حم (1) Haa Miim |
تَنزِيلُ الْكِتَابِ مِنَ اللَّهِ الْعَزِيزِ الْعَلِيمِ (2) Buufamni kitaabichaa Rabbii injifataa, beekaa ta’e irraayi |
غَافِرِ الذَّنبِ وَقَابِلِ التَّوْبِ شَدِيدِ الْعِقَابِ ذِي الطَّوْلِ ۖ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ۖ إِلَيْهِ الْمَصِيرُ (3) Araaramaa dilii, qeebalaa tawbaa, (abbaa) adabbii cimaa, abbaa arjummaa(irraayyi)Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; deebiinis gara Isaati |
مَا يُجَادِلُ فِي آيَاتِ اللَّهِ إِلَّا الَّذِينَ كَفَرُوا فَلَا يَغْرُرْكَ تَقَلُّبُهُمْ فِي الْبِلَادِ (4) Keeyyattoota Rabbii keessatti warra kafaran malee eenyulleen hin falmuDachii keessa gara gaggaluun isaanii si hin gowwoomsin |
كَذَّبَتْ قَبْلَهُمْ قَوْمُ نُوحٍ وَالْأَحْزَابُ مِن بَعْدِهِمْ ۖ وَهَمَّتْ كُلُّ أُمَّةٍ بِرَسُولِهِمْ لِيَأْخُذُوهُ ۖ وَجَادَلُوا بِالْبَاطِلِ لِيُدْحِضُوا بِهِ الْحَقَّ فَأَخَذْتُهُمْ ۖ فَكَيْفَ كَانَ عِقَابِ (5) Isaan dura ummanni Nuuhiifi gareewwan isaan boodaas sobsiisanii jiruUmmanni hundi ergamaa isaanii qabuuf yaadaniiruSobaan falmanii dhugaa balleessufis yaalaniitin isaan qabeadabbiin kiyya akkam ta’e laata |
وَكَذَٰلِكَ حَقَّتْ كَلِمَتُ رَبِّكَ عَلَى الَّذِينَ كَفَرُوا أَنَّهُمْ أَصْحَابُ النَّارِ (6) Akkuma kanatti jechi Rabbii keetii isaan kafaran irratti ‘dhugumatti isaan warra ibiddaa ta’uun’ mirkanoofte |
الَّذِينَ يَحْمِلُونَ الْعَرْشَ وَمَنْ حَوْلَهُ يُسَبِّحُونَ بِحَمْدِ رَبِّهِمْ وَيُؤْمِنُونَ بِهِ وَيَسْتَغْفِرُونَ لِلَّذِينَ آمَنُوا رَبَّنَا وَسِعْتَ كُلَّ شَيْءٍ رَّحْمَةً وَعِلْمًا فَاغْفِرْ لِلَّذِينَ تَابُوا وَاتَّبَعُوا سَبِيلَكَ وَقِهِمْ عَذَابَ الْجَحِيمِ (7) Isaan (malaykonni) Arshii baadhataniifi isaan maddii isaa jiranis Gooftaa isaanii faarsuun qulqulleessu; Isattis ni amanu; isaan amananiifis (akkana jechuun) araarama kadhatu: “Rabbii keenya! Ati rahmataafi beekumsaan waan hunda wal geessee jirta; kanaafuu isaan tawbataniifi karaa kee hordofaniif araaramiadabbii jahiim irraas isaan tiksi |
رَبَّنَا وَأَدْخِلْهُمْ جَنَّاتِ عَدْنٍ الَّتِي وَعَدتَّهُمْ وَمَن صَلَحَ مِنْ آبَائِهِمْ وَأَزْوَاجِهِمْ وَذُرِّيَّاتِهِمْ ۚ إِنَّكَ أَنتَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ (8) (Yaa) Rabbii keenya! Jannata qubannaa kan waadaa isaaniif galte isaan seensisi; akkasumas namoota toltuu hojjatan, kan abbootii isaanii, warra isaaniitiifi ilmaan isaanii irraa ta’anis (seensisi)Dhugumatti, Ati sumatu injifataa, ogeessa |
وَقِهِمُ السَّيِّئَاتِ ۚ وَمَن تَقِ السَّيِّئَاتِ يَوْمَئِذٍ فَقَدْ رَحِمْتَهُ ۚ وَذَٰلِكَ هُوَ الْفَوْزُ الْعَظِيمُ (9) Hamtuu irraas isaan eegiNama Ati hamtuu irraa eegde, dhugumatti guyyaa san rahmata isaaf gootee jirtaSuni isumatu milkii guddaadha.” |
إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا يُنَادَوْنَ لَمَقْتُ اللَّهِ أَكْبَرُ مِن مَّقْتِكُمْ أَنفُسَكُمْ إِذْ تُدْعَوْنَ إِلَى الْإِيمَانِ فَتَكْفُرُونَ (10) Dhugumatti, warri kafaran “jibbaa Rabbii, kan yeroo gara iimaanaa waamamtanii isin kafartanii (Inni isin jibbutu) jibbaa mataa keessanii (kan har’a of jibbitan) irra guddaadha” jechuun itti lallabama |
