| إِذَا السَّمَاءُ انشَقَّتْ (1) Yeroo samiin dhodhoote
 | 
| وَأَذِنَتْ لِرَبِّهَا وَحُقَّتْ (2) (Yeroo isheen ajaja) Gooftaa ishee dhaggeeffatte; (wanti kana godhu waan itti argameef) dhugaa qabdi
 | 
| وَإِذَا الْأَرْضُ مُدَّتْ (3) Yeroo dachiinis diriirfamte
 | 
| وَأَلْقَتْ مَا فِيهَا وَتَخَلَّتْ (4) Waan ishee keessa jiru darbitee, duwwaas taate
 | 
| وَأَذِنَتْ لِرَبِّهَا وَحُقَّتْ (5) (Yeroo isheen ajaja) Gooftaa ishee dhaggeeffatte; (wanti kana godhu waan itti argameef) dhugaa qabdi
 | 
| يَا أَيُّهَا الْإِنسَانُ إِنَّكَ كَادِحٌ إِلَىٰ رَبِّكَ كَدْحًا فَمُلَاقِيهِ (6) Yaa namootaa! Dhugumatti, ati gara Rabbii keetii (dhaqqabuuf) hojiin qabsaa’aadhaa, isa (hojii kee) qunnamaadhas
 | 
| فَأَمَّا مَنْ أُوتِيَ كِتَابَهُ بِيَمِينِهِ (7) Namni galmee isaa mirga isaatiin kenname
 | 
| فَسَوْفَ يُحَاسَبُ حِسَابًا يَسِيرًا (8) Qormaata salphaa qoramuuf jira
 | 
| وَيَنقَلِبُ إِلَىٰ أَهْلِهِ مَسْرُورًا (9) Gammadaa gara maatii isaa deebi’a
 | 
| وَأَمَّا مَنْ أُوتِيَ كِتَابَهُ وَرَاءَ ظَهْرِهِ (10) Namni galmee isaa dugda duubaan kenname immoo
 | 
| فَسَوْفَ يَدْعُو ثُبُورًا (11) Badii kadhachuuf jira
 | 
| وَيَصْلَىٰ سَعِيرًا (12) Ibidda boba’aa seena
 | 
| إِنَّهُ كَانَ فِي أَهْلِهِ مَسْرُورًا (13) Dhugumatti, inni maatii isaa keessatti gammadaa ture
 | 
| إِنَّهُ ظَنَّ أَن لَّن يَحُورَ (14) Dhugamatti, inni (gama Rabbii) deebi’uu dhabuu yaade
 | 
| بَلَىٰ إِنَّ رَبَّهُ كَانَ بِهِ بَصِيرًا (15) Lakki! (ni deebi’a)Gooftaan isaa isa argaadha
 | 
| فَلَا أُقْسِمُ بِالشَّفَقِ (16) Haa dhorgamu! Diimina galgalaattin kakadha
 | 
| وَاللَّيْلِ وَمَا وَسَقَ (17) Halkaniifi waan inni walitti qabeenis (nan kakadha)
 | 
| وَالْقَمَرِ إِذَا اتَّسَقَ (18) Ji'attis yeroo inni guuteenin (kakadha)
 | 
| لَتَرْكَبُنَّ طَبَقًا عَن طَبَقٍ (19) Dhugumatti, isin sadarkaa tokko irraa gara sadarkaa biraatti ceetu
 | 
| فَمَا لَهُمْ لَا يُؤْمِنُونَ (20) Maaltu isaaniif jiraayi hin amanne
 | 
| وَإِذَا قُرِئَ عَلَيْهِمُ الْقُرْآنُ لَا يَسْجُدُونَ ۩ (21) Yeroo Qur'aanni isaan irratti qara'amus sujuuda hin bu'an
 | 
| بَلِ الَّذِينَ كَفَرُوا يُكَذِّبُونَ (22) Dhugumaatti, warri kafaran ni sobsiisu
 | 
| وَاللَّهُ أَعْلَمُ بِمَا يُوعُونَ (23) Rabbiin irra beekaa waan isaan (onnee isaanii keessatti) walitti qabaniiti
 | 
| فَبَشِّرْهُم بِعَذَابٍ أَلِيمٍ (24) Adaba laalessaadhaan isaan gammachiisi
 | 
| إِلَّا الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ لَهُمْ أَجْرٌ غَيْرُ مَمْنُونٍ (25) Garuu isaan amananii gaggaarii hojjatan isaaniif mindaa hin cinnetu jira
 |