The Quran in Oromo - Surah Tin translated into Oromo, Surah At-Tin in Oromo. We provide accurate translation of Surah Tin in Oromo - أورومو, Verses 8 - Surah Number 95 - Page 597.
بِّسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ وَالتِّينِ وَالزَّيْتُونِ (1) Tiiniifi Zaytuuniiniin (kakadha) |
وَطُورِ سِينِينَ (2) Gaara (Tulluu) Siiniinaatiinis |
وَهَٰذَا الْبَلَدِ الْأَمِينِ (3) Biyya nagaa kanaanis (nin kakadha) |
لَقَدْ خَلَقْنَا الْإِنسَانَ فِي أَحْسَنِ تَقْوِيمٍ (4) Dhugumatti, Nuti nama dhaabbii irra gaarii ta'e keessatti isa uumne |
ثُمَّ رَدَدْنَاهُ أَسْفَلَ سَافِلِينَ (5) Ergasii bakka warra jalaa hundarra gadi aanaa ta'etti isa deebifne |
إِلَّا الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ فَلَهُمْ أَجْرٌ غَيْرُ مَمْنُونٍ (6) Garuu isaan amananii gaggaarii dalagan isaaniif mindaa addaan hin cinnetu jira |
فَمَا يُكَذِّبُكَ بَعْدُ بِالدِّينِ (7) Kana booda maaltu mindaa [guyyaa Qiyaamaa] si kijibsiisa (kijibsiisutti si kaase) |
أَلَيْسَ اللَّهُ بِأَحْكَمِ الْحَاكِمِينَ (8) Sila Rabbiin irra murteessaa warra murteessanuu hin taanee |