قَالُوا رَبَّنَا أَمَتَّنَا اثْنَتَيْنِ وَأَحْيَيْتَنَا اثْنَتَيْنِ فَاعْتَرَفْنَا بِذُنُوبِنَا فَهَلْ إِلَىٰ خُرُوجٍ مِّن سَبِيلٍ (11) Ni jedhan: “yaa Gooftaa keenya! Yeroo lama nu ajjeefteeti yeroo lama nu jiraachifteAmma balleessa keenya fudhanneerraa, karaan (rakkoo hamaa kana irraa) ittiin baanu wahii jiraa?” |
ذَٰلِكُم بِأَنَّهُ إِذَا دُعِيَ اللَّهُ وَحْدَهُ كَفَرْتُمْ ۖ وَإِن يُشْرَكْ بِهِ تُؤْمِنُوا ۚ فَالْحُكْمُ لِلَّهِ الْعَلِيِّ الْكَبِيرِ (12) Kun waan isin yeroo Rabbiin kophaa Isaa waamamu kafartanii, yeroo Isatti qindeeffame immoo amantaniifiMurtiin kan Rabbii ol ta’aa, guddaati |
هُوَ الَّذِي يُرِيكُمْ آيَاتِهِ وَيُنَزِّلُ لَكُم مِّنَ السَّمَاءِ رِزْقًا ۚ وَمَا يَتَذَكَّرُ إِلَّا مَن يُنِيبُ (13) Inni Isa mallattoolee Isaa isinitti argisiisuufi samii irraa rooba isiniif buusuudhaNama gara Isaa deebi’u malee eenyunuu hin gorfamu |
فَادْعُوا اللَّهَ مُخْلِصِينَ لَهُ الدِّينَ وَلَوْ كَرِهَ الْكَافِرُونَ (14) Oduma kaafirtoonni jibbanuu amantii isaaf qulqulleessaa, Rabbiin gabbaraa |
رَفِيعُ الدَّرَجَاتِ ذُو الْعَرْشِ يُلْقِي الرُّوحَ مِنْ أَمْرِهِ عَلَىٰ مَن يَشَاءُ مِنْ عِبَادِهِ لِيُنذِرَ يَوْمَ التَّلَاقِ (15) (Rabbiin Isa) sadarkaa ol fuudhu; dhuunfataa ‘Arshiiti.’ Akka guyyaa wal qunnamtii akeekkachiisuuf wahyii ajaja Isaa irraa ta’e gabroota Isaa gidduu nama fedhe irratti buusa |
يَوْمَ هُم بَارِزُونَ ۖ لَا يَخْفَىٰ عَلَى اللَّهِ مِنْهُمْ شَيْءٌ ۚ لِّمَنِ الْمُلْكُ الْيَوْمَ ۖ لِلَّهِ الْوَاحِدِ الْقَهَّارِ (16) Guyyaa isaan hundi ifatti bahan; (dhimma) isaan (ilaallatu) irraa homaatuu Rabbi irraa hin dhokatu“Har’a mootummaan kan eenyuuti? Kan Rabbii tokkicha, hunda injifataa ta’eeti.” (Rabbiin jedha) |
الْيَوْمَ تُجْزَىٰ كُلُّ نَفْسٍ بِمَا كَسَبَتْ ۚ لَا ظُلْمَ الْيَوْمَ ۚ إِنَّ اللَّهَ سَرِيعُ الْحِسَابِ (17) Har’a (Guyyaa Qiyaamaa) lubbuun hundi waan hojjatte mindeeffamtiHar’a miidhaan hin jiruDhugumatti, Rabbiin saffisaa herregaati |
وَأَنذِرْهُمْ يَوْمَ الْآزِفَةِ إِذِ الْقُلُوبُ لَدَى الْحَنَاجِرِ كَاظِمِينَ ۚ مَا لِلظَّالِمِينَ مِنْ حَمِيمٍ وَلَا شَفِيعٍ يُطَاعُ (18) Guyyaa dhihaattuu (Qiyaamaa), kan yeroo onneen kokkee bira geessu yaada guutaman san isaan akeekkachiisi(Guyyaa san) miidhaa raawwattootaaf firri yookiin manguddoon fudhatama qabu hin jiru |
يَعْلَمُ خَائِنَةَ الْأَعْيُنِ وَمَا تُخْفِي الصُّدُورُ (19) (Rabbiin) gantuu ijaatiifi waan qomti dhoksitu hunda ni beeka |
وَاللَّهُ يَقْضِي بِالْحَقِّ ۖ وَالَّذِينَ يَدْعُونَ مِن دُونِهِ لَا يَقْضُونَ بِشَيْءٍ ۗ إِنَّ اللَّهَ هُوَ السَّمِيعُ الْبَصِيرُ (20) Rabbiin dhugaan murteessaWarri Isaa gaditti isaan gabbaran homaa hin murteessanuDhugumatti, Rabbiin Isumatu dhagayaa, argaadha |
۞ أَوَلَمْ يَسِيرُوا فِي الْأَرْضِ فَيَنظُرُوا كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ الَّذِينَ كَانُوا مِن قَبْلِهِمْ ۚ كَانُوا هُمْ أَشَدَّ مِنْهُمْ قُوَّةً وَآثَارًا فِي الْأَرْضِ فَأَخَذَهُمُ اللَّهُ بِذُنُوبِهِمْ وَمَا كَانَ لَهُم مِّنَ اللَّهِ مِن وَاقٍ (21) Sila dachii keessa deemanii booddeen warra isaan dura turanii akkam akka ta’e hin ilaalanuu? Humnaafi dachii keessatti faana dhiisuun isaan irra ciccimoo turaniiti, Rabbiin badii isaaniitif isaan qabe(adabbii) Rabbii irraa wanti isaan tiksu tokkollee isaaniif hin jiru |
ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ كَانَت تَّأْتِيهِمْ رُسُلُهُم بِالْبَيِّنَاتِ فَكَفَرُوا فَأَخَذَهُمُ اللَّهُ ۚ إِنَّهُ قَوِيٌّ شَدِيدُ الْعِقَابِ (22) Kun waan isaan, ergamtoonni isaanii ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhufnaan, isaan (itti) kafaraniifiRabbiin isaan ni qabeDhugumatti, Inni jabaa, adabbii cimaati |
وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا مُوسَىٰ بِآيَاتِنَا وَسُلْطَانٍ مُّبِينٍ (23) Dhugumatti, Muusaa keeyyattoota keenyaafi ragaa ifa ta’een ergineerra |
إِلَىٰ فِرْعَوْنَ وَهَامَانَ وَقَارُونَ فَقَالُوا سَاحِرٌ كَذَّابٌ (24) Gara Fir’awn, Haamaaniifi Qaaruunitti (erginee) “falfalaa, akkaan sobaadha” jedhan |
فَلَمَّا جَاءَهُم بِالْحَقِّ مِنْ عِندِنَا قَالُوا اقْتُلُوا أَبْنَاءَ الَّذِينَ آمَنُوا مَعَهُ وَاسْتَحْيُوا نِسَاءَهُمْ ۚ وَمَا كَيْدُ الْكَافِرِينَ إِلَّا فِي ضَلَالٍ (25) Yeroo inni dhugaa Nu biraa ta’een itti dhufe, ni jedhan: “ilmaan dhiiraa warra isaa waliin amananii ajjeesaa; dubartoota isaanii dhiisaa.” Tooftaan kaafirootaa dhabama malee hin taane |
وَقَالَ فِرْعَوْنُ ذَرُونِي أَقْتُلْ مُوسَىٰ وَلْيَدْعُ رَبَّهُ ۖ إِنِّي أَخَافُ أَن يُبَدِّلَ دِينَكُمْ أَوْ أَن يُظْهِرَ فِي الْأَرْضِ الْفَسَادَ (26) Fir’awnis “Muusaa nan ajjeesaa na dhiisaa, Gooftaa isaa haa waammatuu.” “Ani amantii keessan jijjiruu yookiin dachii keessatti badii mul’isuu isaan sodaadha” jedhe |
وَقَالَ مُوسَىٰ إِنِّي عُذْتُ بِرَبِّي وَرَبِّكُم مِّن كُلِّ مُتَكَبِّرٍ لَّا يُؤْمِنُ بِيَوْمِ الْحِسَابِ (27) Muusaanis ni jedhe: “ani nama boonaa guyyaa herregaatti hin amanne hunda irraa Rabbii kiyyaafi Rabbii keessanittiin maganfadhe.” |
وَقَالَ رَجُلٌ مُّؤْمِنٌ مِّنْ آلِ فِرْعَوْنَ يَكْتُمُ إِيمَانَهُ أَتَقْتُلُونَ رَجُلًا أَن يَقُولَ رَبِّيَ اللَّهُ وَقَدْ جَاءَكُم بِالْبَيِّنَاتِ مِن رَّبِّكُمْ ۖ وَإِن يَكُ كَاذِبًا فَعَلَيْهِ كَذِبُهُ ۖ وَإِن يَكُ صَادِقًا يُصِبْكُم بَعْضُ الَّذِي يَعِدُكُمْ ۖ إِنَّ اللَّهَ لَا يَهْدِي مَنْ هُوَ مُسْرِفٌ كَذَّابٌ (28) Namichi mu’uminni iimaana isaa dhoksu, kan maatii Fir’awni irraa ta’e ni jedhe: “sila isin namicha, waan Gooftaan kiyya Rabbuma jedheef, odoo Gooftaa keessan irraa ragaawwan ifa ta’aniin isinitti dhufee jiruu ajjeeftuu? Yoo sobaa ta’e sobni isaa isuma irratti; yoo nama dhugaa ta’e gariin waan inni waadaa isiniif galee isin tuqaDhugumatti, Rabbiin nama daangaa dabraa, akkaan sobaa ta’e kamillee hin qajeelchu |
يَا قَوْمِ لَكُمُ الْمُلْكُ الْيَوْمَ ظَاهِرِينَ فِي الْأَرْضِ فَمَن يَنصُرُنَا مِن بَأْسِ اللَّهِ إِن جَاءَنَا ۚ قَالَ فِرْعَوْنُ مَا أُرِيكُمْ إِلَّا مَا أَرَىٰ وَمَا أَهْدِيكُمْ إِلَّا سَبِيلَ الرَّشَادِ (29) Yaa ummata kiyya! Har’a dachii keessatti ol aantummaa qabaachuun, mootummaan keessan; yoo adabbiin Rabbii nutti dhufe namni nu tumsu eenyu?” (jedheen)Fir’awni “ani waanuman ofii kiyyaa amanu malee isinin hin akeeku; karaa sirraawaa malees isin hin qajeelchu” jedhe |
وَقَالَ الَّذِي آمَنَ يَا قَوْمِ إِنِّي أَخَافُ عَلَيْكُم مِّثْلَ يَوْمِ الْأَحْزَابِ (30) Inni amane ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Ani fakkaataa guyyaa ummata duriin isin irratti sodaadha |
مِثْلَ دَأْبِ قَوْمِ نُوحٍ وَعَادٍ وَثَمُودَ وَالَّذِينَ مِن بَعْدِهِمْ ۚ وَمَا اللَّهُ يُرِيدُ ظُلْمًا لِّلْعِبَادِ (31) Fakkaataa aadaa ummata Nuuh, Aad, Samuudiifi warra isaan boodaan (isin irratti sodaadha)Rabbiin gabrootaaf miidhaa hin fedhu |
