إِذَا السَّمَاءُ انشَقَّتْ (1) Yeroo samiin dhodhoote |
وَأَذِنَتْ لِرَبِّهَا وَحُقَّتْ (2) (Yeroo isheen ajaja) Gooftaa ishee dhaggeeffatte; (wanti kana godhu waan itti argameef) dhugaa qabdi |
وَإِذَا الْأَرْضُ مُدَّتْ (3) Yeroo dachiinis diriirfamte |
وَأَلْقَتْ مَا فِيهَا وَتَخَلَّتْ (4) Waan ishee keessa jiru darbitee, duwwaas taate |
وَأَذِنَتْ لِرَبِّهَا وَحُقَّتْ (5) (Yeroo isheen ajaja) Gooftaa ishee dhaggeeffatte; (wanti kana godhu waan itti argameef) dhugaa qabdi |
يَا أَيُّهَا الْإِنسَانُ إِنَّكَ كَادِحٌ إِلَىٰ رَبِّكَ كَدْحًا فَمُلَاقِيهِ (6) Yaa namootaa! Dhugumatti, ati gara Rabbii keetii (dhaqqabuuf) hojiin qabsaa’aadhaa, isa (hojii kee) qunnamaadhas |
فَأَمَّا مَنْ أُوتِيَ كِتَابَهُ بِيَمِينِهِ (7) Namni galmee isaa mirga isaatiin kenname |
فَسَوْفَ يُحَاسَبُ حِسَابًا يَسِيرًا (8) Qormaata salphaa qoramuuf jira |
وَيَنقَلِبُ إِلَىٰ أَهْلِهِ مَسْرُورًا (9) Gammadaa gara maatii isaa deebi’a |
وَأَمَّا مَنْ أُوتِيَ كِتَابَهُ وَرَاءَ ظَهْرِهِ (10) Namni galmee isaa dugda duubaan kenname immoo |
فَسَوْفَ يَدْعُو ثُبُورًا (11) Badii kadhachuuf jira |
وَيَصْلَىٰ سَعِيرًا (12) Ibidda boba’aa seena |
إِنَّهُ كَانَ فِي أَهْلِهِ مَسْرُورًا (13) Dhugumatti, inni maatii isaa keessatti gammadaa ture |
إِنَّهُ ظَنَّ أَن لَّن يَحُورَ (14) Dhugamatti, inni (gama Rabbii) deebi’uu dhabuu yaade |
بَلَىٰ إِنَّ رَبَّهُ كَانَ بِهِ بَصِيرًا (15) Lakki! (ni deebi’a)Gooftaan isaa isa argaadha |
فَلَا أُقْسِمُ بِالشَّفَقِ (16) Haa dhorgamu! Diimina galgalaattin kakadha |
وَاللَّيْلِ وَمَا وَسَقَ (17) Halkaniifi waan inni walitti qabeenis (nan kakadha) |
وَالْقَمَرِ إِذَا اتَّسَقَ (18) Ji'attis yeroo inni guuteenin (kakadha) |
لَتَرْكَبُنَّ طَبَقًا عَن طَبَقٍ (19) Dhugumatti, isin sadarkaa tokko irraa gara sadarkaa biraatti ceetu |
فَمَا لَهُمْ لَا يُؤْمِنُونَ (20) Maaltu isaaniif jiraayi hin amanne |
وَإِذَا قُرِئَ عَلَيْهِمُ الْقُرْآنُ لَا يَسْجُدُونَ ۩ (21) Yeroo Qur'aanni isaan irratti qara'amus sujuuda hin bu'an |
بَلِ الَّذِينَ كَفَرُوا يُكَذِّبُونَ (22) Dhugumaatti, warri kafaran ni sobsiisu |
وَاللَّهُ أَعْلَمُ بِمَا يُوعُونَ (23) Rabbiin irra beekaa waan isaan (onnee isaanii keessatti) walitti qabaniiti |
فَبَشِّرْهُم بِعَذَابٍ أَلِيمٍ (24) Adaba laalessaadhaan isaan gammachiisi |
إِلَّا الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ لَهُمْ أَجْرٌ غَيْرُ مَمْنُونٍ (25) Garuu isaan amananii gaggaarii hojjatan isaaniif mindaa hin cinnetu jira |