| ن ۚ وَالْقَلَمِ وَمَا يَسْطُرُونَ (1) NuunQalamaafi waan (malaykonni) barreessaniinin kakadha
 | 
| مَا أَنتَ بِنِعْمَةِ رَبِّكَ بِمَجْنُونٍ (2) Ati ni'imaa Gooftaa keetiitiin maraataa hin taane
 | 
| وَإِنَّ لَكَ لَأَجْرًا غَيْرَ مَمْنُونٍ (3) Dhugumatti, siif mindaa hin cinnetu jira
 | 
| وَإِنَّكَ لَعَلَىٰ خُلُقٍ عَظِيمٍ (4) Dhugumatti, ati amala (naamusa) guddaa irra jirta
 | 
| فَسَتُبْصِرُ وَيُبْصِرُونَ (5) Fuulduratti arguuf jirta; isaanis arguuf jiru
 | 
| بِأَييِّكُمُ الْمَفْتُونُ (6) Eenyuu keessantu Maraataa akka ta’e (arguuf jirtu)
 | 
| إِنَّ رَبَّكَ هُوَ أَعْلَمُ بِمَن ضَلَّ عَن سَبِيلِهِ وَهُوَ أَعْلَمُ بِالْمُهْتَدِينَ (7) Dhugumatti, Gooftaan kee Isatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beeka; namoota qajeeloos Isatu akkaan beeka
 | 
| فَلَا تُطِعِ الْمُكَذِّبِينَ (8) Kijibsiiftotaaf hin ajajamin
 | 
| وَدُّوا لَوْ تُدْهِنُ فَيُدْهِنُونَ (9) Odoo ati (ejjannoo kee) laaffiftee [Isaan] laaffisanii jaalatu
 | 
| وَلَا تُطِعْ كُلَّ حَلَّافٍ مَّهِينٍ (10) Akkaan kakataa salphataa hundaaf hin ajajamin
 | 
| هَمَّازٍ مَّشَّاءٍ بِنَمِيمٍ (11) Akkaan hamataa, walitti naqaadhaan akkaan deemaa kan ta'eef (hin ajajamin)
 | 
| مَّنَّاعٍ لِّلْخَيْرِ مُعْتَدٍ أَثِيمٍ (12) Toltuu kan akkaan dhorgu, daangaa dabraa, dilaawaafis
 | 
| عُتُلٍّ بَعْدَ ذَٰلِكَ زَنِيمٍ (13) Gara jabeessa, sana booda immoo galtuu kan ta'een (hin ajajamin)
 | 
| أَن كَانَ ذَا مَالٍ وَبَنِينَ (14) Waan abbaa qabeenyaafi ilmaanii ta'eef (boonee kafare)
 | 
| إِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِ آيَاتُنَا قَالَ أَسَاطِيرُ الْأَوَّلِينَ (15) Yeroo keeyyattoonni Keenya isa irratti dubbifamtu, "(kun) ogbarruu warra duriiti" jedhe
 | 
| سَنَسِمُهُ عَلَى الْخُرْطُومِ (16) Funyaan irratti isa mallatteessina
 | 
| إِنَّا بَلَوْنَاهُمْ كَمَا بَلَوْنَا أَصْحَابَ الْجَنَّةِ إِذْ أَقْسَمُوا لَيَصْرِمُنَّهَا مُصْبِحِينَ (17) Dhugumatti, Nuti akkuma abbootii ashaakiltii yeroo isaan bariidhaan ishee funaannachuuf kakatan qormaannetti, isaanis (mushrikoota Makkaas) qormaanneerra
 | 
| وَلَا يَسْتَثْنُونَ (18) Siinoo hin baasanu (yoo Rabbiin fedhe hin jedhan)
 | 
| فَطَافَ عَلَيْهَا طَائِفٌ مِّن رَّبِّكَ وَهُمْ نَائِمُونَ (19) Odoo isaan rafanuu, naanna'aan (adabbiin) Rabbii kee biraa ta'e ishee irra naanna'e
 | 
| فَأَصْبَحَتْ كَالصَّرِيمِ (20) Akka halkan dukkanaa (cilee) taatee bulte
 | 
| فَتَنَادَوْا مُصْبِحِينَ (21) Bariidhaan walitti lallaban
