The Quran in Oromo - Surah Qariah translated into Oromo, Surah Al-Qariah in Oromo. We provide accurate translation of Surah Qariah in Oromo - أورومو, Verses 11 - Surah Number 101 - Page 600.
الْقَارِعَةُ (1) Qalbii rukuttuun (Qiyaamaan) |
مَا الْقَارِعَةُ (2) Qalbii rukuttuun maali |
وَمَا أَدْرَاكَ مَا الْقَارِعَةُ (3) Qalbii rukuttuun maal akka taate maaltu si beeksise |
يَوْمَ يَكُونُ النَّاسُ كَالْفَرَاشِ الْمَبْثُوثِ (4) Guyyaa namni akka billaacha faffacaafamee ta’u |
وَتَكُونُ الْجِبَالُ كَالْعِهْنِ الْمَنفُوشِ (5) (Guyyaa) gaarreen akka jirbii iddamee (qaasasame) ta'u |
فَأَمَّا مَن ثَقُلَتْ مَوَازِينُهُ (6) Namni madaalli (hojii) isaa ulfaatte |
فَهُوَ فِي عِيشَةٍ رَّاضِيَةٍ (7) Inni jireenya jaalatamtuu keessa ta'a |
وَأَمَّا مَنْ خَفَّتْ مَوَازِينُهُ (8) Namni madaalli (hojii) isaa salphatte immoo |
فَأُمُّهُ هَاوِيَةٌ (9) Haati isaa “Haawiyaa[]”dha |
وَمَا أَدْرَاكَ مَا هِيَهْ (10) Isheen (Haawiyaan) maal akka taate maaltu si beeksise |
نَارٌ حَامِيَةٌ (11) (Isheen) ibidda gubduudha |