| عَبَسَ وَتَوَلَّىٰ (1) Fuula guuree gara gale
 | 
| أَن جَاءَهُ الْأَعْمَىٰ (2) Sababa jaamaan isatti dhufeef
 | 
| وَمَا يُدْرِيكَ لَعَلَّهُ يَزَّكَّىٰ (3) Maaltu si beeksise? Qulqullaa’uun isaa ni kajeelama
 | 
| أَوْ يَذَّكَّرُ فَتَنفَعَهُ الذِّكْرَىٰ (4) Yookiin gorfameeti gorsi isa fayyaddi
 | 
| أَمَّا مَنِ اسْتَغْنَىٰ (5) Nama duroome immoo
 | 
| فَأَنتَ لَهُ تَصَدَّىٰ (6) Ati [akka amananuuf jecha] gara isaa gara galta
 | 
| وَمَا عَلَيْكَ أَلَّا يَزَّكَّىٰ (7) Haala qulqullaa'uu dhiisuun isaa homaa sirra hin jirreen
 | 
| وَأَمَّا مَن جَاءَكَ يَسْعَىٰ (8) Nama fiigaa sitti dhufe immoo
 | 
| وَهُوَ يَخْشَىٰ (9) Kan Rabbiin sodaatu ta’ee
 | 
| فَأَنتَ عَنْهُ تَلَهَّىٰ (10) Ati isa irraa dagatta
 | 
| كَلَّا إِنَّهَا تَذْكِرَةٌ (11) Dhorgami! Isheen gorsa
 | 
| فَمَن شَاءَ ذَكَرَهُ (12) Nama fedhetu isa (Qur'aana) yaadata
 | 
| فِي صُحُفٍ مُّكَرَّمَةٍ (13) Galmeewwan kabajamtuu keessa jira
 | 
| مَّرْفُوعَةٍ مُّطَهَّرَةٍ (14) Ol fuudhamtuu, qulqulleeffamtuu (keessa jira)
 | 
| بِأَيْدِي سَفَرَةٍ (15) Harka barressitootaa (maleykotaa) jira
 | 
| كِرَامٍ بَرَرَةٍ (16) Kabajamoo, ajajamtoota (harka jira)
 | 
| قُتِلَ الْإِنسَانُ مَا أَكْفَرَهُ (17) Namni abaarame! Sila maaltu isa kafarsiise
 | 
| مِنْ أَيِّ شَيْءٍ خَلَقَهُ (18) (Rabbiin) waan akkamii irraa isa uume? (hin xiinxaluu)
 | 
| مِن نُّطْفَةٍ خَلَقَهُ فَقَدَّرَهُ (19) Bishaan saalaa irraa isa uumeeti, ergasii isa sirreesse
 | 
| ثُمَّ السَّبِيلَ يَسَّرَهُ (20) Ergasii karaa (inni ittiin dhalatu) isaaf laaffise
 | 
| ثُمَّ أَمَاتَهُ فَأَقْبَرَهُ (21) Ergasii isa ajjeeseti isa awwaalchise
 | 
| ثُمَّ إِذَا شَاءَ أَنشَرَهُ (22) Ergasii yeroo fedhe isa kaasa
 | 
| كَلَّا لَمَّا يَقْضِ مَا أَمَرَهُ (23) Dhugumatti, (namni) waan Rabbiin isa ajaje ammallee hin raawwanne
 | 
| فَلْيَنظُرِ الْإِنسَانُ إِلَىٰ طَعَامِهِ (24) Namni gara nyaata isaa haa ilaalu
 | 
| أَنَّا صَبَبْنَا الْمَاءَ صَبًّا (25) Nuti bishaan buusiinsa baay’inaan buufne
 | 
| ثُمَّ شَقَقْنَا الْأَرْضَ شَقًّا (26) Ergasii dachii dhodhoosiinsa dhodhoofne
 | 
| فَأَنبَتْنَا فِيهَا حَبًّا (27) Achumaan Ishee keessatti firii magarsine
 | 
| وَعِنَبًا وَقَضْبًا (28) Inabaafi margas
 | 
| وَزَيْتُونًا وَنَخْلًا (29) Zeytunaafi muka timiraas
 | 
| وَحَدَائِقَ غُلْبًا (30) Ashaakiltiilee muka baay’atanis
 | 
| وَفَاكِهَةً وَأَبًّا (31) Fuduraafi kaloo [akka nuti uumne haa ilaalu]
 | 
| مَّتَاعًا لَّكُمْ وَلِأَنْعَامِكُمْ (32) Isiniifi beylada keessanis qanansiisuuf
 | 
| فَإِذَا جَاءَتِ الصَّاخَّةُ (33) Yeroo gurra duuchituun (Qiyaamaan)dhufte
 | 
| يَوْمَ يَفِرُّ الْمَرْءُ مِنْ أَخِيهِ (34) Guyyaa namni obboleessa isaa irraa dheessu
 | 
| وَأُمِّهِ وَأَبِيهِ (35) Haadha isaatiifi abbaa isaa irraas
 | 
| وَصَاحِبَتِهِ وَبَنِيهِ (36) Niitii isaatiifi ijoollee isaa irraas (baqatu san dhufti)
 | 
| لِكُلِّ امْرِئٍ مِّنْهُمْ يَوْمَئِذٍ شَأْنٌ يُغْنِيهِ (37) Nama Isaan irraa ta’e hundaaf guyyaa sana dhimma isa duroomsutu jira
 | 
| وُجُوهٌ يَوْمَئِذٍ مُّسْفِرَةٌ (38) Fuulli gariin guyyaa san ni ifti
 | 
| ضَاحِكَةٌ مُّسْتَبْشِرَةٌ (39) Kolfituu, gammadduudha
 | 
| وَوُجُوهٌ يَوْمَئِذٍ عَلَيْهَا غَبَرَةٌ (40) Fuulli gariin immoo guyyaa san dhukkeetu (quttootu) irra jira
 | 
| تَرْهَقُهَا قَتَرَةٌ (41) Gurraachinni ishee haguuga
 | 
| أُولَٰئِكَ هُمُ الْكَفَرَةُ الْفَجَرَةُ (42) Isaan sun warra Rabbitti kafaranii, balleessa hojjataniidha
 |