 | 
| أَنِ اغْدُوا عَلَىٰ حَرْثِكُمْ إِن كُنتُمْ صَارِمِينَ (22) Yoo kan funaannattan taataniif oyruu keessan irratti bariifadhaa" (waliin jedhan)
 | 
| فَانطَلَقُوا وَهُمْ يَتَخَافَتُونَ (23) Walitti hasaasaa (gara oyruu) deeman
 | 
| أَن لَّا يَدْخُلَنَّهَا الْيَوْمَ عَلَيْكُم مِّسْكِينٌ (24) Har’a hiyyeessi tokkoyyuu isinirratti akka ishee hin seenne" (jechuun hasaasan)
 | 
| وَغَدَوْا عَلَىٰ حَرْدٍ قَادِرِينَ (25) (Hiyyeeyyii) dhowwuu irratti danda'oo ta'anii bariisifatan
 | 
| فَلَمَّا رَأَوْهَا قَالُوا إِنَّا لَضَالُّونَ (26) Yeroo ishee arganu ni jedhan: "nuti karaa badoodha
 | 
| بَلْ نَحْنُ مَحْرُومُونَ (27) Inumaayyuu nuti hoongeffamoodha
 | 
| قَالَ أَوْسَطُهُمْ أَلَمْ أَقُل لَّكُمْ لَوْلَا تُسَبِّحُونَ (28) Irra filatamaan isaanii "sila maaliif siinoo hin baafne (yoo Rabbiin fedhe hin jenne) isiniin jedhee hin turree?" jedhe
 | 
| قَالُوا سُبْحَانَ رَبِّنَا إِنَّا كُنَّا ظَالِمِينَ (29) Gooftaan keenya qulqullaa'e; dhugumatti, nuti miidhaa hojjattoota taaneerra" jedhan
 | 
| فَأَقْبَلَ بَعْضُهُمْ عَلَىٰ بَعْضٍ يَتَلَاوَمُونَ (30) Kan wal komatan ta’anii gariin isaanii garii irratti garagale
 | 
| قَالُوا يَا وَيْلَنَا إِنَّا كُنَّا طَاغِينَ (31) Ni jedhan: "yaa badii keenya! Nuti dhugumatti, daangaa dabritoota
 | 
| عَسَىٰ رَبُّنَا أَن يُبْدِلَنَا خَيْرًا مِّنْهَا إِنَّا إِلَىٰ رَبِّنَا رَاغِبُونَ (32) Gooftaan keenya kan ishee caaltu bakka nuuf buusuu kajeellaNuti dhugumatti, gara Gooftaa keenyaa kajeeloodha” (jedhan)
 | 
| كَذَٰلِكَ الْعَذَابُ ۖ وَلَعَذَابُ الْآخِرَةِ أَكْبَرُ ۚ لَوْ كَانُوا يَعْلَمُونَ (33) Adabni (addunyaa) akkanuma; adabbii Aakhiraatu irra guddaadhaOdoo beekanii (irraa of tiksu turan)
 | 
| إِنَّ لِلْمُتَّقِينَ عِندَ رَبِّهِمْ جَنَّاتِ النَّعِيمِ (34) Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif Gooftaa isaanii bira Jannata qananiitu jira
 | 
| أَفَنَجْعَلُ الْمُسْلِمِينَ كَالْمُجْرِمِينَ (35) Sila Nuti muslimoota akka yakkamtootaa ni goonaa
 | 
| مَا لَكُمْ كَيْفَ تَحْكُمُونَ (36) Maalumatu isiniif jira? Akkamitti murteessitu
 | 
| أَمْ لَكُمْ كِتَابٌ فِيهِ تَدْرُسُونَ (37) Dhugumatti, kitaaba (samii bu'e) kan isa keessaa dubbiftantu isiniif jiraa
 | 
| إِنَّ لَكُمْ فِيهِ لَمَا تَخَيَّرُونَ (38) Kan dhugumatti, isa keessa wanti isin filattan jiru (qabduu)
 | 
| أَمْ لَكُمْ أَيْمَانٌ عَلَيْنَا بَالِغَةٌ إِلَىٰ يَوْمِ الْقِيَامَةِ ۙ إِنَّ لَكُمْ لَمَا تَحْكُمُونَ (39) Sila ‘wanti isin murteessitan isiniif jira’ jechuun kakuu Guyyaa Qiyaamaa keessatti bakka ga'aa ta'etu isiniif jira moo