وَيَا قَوْمِ إِنِّي أَخَافُ عَلَيْكُمْ يَوْمَ التَّنَادِ (32) Yaa ummata kiyya! Ani (adabbii) guyyaa wal waamiinsaan isin irratti sodaadha |
يَوْمَ تُوَلُّونَ مُدْبِرِينَ مَا لَكُم مِّنَ اللَّهِ مِنْ عَاصِمٍ ۗ وَمَن يُضْلِلِ اللَّهُ فَمَا لَهُ مِنْ هَادٍ (33) (adabbii) guyyaa, kan Rabbi irraa tiksaan isiniif hin jirre taatanii of duuba deebitanuun (isin irratti sodaadha)Nama Rabbiin jallise qajeelchaan isaaf hin jiru.” |
وَلَقَدْ جَاءَكُمْ يُوسُفُ مِن قَبْلُ بِالْبَيِّنَاتِ فَمَا زِلْتُمْ فِي شَكٍّ مِّمَّا جَاءَكُم بِهِ ۖ حَتَّىٰ إِذَا هَلَكَ قُلْتُمْ لَن يَبْعَثَ اللَّهُ مِن بَعْدِهِ رَسُولًا ۚ كَذَٰلِكَ يُضِلُّ اللَّهُ مَنْ هُوَ مُسْرِفٌ مُّرْتَابٌ (34) Yuusufis kana dura ragaawwan ifa ta’aniin isinitti dhufee tureIsin waan inni isinittiin dhufe irraa shakkii keessa ta’uu irraa hin deemneYeroma inni du’e “Rabbiin isa booda ergamaa hin ergu” jettanAkka kanatti Rabbiin nama daangaa dabraa, mamaa ta’e jallisa |
الَّذِينَ يُجَادِلُونَ فِي آيَاتِ اللَّهِ بِغَيْرِ سُلْطَانٍ أَتَاهُمْ ۖ كَبُرَ مَقْتًا عِندَ اللَّهِ وَعِندَ الَّذِينَ آمَنُوا ۚ كَذَٰلِكَ يَطْبَعُ اللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ قَلْبِ مُتَكَبِّرٍ جَبَّارٍ (35) (Isaan) warra keeyyattoota Rabbii keessatti, odoo ragaan isaanitti hin dhufin falmaniidha; jibbaan (isaanii) Rabbi birattiifi isaan amanan birattis guddate! Akka kanatti Rabbiin (onnee) warra boonaa, of tuulaa hunda irratti cufa |
وَقَالَ فِرْعَوْنُ يَا هَامَانُ ابْنِ لِي صَرْحًا لَّعَلِّي أَبْلُغُ الْأَسْبَابَ (36) Fir’awni ni jedhe: “yaa Haamaan! Akkan karaa ol ga’u gamoo naaf ijaari |
أَسْبَابَ السَّمَاوَاتِ فَأَطَّلِعَ إِلَىٰ إِلَٰهِ مُوسَىٰ وَإِنِّي لَأَظُنُّهُ كَاذِبًا ۚ وَكَذَٰلِكَ زُيِّنَ لِفِرْعَوْنَ سُوءُ عَمَلِهِ وَصُدَّ عَنِ السَّبِيلِ ۚ وَمَا كَيْدُ فِرْعَوْنَ إِلَّا فِي تَبَابٍ (37) Karaawwan samii (ol ba’eetan), gara Gooftaa Muusaa ilaalaAni sobaa ta’uu isaan yaada.” Akka kanatti Fir’awniif hamtuun dalagaa isaa miidhagfamee, karaa (Rabbii) irraas dhorgameTooftaan Fir’awni hoongoo malee hin taane |
وَقَالَ الَّذِي آمَنَ يَا قَوْمِ اتَّبِعُونِ أَهْدِكُمْ سَبِيلَ الرَّشَادِ (38) Inni amane ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Karaa qajeelaan isin qajeelchaa, na hordofaa |
يَا قَوْمِ إِنَّمَا هَٰذِهِ الْحَيَاةُ الدُّنْيَا مَتَاعٌ وَإِنَّ الْآخِرَةَ هِيَ دَارُ الْقَرَارِ (39) Yaa ummata kiyya! Jireenyi addunyaa kanaa meeshaadhaDhugumatti, Aakhiraan isheetu ganda qubannaati |
مَنْ عَمِلَ سَيِّئَةً فَلَا يُجْزَىٰ إِلَّا مِثْلَهَا ۖ وَمَنْ عَمِلَ صَالِحًا مِّن ذَكَرٍ أَوْ أُنثَىٰ وَهُوَ مُؤْمِنٌ فَأُولَٰئِكَ يَدْخُلُونَ الْجَنَّةَ يُرْزَقُونَ فِيهَا بِغَيْرِ حِسَابٍ (40) Namni hamtuu hojjate, fakkaattuu isiitiin malee galata hin galfamuNamni odoo amanee jiruu toltuu dalage, dhiiras ta’ee dubartii irraas, isaan sun jannata seenaniiti ishee keessatti herrega malee kennamu |
۞ وَيَا قَوْمِ مَا لِي أَدْعُوكُمْ إِلَى النَّجَاةِ وَتَدْعُونَنِي إِلَى النَّارِ (41) Ammas yaa ummata kiyya! Maaluma taatani! Ani gara nageenyaattin isin waamaa, isin immoo gara ibiddaatti na waamtuu |
