| إِذَا السَّمَاءُ انفَطَرَتْ (1) Yeroo samiin dhodhoote
 | 
| وَإِذَا الْكَوَاكِبُ انتَثَرَتْ (2) Yeroo urjiiwwan harca'an
 | 
| وَإِذَا الْبِحَارُ فُجِّرَتْ (3) Yeroo galaanonni walitti makaman
 | 
| وَإِذَا الْقُبُورُ بُعْثِرَتْ (4) Yeroo qabroonni gara gaggalfamtee du’aa ishee keessa jiru ol baafte
 | 
| عَلِمَتْ نَفْسٌ مَّا قَدَّمَتْ وَأَخَّرَتْ (5) (Yeroo san) lubbuun hundi waan dabarfatte (hojjattee)fi dhiifte ni beekti
 | 
| يَا أَيُّهَا الْإِنسَانُ مَا غَرَّكَ بِرَبِّكَ الْكَرِيمِ (6) Yaa namootaa! Gooftaa kee kan Arjaa ta'etti (amanuu irraa) maaltu si gowwoomse
 | 
| الَّذِي خَلَقَكَ فَسَوَّاكَ فَعَدَلَكَ (7) Isa si uumee, ergasii si guutee, si sirreesse
 | 
| فِي أَيِّ صُورَةٍ مَّا شَاءَ رَكَّبَكَ (8) Boca fedhe keessatti walitti si qabe (sanarraa maaltu si gowwoomse)
 | 
| كَلَّا بَلْ تُكَذِّبُونَ بِالدِّينِ (9) Dhorgamaa! Dhugumatti, guyyaa murtii ni sobsiiftu
 | 
| وَإِنَّ عَلَيْكُمْ لَحَافِظِينَ (10) Dhugumatti, isin irra to’attootatu jiru
 | 
| كِرَامًا كَاتِبِينَ (11) Kabajamoo, barreessitoota kan ta’an
 | 
| يَعْلَمُونَ مَا تَفْعَلُونَ (12) Waan isin dalagdan ni beeku
 | 
| إِنَّ الْأَبْرَارَ لَفِي نَعِيمٍ (13) Dhugumatti, warri toltuu hojjatan qananii keessa jiraatu
 | 
| وَإِنَّ الْفُجَّارَ لَفِي جَحِيمٍ (14) Warri hamtuu hojjatan immoo ibidda keessa jiraatu
 | 
| يَصْلَوْنَهَا يَوْمَ الدِّينِ (15) Guyyaa murtii ishee seenu
 | 
| وَمَا هُمْ عَنْهَا بِغَائِبِينَ (16) Isaan ishee irraa hin fagaatanu
 | 
| وَمَا أَدْرَاكَ مَا يَوْمُ الدِّينِ (17) Sila guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise
 | 
| ثُمَّ مَا أَدْرَاكَ مَا يَوْمُ الدِّينِ (18) Ergasii guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise
 | 
| يَوْمَ لَا تَمْلِكُ نَفْسٌ لِّنَفْسٍ شَيْئًا ۖ وَالْأَمْرُ يَوْمَئِذٍ لِّلَّهِ (19) (Inni) guyyaa lubbuun tokko lubbuu biraatiif homaa gochuu hin dandeenyeGuyyaa san ajajni (hundi) kan Rabbiiti
 |