اقْرَأْ بِاسْمِ رَبِّكَ الَّذِي خَلَقَ (1) Maqaa Gooftaa keetii Isa (waan hunda) uumeetiin dubbisi | 
خَلَقَ الْإِنسَانَ مِنْ عَلَقٍ (2) (Isa) nama dhiiga ititaa irraa uume | 
اقْرَأْ وَرَبُّكَ الْأَكْرَمُ (3) Haala Gooftaan kee hunda irra arjaa ta’een qara'i | 
الَّذِي عَلَّمَ بِالْقَلَمِ (4) Isa qalamaan (barreessuu) barsiise sani | 
عَلَّمَ الْإِنسَانَ مَا لَمْ يَعْلَمْ (5) Nama, waan inni hin beekne barsiise | 
كَلَّا إِنَّ الْإِنسَانَ لَيَطْغَىٰ (6) Dhugumatti, namni daangaa dabra | 
أَن رَّآهُ اسْتَغْنَىٰ (7) Sababa duroomuu of arguutiin | 
إِنَّ إِلَىٰ رَبِّكَ الرُّجْعَىٰ (8) Deebiin garuma Gooftaa keetiiti | 
أَرَأَيْتَ الَّذِي يَنْهَىٰ (9) Sila isa dhorgu san argitee | 
عَبْدًا إِذَا صَلَّىٰ (10) Gabricha yeroo inni salaatu (kan dhorgu argitee) | 
أَرَأَيْتَ إِن كَانَ عَلَى الْهُدَىٰ (11) Yoo inni qajeeluma irra jiraate hoo mee naaf himi | 
أَوْ أَمَرَ بِالتَّقْوَىٰ (12) Yookiin immoo sodaa Rabbiitti yoo ajaje hoo | 
أَرَأَيْتَ إِن كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ (13) Yoo inni (Abuu Jahal) kijibsiisee irraa gara gale hoo mee naaf himi | 
أَلَمْ يَعْلَم بِأَنَّ اللَّهَ يَرَىٰ (14) Sila inni Rabbiin arguu hin beekuu | 
كَلَّا لَئِن لَّمْ يَنتَهِ لَنَسْفَعًا بِالنَّاصِيَةِ (15) Haa dhorgamu; yoo inni (Abuu Jahal) dhorgamuu baate, sammuu qabna | 
نَاصِيَةٍ كَاذِبَةٍ خَاطِئَةٍ (16) Sammuu sobduu, dogoggortuu taate (qabna) | 
فَلْيَدْعُ نَادِيَهُ (17) Garee isaa haa waammatu | 
سَنَدْعُ الزَّبَانِيَةَ (18) Nutis waardiyyaa keenya waammachuuf jirra | 
كَلَّا لَا تُطِعْهُ وَاسْجُدْ وَاقْتَرِب ۩ (19) Dhorgami! Isaan hin ajajaminSujuudis gara Rabbiittis dhihaadhu |