تَدْعُونَنِي لِأَكْفُرَ بِاللَّهِ وَأُشْرِكَ بِهِ مَا لَيْسَ لِي بِهِ عِلْمٌ وَأَنَا أَدْعُوكُمْ إِلَى الْعَزِيزِ الْغَفَّارِ (42) Akka ani Rabbitti kafaruufi waan waa’ee isaa beekumsa hin qabne isatti qindeessuuf na waamtuAni immoo gara (Rabbii) injifataa, araaramaa ta’eettin isin waama |
لَا جَرَمَ أَنَّمَا تَدْعُونَنِي إِلَيْهِ لَيْسَ لَهُ دَعْوَةٌ فِي الدُّنْيَا وَلَا فِي الْآخِرَةِ وَأَنَّ مَرَدَّنَا إِلَى اللَّهِ وَأَنَّ الْمُسْرِفِينَ هُمْ أَصْحَابُ النَّارِ (43) Dhugumatti, wanti isin itti na waamtan sun addunyaa keessattis ta’ee Aakhiraa keessatti waamichi homaatuu akka isaaf hin jirreefi deebiin keenya gara Rabbii qofa ta’uufi daangaa dabroonnis isaan warra ibiddaa ta’uun shakkiin hin jiru |
فَسَتَذْكُرُونَ مَا أَقُولُ لَكُمْ ۚ وَأُفَوِّضُ أَمْرِي إِلَى اللَّهِ ۚ إِنَّ اللَّهَ بَصِيرٌ بِالْعِبَادِ (44) Waanin ani isiniin jedhu kana yaadachuuf jirtuAnis dhimma kiyya gara Rabbiittin hirkifadhaDhugumatti, Rabbiin waa’ee gabroota Isaa argaadha.” |
فَوَقَاهُ اللَّهُ سَيِّئَاتِ مَا مَكَرُوا ۖ وَحَاقَ بِآلِ فِرْعَوْنَ سُوءُ الْعَذَابِ (45) Rabbiinis hamtuuwwan waan isaan itti wal mari’atanii jalaa isa baraarseMaatii Fir’awnitti adabbii hamaatu marse |
النَّارُ يُعْرَضُونَ عَلَيْهَا غُدُوًّا وَعَشِيًّا ۖ وَيَوْمَ تَقُومُ السَّاعَةُ أَدْخِلُوا آلَ فِرْعَوْنَ أَشَدَّ الْعَذَابِ (46) Ibidda (jahannam) kan ganamaafi galgala ishee irra fidamantu (isaan marse)Guyyaa Qiyaamaan dhaabattu “maatii Fir’awni adabbii akkaan cimaa seensisaa.” |
وَإِذْ يَتَحَاجُّونَ فِي النَّارِ فَيَقُولُ الضُّعَفَاءُ لِلَّذِينَ اسْتَكْبَرُوا إِنَّا كُنَّا لَكُمْ تَبَعًا فَهَلْ أَنتُم مُّغْنُونَ عَنَّا نَصِيبًا مِّنَ النَّارِ (47) Yeroo ibidda keessatti wal mormanii, isaan dadhaboon isaan boonaniin “nuti isin hordofaa turree, maaf ibidda irraa garii nurraa hin qoodanne?” jedhan san (yaadadhu) |
قَالَ الَّذِينَ اسْتَكْبَرُوا إِنَّا كُلٌّ فِيهَا إِنَّ اللَّهَ قَدْ حَكَمَ بَيْنَ الْعِبَادِ (48) Isaan boonan “nuti hunduu isheedhuma keessa jirra; dhugumatti, Rabbiin gidduu gabrootaatti murtii kenneera” jedhu |
وَقَالَ الَّذِينَ فِي النَّارِ لِخَزَنَةِ جَهَنَّمَ ادْعُوا رَبَّكُمْ يُخَفِّفْ عَنَّا يَوْمًا مِّنَ الْعَذَابِ (49) Isaan ibidda keessa jiran waardiyyoota jahannamiin “Gooftaan keessan (hanguma) guyyaa tokko (kan addunyaa) adabbii akka nurraa salphisu (nuuf) kadhaa” jedhan |
قَالُوا أَوَلَمْ تَكُ تَأْتِيكُمْ رُسُلُكُم بِالْبَيِّنَاتِ ۖ قَالُوا بَلَىٰ ۚ قَالُوا فَادْعُوا ۗ وَمَا دُعَاءُ الْكَافِرِينَ إِلَّا فِي ضَلَالٍ (50) (Waardiyyoonni) “sila ergamtoonni keessan ragaa ifa ta’een isinitti hin dhufnee?” jedhan(Warri ibiddaatis) “eeyyeen; (nutti dhufaniiru)” jedhan(Waardiyyoonni) “Ergasuu kadhaa! Kadhaan kaafirootaa dhabama malee hin taane” jedhan |
إِنَّا لَنَنصُرُ رُسُلَنَا وَالَّذِينَ آمَنُوا فِي الْحَيَاةِ الدُّنْيَا وَيَوْمَ يَقُومُ الْأَشْهَادُ (51) Dhugumatti, Nuti ergamtoota keenyaafi isaan amananiifis jiruu addunyaa keessattis ta’ee guyyaa ragoonni dhaabbatan ni tumsina |
يَوْمَ لَا يَنفَعُ الظَّالِمِينَ مَعْذِرَتُهُمْ ۖ وَلَهُمُ اللَّعْنَةُ وَلَهُمْ سُوءُ الدَّارِ (52) Guyyaa miidhaa raawwattoota, sababni isaan dhiheeffatan homaa fayyaduu dhabee, abaarsi isaaniif jiru san; kan ammaas manni fokkotaan isaaniif jiru san (ni tumsinaafi) |
