| وَيْلٌ لِّلْمُطَفِّفِينَ (1) Warra (safara) hir’isuuf badiin haa ta’u
 | 
| الَّذِينَ إِذَا اكْتَالُوا عَلَى النَّاسِ يَسْتَوْفُونَ (2) Isaan yeroo namoota irraa safaratan guuchisiifatan
 | 
| وَإِذَا كَالُوهُمْ أَو وَّزَنُوهُمْ يُخْسِرُونَ (3) Yeroo namootaaf safaran yookiin madaalan immoo hir’isan
 | 
| أَلَا يَظُنُّ أُولَٰئِكَ أَنَّهُم مَّبْعُوثُونَ (4) Sila isaan sun kaafamuu isaanii hin yaadanii
 | 
| لِيَوْمٍ عَظِيمٍ (5) Guyyaa guddaadhaaf
 | 
| يَوْمَ يَقُومُ النَّاسُ لِرَبِّ الْعَالَمِينَ (6) Guyyaa namni Gooftaa aalamaatiif dhaabbatu
 | 
| كَلَّا إِنَّ كِتَابَ الْفُجَّارِ لَفِي سِجِّينٍ (7) Dhugumatti, galmeen badii hojjattootaa Sijjiin keessa ta'a
 | 
| وَمَا أَدْرَاكَ مَا سِجِّينٌ (8) Sijjiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise
 | 
| كِتَابٌ مَّرْقُومٌ (9) Kitaaba barreeffamaadha (dalagaa yakkamtootaatu irratti barreeffama)
 | 
| وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ (10) Kijibsiiftotaaf Guyyaa san badiin mirkanaa’e
 | 
| الَّذِينَ يُكَذِّبُونَ بِيَوْمِ الدِّينِ (11) Isaan guyyaa murtii sobsiisaniif
 | 
| وَمَا يُكَذِّبُ بِهِ إِلَّا كُلُّ مُعْتَدٍ أَثِيمٍ (12) Daangaa darbitoota dilaawoo cufa ta’e malee namni isa kijibsiisu hin jiru
 | 
| إِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِ آيَاتُنَا قَالَ أَسَاطِيرُ الْأَوَّلِينَ (13) Yeroo keeyyattoonni Keenya isaan irratti qara'amte"ogbarruu warra duriiti" jedha
 | 
| كَلَّا ۖ بَلْ ۜ رَانَ عَلَىٰ قُلُوبِهِم مَّا كَانُوا يَكْسِبُونَ (14) Haa dhorgamanu! Dhugumatti wanti isaan hojjataa turan onnee isaanii haguuge
 | 
| كَلَّا إِنَّهُمْ عَن رَّبِّهِمْ يَوْمَئِذٍ لَّمَحْجُوبُونَ (15) Dhagayaa! Isaan guyyaa san Gooftaa isaanii irraa haguugamoodha
 | 
| ثُمَّ إِنَّهُمْ لَصَالُو الْجَحِيمِ (16) Ergasii isaan ibidda galtoota
 | 
| ثُمَّ يُقَالُ هَٰذَا الَّذِي كُنتُم بِهِ تُكَذِّبُونَ (17) Ergasii "inni kun isa isin sobsiisaa turtan" jedhama
 | 
| كَلَّا إِنَّ كِتَابَ الْأَبْرَارِ لَفِي عِلِّيِّينَ (18) Dhugumatti, galmeen toltuu hojjattootaa Illiyyiin keessa ta'a
 | 
| وَمَا أَدْرَاكَ مَا عِلِّيُّونَ (19) Illiyyiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise
 | 
| كِتَابٌ مَّرْقُومٌ (20) Kitaaba barreeffamaadha (hojii warra Rabbitti amaneetu irratti barreeffame)
 | 
| يَشْهَدُهُ الْمُقَرَّبُونَ (21) Warra Rabbitti dhiheeffamantu itti hirmaata
 | 
| إِنَّ الْأَبْرَارَ لَفِي نَعِيمٍ (22) Dhugumatti, toltuu hojjattoonni qananii keessa jiraatu
 | 
| عَلَى الْأَرَائِكِ يَنظُرُونَ (23) Sireewwan irra (taa'anii) ilaalu
 | 
| تَعْرِفُ فِي وُجُوهِهِمْ نَضْرَةَ النَّعِيمِ (24) Fuula isaanii keessatti ifina qananii ni beekta
 | 
| يُسْقَوْنَ مِن رَّحِيقٍ مَّخْتُومٍ (25) Farsoo qadaadamaa irraa obaafamu
 | 
| خِتَامُهُ مِسْكٌ ۚ وَفِي ذَٰلِكَ فَلْيَتَنَافَسِ الْمُتَنَافِسُونَ (26) Dhumti isaa miskiidha; sana keessatti warri wal dorgoman wal haa dorgoman
 | 
| وَمِزَاجُهُ مِن تَسْنِيمٍ (27) Makaan isaas ‘Tasniim’ irraayi
 | 
| عَيْنًا يَشْرَبُ بِهَا الْمُقَرَّبُونَ (28) (Tasniim) laga warri Rabbitti dhiheeffaman dhuganiidha
 | 
| إِنَّ الَّذِينَ أَجْرَمُوا كَانُوا مِنَ الَّذِينَ آمَنُوا يَضْحَكُونَ (29) Dhugumatti, isaan dilaawan isaan amananitti kolfaa turan
 | 
| وَإِذَا مَرُّوا بِهِمْ يَتَغَامَزُونَ (30) Yeroo isaan bira dabran wal akeeku
 | 
| وَإِذَا انقَلَبُوا إِلَىٰ أَهْلِهِمُ انقَلَبُوا فَكِهِينَ (31) Yeroo gara maatii isaanii deebi'anis gammadaa deebi’u
 | 
| وَإِذَا رَأَوْهُمْ قَالُوا إِنَّ هَٰؤُلَاءِ لَضَالُّونَ (32) Yeroo isaan arganis "dhugumatti, isaan kun jallattoota" jedhu
 | 
| وَمَا أُرْسِلُوا عَلَيْهِمْ حَافِظِينَ (33) Haala to'attoota ta'anii isaan irratti hin ergaminiin
 | 
| فَالْيَوْمَ الَّذِينَ آمَنُوا مِنَ الْكُفَّارِ يَضْحَكُونَ (34) Har’a (guyyaa kaafamiinsaa) isaan amanantu kaafirootatti kolfa
 | 
| عَلَى الْأَرَائِكِ يَنظُرُونَ (35) Sireewwan irra (ta'anii) ilaalu
 | 
| هَلْ ثُوِّبَ الْكُفَّارُ مَا كَانُوا يَفْعَلُونَ (36) Sila kaafiroonni waan dalagaa turan mindeffamaniiruu?” [jedhu]
 |