Nuti hin jedhin) Nurratti dubbatee
لَأَخَذْنَا مِنْهُ بِالْيَمِينِ (45)
Silaa Nuti mirgaan isa qabna turre
ثُمَّ لَقَطَعْنَا مِنْهُ الْوَتِينَ (46)
Ergasii hidda onnee isarraa kunna turre
فَمَا مِنكُم مِّنْ أَحَدٍ عَنْهُ حَاجِزِينَ (47)
Isin irraa namni isarraa dhorgu tokkollee hin jiru
وَإِنَّهُ لَتَذْكِرَةٌ لِّلْمُتَّقِينَ (48)
Innis (Qur'aanni) warra Rabbiin sodaataniif gorsa
وَإِنَّا لَنَعْلَمُ أَنَّ مِنكُم مُّكَذِّبِينَ (49)
Dhugumatti isin irraa namoonni (Qur'aana) sobsiisan akka jiran Nuti ni beekna
وَإِنَّهُ لَحَسْرَةٌ عَلَى الْكَافِرِينَ (50)
Inni (Qur'aanni) kaafiroota irratti gaabbiidha
وَإِنَّهُ لَحَقُّ الْيَقِينِ (51)
Dhugumatti, inni (Qur'aanni) dhugaa mirkanaa’aadha
فَسَبِّحْ بِاسْمِ رَبِّكَ الْعَظِيمِ (52)
Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi
❮ Previous Next ❯

Surahs from Quran :

1- Fatiha2- Baqarah
3- Al Imran4- Nisa
5- Maidah6- Anam
7- Araf8- Anfal
9- Tawbah10- Yunus
11- Hud12- Yusuf
13- Raad14- Ibrahim
15- Hijr16- Nahl
17- Al Isra18- Kahf
19- Maryam20- TaHa
21- Anbiya22- Hajj
23- Muminun24- An Nur
25- Furqan26- Shuara
27- Naml28- Qasas
29- Ankabut30- Rum
31- Luqman32- Sajdah
33- Ahzab34- Saba
35- Fatir36- Yasin
37- Assaaffat38- Sad
39- Zumar40- Ghafir
41- Fussilat42- shura
43- Zukhruf44- Ad Dukhaan
45- Jathiyah46- Ahqaf
47- Muhammad48- Al Fath
49- Hujurat50- Qaf
51- zariyat52- Tur
53- Najm54- Al Qamar
55- Rahman56- Waqiah
57- Hadid58- Mujadilah
59- Al Hashr60- Mumtahina
61- Saff62- Jumuah
63- Munafiqun64- Taghabun
65- Talaq66- Tahrim
67- Mulk68- Qalam
69- Al-Haqqah70- Maarij
71- Nuh72- Jinn
73- Muzammil74- Muddathir
75- Qiyamah76- Insan
77- Mursalat78- An Naba
79- Naziat80- Abasa
81- Takwir82- Infitar
83- Mutaffifin84- Inshiqaq
85- Buruj86- Tariq
87- Al Ala88- Ghashiya
89- Fajr90- Al Balad
91- Shams92- Lail
93- Duha94- Sharh
95- Tin96- Al Alaq
97- Qadr98- Bayyinah
99- Zalzalah100- Adiyat
101- Qariah102- Takathur
103- Al Asr104- Humazah
105- Al Fil106- Quraysh
107- Maun108- Kawthar
109- Kafirun110- Nasr
111- Masad112- Ikhlas
113- Falaq114- An Nas