وَلَقَدْ آتَيْنَا مُوسَى الْهُدَىٰ وَأَوْرَثْنَا بَنِي إِسْرَائِيلَ الْكِتَابَ (53) Dhugumatti, Muusaaf qajeelfama kenninee, Ilmaan Israa’iilis kitaaba dhaalchifneerra |
هُدًى وَذِكْرَىٰ لِأُولِي الْأَلْبَابِ (54) Warra qalbii qabaniif qajeelfamaafi gorsa |
فَاصْبِرْ إِنَّ وَعْدَ اللَّهِ حَقٌّ وَاسْتَغْفِرْ لِذَنبِكَ وَسَبِّحْ بِحَمْدِ رَبِّكَ بِالْعَشِيِّ وَالْإِبْكَارِ (55) ObsiDhugumatti, waadaan Rabbii dhugaadhaDilii keetiifis araarama kadhu; Gooftaa keetiis ganamaafi galgala faaruun qulqulleessi |
إِنَّ الَّذِينَ يُجَادِلُونَ فِي آيَاتِ اللَّهِ بِغَيْرِ سُلْطَانٍ أَتَاهُمْ ۙ إِن فِي صُدُورِهِمْ إِلَّا كِبْرٌ مَّا هُم بِبَالِغِيهِ ۚ فَاسْتَعِذْ بِاللَّهِ ۖ إِنَّهُ هُوَ السَّمِيعُ الْبَصِيرُ (56) Dhugumatti, isaan keeyyattoota Rabbii keessatti, odoo ragaan tokkollee isaanitti hin dhufin morman, qoma isaanii keessa boona, itti ga’uu hin dandeenye malee homaatuu hin jiruRabbitti maganfadhuDhugumatti, Inni Isumatu dhagayaa, argaadha |
لَخَلْقُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ أَكْبَرُ مِنْ خَلْقِ النَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ (57) Samiifi dachii uumuutu namaa uumuu irra guddaadhaGaruu irra hedduun namootaa hin beekanu |
وَمَا يَسْتَوِي الْأَعْمَىٰ وَالْبَصِيرُ وَالَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ وَلَا الْمُسِيءُ ۚ قَلِيلًا مَّا تَتَذَكَّرُونَ (58) Jaamaafi (inni) argaan wal qixaa miti; isaan amananii, toltuu dalaganiifi inni hamtuu dalagu (wal qixaa miti); hangi isin gorfamtan xiqqoodha |
إِنَّ السَّاعَةَ لَآتِيَةٌ لَّا رَيْبَ فِيهَا وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يُؤْمِنُونَ (59) Qiyaamaan dhuftuudha; ishee keessa mamiin hin jiruGaruu irra hedduun namootaa hin amananu |
وَقَالَ رَبُّكُمُ ادْعُونِي أَسْتَجِبْ لَكُمْ ۚ إِنَّ الَّذِينَ يَسْتَكْبِرُونَ عَنْ عِبَادَتِي سَيَدْخُلُونَ جَهَنَّمَ دَاخِرِينَ (60) Gooftaan keessan ni jedhe: “Na kadhaa; isiniifiin awwaadhaaDhugumatti, isaan ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta’anii, jahannam seenuuf jiru.” |
اللَّهُ الَّذِي جَعَلَ لَكُمُ اللَّيْلَ لِتَسْكُنُوا فِيهِ وَالنَّهَارَ مُبْصِرًا ۚ إِنَّ اللَّهَ لَذُو فَضْلٍ عَلَى النَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَشْكُرُونَ (61) Rabbiin Isa halkan akka ishee keessa boqattaniif, guyyaa immoo ibsaa kan isiniif godheDhugumatti, Rabbiin namoota irratti abbaa tolaatiGaruu irra hedduun namootaa hin galatoomfatanu |
ذَٰلِكُمُ اللَّهُ رَبُّكُمْ خَالِقُ كُلِّ شَيْءٍ لَّا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ۖ فَأَنَّىٰ تُؤْفَكُونَ (62) (Inni kana isiniif godhe) kun Allaah, Gooftaa keessani; Uumaa waan hundaatiIsa malee haqaan gabbaramaan hin jiruAkkamitti irraa gara galfamtu |
كَذَٰلِكَ يُؤْفَكُ الَّذِينَ كَانُوا بِآيَاتِ اللَّهِ يَجْحَدُونَ (63) Akkanatti warri keeyyattoota Rabbii morman irraa gara galfamu |
اللَّهُ الَّذِي جَعَلَ لَكُمُ الْأَرْضَ قَرَارًا وَالسَّمَاءَ بِنَاءً وَصَوَّرَكُمْ فَأَحْسَنَ صُوَرَكُمْ وَرَزَقَكُم مِّنَ الطَّيِّبَاتِ ۚ ذَٰلِكُمُ اللَّهُ رَبُّكُمْ ۖ فَتَبَارَكَ اللَّهُ رَبُّ الْعَالَمِينَ (64) Rabbiin Isa dachii jireenyaaf mijooftuu, samii immoo ijaarsa (gubbaa) isiniif godhee, isin uumee, suuraa keessan miidhagsee, wantoota gaggaarii irraa isiniif kenne(Inni kana godhe) kun Allaah, Gooftaa keessaniAllaahn Gooftaa aalama hundaa ta’e tolli Isaa guddate |
