| هَلْ أَتَىٰ عَلَى الْإِنسَانِ حِينٌ مِّنَ الدَّهْرِ لَمْ يَكُن شَيْئًا مَّذْكُورًا (1) Sila barri hangi ta'e nama irra kan inni waan yaadatamu hin ta'in hin dhufnee
 | 
| إِنَّا خَلَقْنَا الْإِنسَانَ مِن نُّطْفَةٍ أَمْشَاجٍ نَّبْتَلِيهِ فَجَعَلْنَاهُ سَمِيعًا بَصِيرًا (2) Dhugumatti Nuti nama, isa qormaatuuf jecha bishaan saalaa walitti makamaa ta'e irraa uumnee; Dhaga'aafi argaas isa goone
 | 
| إِنَّا هَدَيْنَاهُ السَّبِيلَ إِمَّا شَاكِرًا وَإِمَّا كَفُورًا (3) Nuti haala (inni) galateeffataa yookiin mormaa ta'een karaa isa qajeelchine
 | 
| إِنَّا أَعْتَدْنَا لِلْكَافِرِينَ سَلَاسِلَ وَأَغْلَالًا وَسَعِيرًا (4) Nuti kaafirootaaf sansalata, sakaallaawwaniifi ibidda boba'aa qopheessinee jirra
 | 
| إِنَّ الْأَبْرَارَ يَشْرَبُونَ مِن كَأْسٍ كَانَ مِزَاجُهَا كَافُورًا (5) Warri gaggaariin khamrii makaan ishee kaafuuriin ta'e irraa dhugu
 | 
| عَيْنًا يَشْرَبُ بِهَا عِبَادُ اللَّهِ يُفَجِّرُونَهَا تَفْجِيرًا (6) (Kun) burqaa gabroonni Rabbii ishee dhuganiidha(Karaa fedhanitti) dhangalaafachuu ishee dhangalaafatu
 | 
| يُوفُونَ بِالنَّذْرِ وَيَخَافُونَ يَوْمًا كَانَ شَرُّهُ مُسْتَطِيرًا (7) Qodhaa (nazrii) isaanii ni guutu; guyyaa hamtuun isaa babal'atus ni sodaatu
 | 
| وَيُطْعِمُونَ الطَّعَامَ عَلَىٰ حُبِّهِ مِسْكِينًا وَيَتِيمًا وَأَسِيرًا (8) Nyaatas ofii jaallachuu wajjin hiyyeessa, yatiimaafi booji'amaas nyaachisu
 | 
| إِنَّمَا نُطْعِمُكُمْ لِوَجْهِ اللَّهِ لَا نُرِيدُ مِنكُمْ جَزَاءً وَلَا شُكُورًا (9) (Ni jedhu): "dhugumatti, wanti nuti isin nyaachifnuuf Fuula Rabbii qofaafi; isin irraa mindaas ta'ee galata wahii hin barbaannu
 | 
| إِنَّا نَخَافُ مِن رَّبِّنَا يَوْمًا عَبُوسًا قَمْطَرِيرًا (10) Dhugumatti, nuti Gooftaa keenya irraa Guyyaa fuula guuraa hammaataa ta'e sodaanna.”
 | 
| فَوَقَاهُمُ اللَّهُ شَرَّ ذَٰلِكَ الْيَوْمِ وَلَقَّاهُمْ نَضْرَةً وَسُرُورًا (11) Rabbiinis hamtuu guyyaa gaafasii irraa isaan tikseeti (fuula isaaniis) ifaafi gammachuu qunnamsiise
 | 
| وَجَزَاهُم بِمَا صَبَرُوا جَنَّةً وَحَرِيرًا (12) Sababa isaan obsaniifis jannataafi hariira galata isaaniif galche
 | 
| مُّتَّكِئِينَ فِيهَا عَلَى الْأَرَائِكِ ۖ لَا يَرَوْنَ فِيهَا شَمْسًا وَلَا زَمْهَرِيرًا (13) Ishee keessatti sireewwan irratti hirkatanii, odoo ishee keessatti aduufi qorra hamaa hin argine (jiraatu)
 | 
| وَدَانِيَةً عَلَيْهِمْ ظِلَالُهَا وَذُلِّلَتْ قُطُوفُهَا تَذْلِيلًا (14) Haala gaaddisni ishee isaan irratti gadi dhihoo, firiiwwan ishees isaaniif laaffifamuu laaffifamteen (jannata seenu)
 | 
| وَيُطَافُ عَلَيْهِم بِآنِيَةٍ مِّن فِضَّةٍ وَأَكْوَابٍ كَانَتْ قَوَارِيرَا (15) Meeshota meeta irraa ta'aniifi kubbaayyawwan qaruuraa irraa ta'een isaan irra naanna'ama
 | 
| قَوَارِيرَ مِن فِضَّةٍ قَدَّرُوهَا تَقْدِيرًا (16) Qaruuraalee meeta irraa ta'een hanga isaan ga'u ishee (irraa) qoodu