 | 
| سَلْهُمْ أَيُّهُم بِذَٰلِكَ زَعِيمٌ (40) Eenyuu isaaniitu sanaaf wabiidhaa isaan gaafadhu
 | 
| أَمْ لَهُمْ شُرَكَاءُ فَلْيَأْتُوا بِشُرَكَائِهِمْ إِن كَانُوا صَادِقِينَ (41) Sila shariikota (kan murtee isaanii dhugoomsu) qabu moo? Yoo kan dhugaa dubbatan ta'aniif shariikota isaaniitiin haa dhufanu
 | 
| يَوْمَ يُكْشَفُ عَن سَاقٍ وَيُدْعَوْنَ إِلَى السُّجُودِ فَلَا يَسْتَطِيعُونَ (42) Guyyaa mogolee irraa saaqamee (munaafiqoonni) gara sujuudaa waamamanii hin dandeenye san [yaadadhu]
 | 
| خَاشِعَةً أَبْصَارُهُمْ تَرْهَقُهُمْ ذِلَّةٌ ۖ وَقَدْ كَانُوا يُدْعَوْنَ إِلَى السُّجُودِ وَهُمْ سَالِمُونَ (43) Ijji isaanii sodaattuu taatee xiqqeenyis isaan haguugaDhugumatti, isaan odoo fayyaa qabanuu (addunyaa irratti) sujuudatti waamamaa turan
 | 
| فَذَرْنِي وَمَن يُكَذِّبُ بِهَٰذَا الْحَدِيثِ ۖ سَنَسْتَدْرِجُهُم مِّنْ حَيْثُ لَا يَعْلَمُونَ (44) Anaafi nama haasa'a (Qur'aana) kana sobsiisu walitti nu dhiisi; Nuti suutaan karaa isaan hin beekne irraa isaan qabna
 | 
| وَأُمْلِي لَهُمْ ۚ إِنَّ كَيْدِي مَتِينٌ (45) Yeroon isaaniif kennaDhugumatti, tooftaan Kiyya cimaadha
 | 
| أَمْ تَسْأَلُهُمْ أَجْرًا فَهُم مِّن مَّغْرَمٍ مُّثْقَلُونَ (46) Sila mindaa isaan gaafatteeti kaffaluuf itti ulfaatemoo (maali)
 | 
| أَمْ عِندَهُمُ الْغَيْبُ فَهُمْ يَكْتُبُونَ (47) Sila (iccitii) fagoo kan isaan barreessantu isaan bira jira moo
 | 
| فَاصْبِرْ لِحُكْمِ رَبِّكَ وَلَا تَكُن كَصَاحِبِ الْحُوتِ إِذْ نَادَىٰ وَهُوَ مَكْظُومٌ (48) Murtii Gooftaa keetiitiif obsiAkka saahiba qurxummii kan yeroo dallansuun guutame san (Rabbitti) lallabee hin ta'in
 | 
| لَّوْلَا أَن تَدَارَكَهُ نِعْمَةٌ مِّن رَّبِّهِ لَنُبِذَ بِالْعَرَاءِ وَهُوَ مَذْمُومٌ (49) Odoo ni'imaan Gooftaa isaa irraa taate isa dhaqqabuu baattee, silaa komatamaa ta'eeti dirree biqiltuu hin qabne irratti darbama ture
 | 
| فَاجْتَبَاهُ رَبُّهُ فَجَعَلَهُ مِنَ الصَّالِحِينَ (50) Gooftaan isaa isa filateeti gaggaarii irraa isa godhe
 | 
| وَإِن يَكَادُ الَّذِينَ كَفَرُوا لَيُزْلِقُونَكَ بِأَبْصَارِهِمْ لَمَّا سَمِعُوا الذِّكْرَ وَيَقُولُونَ إِنَّهُ لَمَجْنُونٌ (51) Isaan kafaran yeroo yaadachiisa dhaga'an ija isaaniitiin lafaan si dhahuufi "dhugumatti, inni maraataa dha" (siin) jechuutti dhihaatu
 | 
| وَمَا هُوَ إِلَّا ذِكْرٌ لِّلْعَالَمِينَ (52) Innis aalama hundaaf yaadachiisa malee hin taane
 |