هُوَ الْحَيُّ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ فَادْعُوهُ مُخْلِصِينَ لَهُ الدِّينَ ۗ الْحَمْدُ لِلَّهِ رَبِّ الْعَالَمِينَ (65) Inni jiraataadhaIsa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruKanaafuu amantii Isaaf qulqulleessaa, Isa kadhaaFaaruun kan Rabbii, Gooftaa aalama hundaa ta’eeti |
۞ قُلْ إِنِّي نُهِيتُ أَنْ أَعْبُدَ الَّذِينَ تَدْعُونَ مِن دُونِ اللَّهِ لَمَّا جَاءَنِيَ الْبَيِّنَاتُ مِن رَّبِّي وَأُمِرْتُ أَنْ أُسْلِمَ لِرَبِّ الْعَالَمِينَ (66) “Ani erga ragaawwan ifa ta’an Gooftaa kiyya irraa natti dhufanii booda wantoota isin Rabbii gaditti waamtan (gabbartan) gabbaruu iraa dhorgameeraGooftaa aalama hundaatiif harka kennuttiis ajajameera” jedhi |
هُوَ الَّذِي خَلَقَكُم مِّن تُرَابٍ ثُمَّ مِن نُّطْفَةٍ ثُمَّ مِنْ عَلَقَةٍ ثُمَّ يُخْرِجُكُمْ طِفْلًا ثُمَّ لِتَبْلُغُوا أَشُدَّكُمْ ثُمَّ لِتَكُونُوا شُيُوخًا ۚ وَمِنكُم مَّن يُتَوَفَّىٰ مِن قَبْلُ ۖ وَلِتَبْلُغُوا أَجَلًا مُّسَمًّى وَلَعَلَّكُمْ تَعْقِلُونَ (67) Inni Isa biyyee irraa, ergasii bishaan saalaa irraa, ergasii dhiiga ititaa irraa, isin uumee ergasii daa’ima godhee isin baasaErgasii akka jabina keessan geessan (isin jiraachisa.) Ergasii akka jaarsa taatan isin godhaIsin irraa nama san dura du’uutu jiraAkka beellama beekamaa geessaniifi akka sammuu horattaniif (isin jiraachisa) |
هُوَ الَّذِي يُحْيِي وَيُمِيتُ ۖ فَإِذَا قَضَىٰ أَمْرًا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُ كُن فَيَكُونُ (68) Inni Isa jiraachisuufi ajjeesuYeroo dhimma tokko murteesse “argami” isaan jechuu qofa; yoosuu argama |
أَلَمْ تَرَ إِلَى الَّذِينَ يُجَادِلُونَ فِي آيَاتِ اللَّهِ أَنَّىٰ يُصْرَفُونَ (69) Sila isaan keeyyattoota Rabbii keessatti morman akka itti irraa deebifaman hin arginee |
الَّذِينَ كَذَّبُوا بِالْكِتَابِ وَبِمَا أَرْسَلْنَا بِهِ رُسُلَنَا ۖ فَسَوْفَ يَعْلَمُونَ (70) Isaan kitaabaafi waan Nuti ergamtoota keenya ittiin ergine sobsiisan, (hin arginee?) (fuul duratti) beekuuf jiru |
إِذِ الْأَغْلَالُ فِي أَعْنَاقِهِمْ وَالسَّلَاسِلُ يُسْحَبُونَ (71) Yeroo sakaallaan sibiilaa morma isaanii irratti maramee, Sansalannis (itti diramee) harkifaman |
فِي الْحَمِيمِ ثُمَّ فِي النَّارِ يُسْجَرُونَ (72) Bishaan danfaa keessa (harkifamanii) ergasii ibidda keessatti gubamu |
ثُمَّ قِيلَ لَهُمْ أَيْنَ مَا كُنتُمْ تُشْرِكُونَ (73) Ergasii “Isaan Rabbitti qindeessaa turtan sun eessa jiru?” isaaniin jedhama |
مِن دُونِ اللَّهِ ۖ قَالُوا ضَلُّوا عَنَّا بَل لَّمْ نَكُن نَّدْعُو مِن قَبْلُ شَيْئًا ۚ كَذَٰلِكَ يُضِلُّ اللَّهُ الْكَافِرِينَ (74) Rabbiin ala (gabbaraa kan turtan)“Nu jalaa badaniiruLakkisaa nuti asiin dura homaa gabbaraa hin turre!” Akka kanatti Rabbiin kaafiroota jallisa |
ذَٰلِكُم بِمَا كُنتُمْ تَفْرَحُونَ فِي الْأَرْضِ بِغَيْرِ الْحَقِّ وَبِمَا كُنتُمْ تَمْرَحُونَ (75) “Kun waan dachii irratti haqaan ala gammadaa turtaniifi waan daangaa darbitaniifi” |