 | 
| وَيُسْقَوْنَ فِيهَا كَأْسًا كَانَ مِزَاجُهَا زَنجَبِيلًا (17) Ishee keessattis khamrii makaan ishee zinjibila ta'e obaafamu
 | 
| عَيْنًا فِيهَا تُسَمَّىٰ سَلْسَبِيلًا (18) Burqaa ishee (jannata) keessa jirtu Salsabiil jedhamtee kan waamamtu (irraa obaafamu)
 | 
| ۞ وَيَطُوفُ عَلَيْهِمْ وِلْدَانٌ مُّخَلَّدُونَ إِذَا رَأَيْتَهُمْ حَسِبْتَهُمْ لُؤْلُؤًا مَّنثُورًا (19) Ijoollee ishee keessatti hafoo ta’antu isaan irra naanna'a; yeroo isaan argitu faaya bibittinneeffame sitti fakkaatu
 | 
| وَإِذَا رَأَيْتَ ثَمَّ رَأَيْتَ نَعِيمًا وَمُلْكًا كَبِيرًا (20) Yeroo achi keessa ilaaltes qananiifi mootummaa guddaa argita
 | 
| عَالِيَهُمْ ثِيَابُ سُندُسٍ خُضْرٌ وَإِسْتَبْرَقٌ ۖ وَحُلُّوا أَسَاوِرَ مِن فِضَّةٍ وَسَقَاهُمْ رَبُّهُمْ شَرَابًا طَهُورًا (21) Gubbaa isaanii irra uffata magariisa hariira qal'aafi hariira furdaatu jira; gumeelee meeta irraa ta'es ni faayamuGooftaan isaaniis dhugaatii qulqulleessaa isaan obaasa
 | 
| إِنَّ هَٰذَا كَانَ لَكُمْ جَزَاءً وَكَانَ سَعْيُكُم مَّشْكُورًا (22) Dhugumatti, kun mindaa isiniif ta'eeraDalagaan keessanis galateeffatamaa dha" (isaaniin jedhama)
 | 
| إِنَّا نَحْنُ نَزَّلْنَا عَلَيْكَ الْقُرْآنَ تَنزِيلًا (23) Dhugumatti, Nuti Qur'aana buusiinsa sirratti buusnee jirra
 | 
| فَاصْبِرْ لِحُكْمِ رَبِّكَ وَلَا تُطِعْ مِنْهُمْ آثِمًا أَوْ كَفُورًا (24) Murtii Gooftaa keetiitiifis obsi; isaan irraa nama dilaawaa yookiin kafaraa ta'eef hin ajajamin
 | 
| وَاذْكُرِ اسْمَ رَبِّكَ بُكْرَةً وَأَصِيلًا (25) Ganamaafi galgalas maqaa Gooftaa keetii faarsi
 | 
| وَمِنَ اللَّيْلِ فَاسْجُدْ لَهُ وَسَبِّحْهُ لَيْلًا طَوِيلًا (26) Halkan irraallee Isaaf salaati; halkan dheeraas Isaaf (salaata laylii) salaati
 | 
| إِنَّ هَٰؤُلَاءِ يُحِبُّونَ الْعَاجِلَةَ وَيَذَرُونَ وَرَاءَهُمْ يَوْمًا ثَقِيلًا (27) Dhugumatti, warri kun (addunyaa) arifattuu jaalatu; guyyaa ulfaataas fuulduratti dhiisu (dagatu)
 | 
| نَّحْنُ خَلَقْنَاهُمْ وَشَدَدْنَا أَسْرَهُمْ ۖ وَإِذَا شِئْنَا بَدَّلْنَا أَمْثَالَهُمْ تَبْدِيلًا (28) Nuti isaan uumnee qaama isaaniis jabeessine; yeroo feenes (isaan balleessinee) fakkaatuma isaanii bakka buusinsa bakka buufna
 | 
| إِنَّ هَٰذِهِ تَذْكِرَةٌ ۖ فَمَن شَاءَ اتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِ سَبِيلًا (29) Dhugumatti, kuni gorsa; namni fedhe gara Gooftaa isaatti karaa godhata
 | 
| وَمَا تَشَاءُونَ إِلَّا أَن يَشَاءَ اللَّهُ ۚ إِنَّ اللَّهَ كَانَ عَلِيمًا حَكِيمًا (30) Yoo Rabbiin fedhe malee isin homaa hin feetanRabbiin beekaa ogeessa ta’eera
 | 
| يُدْخِلُ مَن يَشَاءُ فِي رَحْمَتِهِ ۚ وَالظَّالِمِينَ أَعَدَّ لَهُمْ عَذَابًا أَلِيمًا (31) Nama fedhe rahmata Isaa keessa seensisaMiidhaa raawwattoota immoo isaaniif adabbii laalessaa qopheesse
 |