ادْخُلُوا أَبْوَابَ جَهَنَّمَ خَالِدِينَ فِيهَا ۖ فَبِئْسَ مَثْوَى الْمُتَكَبِّرِينَ (76) “Balbala jahannam ishee keessatti hafoo ta’aa seenaa; (isheen) teessoo warra boontotaa ta’uun waa fokkate!” (isaaniin jedhama) |
فَاصْبِرْ إِنَّ وَعْدَ اللَّهِ حَقٌّ ۚ فَإِمَّا نُرِيَنَّكَ بَعْضَ الَّذِي نَعِدُهُمْ أَوْ نَتَوَفَّيَنَّكَ فَإِلَيْنَا يُرْجَعُونَ (77) ObsiDhugumatti, waadaan Rabbii dhugaadhaYoo garii waan waadaa isaaniif gallee si agarsiifne (waa tole); yookiin yoo si ajjeefnes, garuma keenya deebifamu |
وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا رُسُلًا مِّن قَبْلِكَ مِنْهُم مَّن قَصَصْنَا عَلَيْكَ وَمِنْهُم مَّن لَّمْ نَقْصُصْ عَلَيْكَ ۗ وَمَا كَانَ لِرَسُولٍ أَن يَأْتِيَ بِآيَةٍ إِلَّا بِإِذْنِ اللَّهِ ۚ فَإِذَا جَاءَ أَمْرُ اللَّهِ قُضِيَ بِالْحَقِّ وَخَسِرَ هُنَالِكَ الْمُبْطِلُونَ (78) Dhugumatti, si dura ergamtoota erginee jirraIsaan irraa warra seenaa isaanii siif himnetu jiraIsaan irraas warra seenaa isaanii siif hin himintu jiruErgamaan tokko hayyama Rabbiitiin ala keeyyata tokko fiduu hin danda’uYeroo ajajni Rabbii dhufe, (dhimmichi) dhugaan murteeffamaKijibdoonni achitti ni hoonga’u |
اللَّهُ الَّذِي جَعَلَ لَكُمُ الْأَنْعَامَ لِتَرْكَبُوا مِنْهَا وَمِنْهَا تَأْكُلُونَ (79) Rabbiin Isa beyladoota, (garii ishee) yaabbattanii, (garii immoo) nyaattaniif isinii uumeedha |
وَلَكُمْ فِيهَا مَنَافِعُ وَلِتَبْلُغُوا عَلَيْهَا حَاجَةً فِي صُدُورِكُمْ وَعَلَيْهَا وَعَلَى الْفُلْكِ تُحْمَلُونَ (80) Isiniif isaan keessa bu’aa adda addaatu jiraAkka dhimmoota qoma keessan keessatti yaaddan ittiin bakkaan ga’attaniif (isinii uume)Akkasumas isaan irrattiifi dooniiwwan irratti baadhatamtanii (dachiifi bishaan keesa adeemtu) |
وَيُرِيكُمْ آيَاتِهِ فَأَيَّ آيَاتِ اللَّهِ تُنكِرُونَ (81) Inni mallattoolee Isaa isin agarsiisaMallattoowwan Rabbii irraa kamiin mormitu |
أَفَلَمْ يَسِيرُوا فِي الْأَرْضِ فَيَنظُرُوا كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ الَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ ۚ كَانُوا أَكْثَرَ مِنْهُمْ وَأَشَدَّ قُوَّةً وَآثَارًا فِي الْأَرْضِ فَمَا أَغْنَىٰ عَنْهُم مَّا كَانُوا يَكْسِبُونَ (82) Sila dachii keessa deemanii, booddeen warra isaan duraa akkam akka ta’e hin ilaallee? Isaan irra bay’ee, humnaanis irra ciccimoo, dachii keessatti faana dhiisuunis isaan caalu turanus wanti isaan dachii keessatti hojjachaa turan (adabbii) irraa isaan hin duroomsine |
فَلَمَّا جَاءَتْهُمْ رُسُلُهُم بِالْبَيِّنَاتِ فَرِحُوا بِمَا عِندَهُم مِّنَ الْعِلْمِ وَحَاقَ بِهِم مَّا كَانُوا بِهِ يَسْتَهْزِئُونَ (83) Yeroo ergamtoonni isaanii ragaalee ifa ta’aniin isaanitti dhufan, beekumsa irraa waan isaan bira jirutti gammadanii (boonan)Wanti isaan itti qishnaa turan isaan marse |
فَلَمَّا رَأَوْا بَأْسَنَا قَالُوا آمَنَّا بِاللَّهِ وَحْدَهُ وَكَفَرْنَا بِمَا كُنَّا بِهِ مُشْرِكِينَ (84) Yeroo adabbii keenya argan ni jedhan: “Rabbitti amanne; waan Isatti qindeessaa turrettis kafarre.” |
فَلَمْ يَكُ يَنفَعُهُمْ إِيمَانُهُمْ لَمَّا رَأَوْا بَأْسَنَا ۖ سُنَّتَ اللَّهِ الَّتِي قَدْ خَلَتْ فِي عِبَادِهِ ۖ وَخَسِرَ هُنَالِكَ الْكَافِرُونَ (85) Erga adabbii keenya arganii booda amanuun isaanii kan isaan fayyadu hin taane(Sun) karaa Rabbii kan gabroota Isaa keessatti dabreedhaKaafiroonni achitti hoonga’e |