| لَا أُقْسِمُ بِهَٰذَا الْبَلَدِ (1) Biyya (Makkaa) kanaanin kakadha
 | 
| وَأَنتَ حِلٌّ بِهَٰذَا الْبَلَدِ (2) Ati biyyi kun (lolaan banuun) siif eeyyamamaadha
 | 
| وَوَالِدٍ وَمَا وَلَدَ (3) Abbaafi waan inni dhaleenis (nan kakadha)
 | 
| لَقَدْ خَلَقْنَا الْإِنسَانَ فِي كَبَدٍ (4) Dhugumatti, Nuti nama cinqii[] keessatti uumne
 | 
| أَيَحْسَبُ أَن لَّن يَقْدِرَ عَلَيْهِ أَحَدٌ (5) Sila inni tokkolleen[] isa irratti hin danda'uu yaadaa
 | 
| يَقُولُ أَهْلَكْتُ مَالًا لُّبَدًا (6) “Qabeenya guddaan balleesse" jedha
 | 
| أَيَحْسَبُ أَن لَّمْ يَرَهُ أَحَدٌ (7) Sila inni tokkolleen isa hin arguu yaadaa
 | 
| أَلَمْ نَجْعَل لَّهُ عَيْنَيْنِ (8) Sila Nuti ija lama isaaf hin taasifnee
 | 
| وَلِسَانًا وَشَفَتَيْنِ (9) Arrabaafi hidhii lamas
 | 
| وَهَدَيْنَاهُ النَّجْدَيْنِ (10) Karaa lama (gaariifi badaa) isaaf ibsine
 | 
| فَلَا اقْتَحَمَ الْعَقَبَةَ (11) Sila maaliif tulluu hin dabrine
 | 
| وَمَا أَدْرَاكَ مَا الْعَقَبَةُ (12) Tulluttiin maal akka taate maaltu si beeksise
 | 
| فَكُّ رَقَبَةٍ (13) (Inni) Gabra bilisoomsuudha
 | 
| أَوْ إِطْعَامٌ فِي يَوْمٍ ذِي مَسْغَبَةٍ (14) Yookiin guyyaa beelaa keessa nyaachisuudha
 | 
| يَتِيمًا ذَا مَقْرَبَةٍ (15) Yatiima fira ta’an
 | 
| أَوْ مِسْكِينًا ذَا مَتْرَبَةٍ (16) Yookiin hiyyeessa harkaan lafa qabate (deege)
 | 
| ثُمَّ كَانَ مِنَ الَّذِينَ آمَنُوا وَتَوَاصَوْا بِالصَّبْرِ وَتَوَاصَوْا بِالْمَرْحَمَةِ (17) Ergasii warra amananii, obsa waliif dhaamaniifi rahmata waliif dhaaman irraa maaliif hin taane
 | 
| أُولَٰئِكَ أَصْحَابُ الْمَيْمَنَةِ (18) Isaan sun warra mirgaati
 | 
| وَالَّذِينَ كَفَرُوا بِآيَاتِنَا هُمْ أَصْحَابُ الْمَشْأَمَةِ (19) Isaan keeyyattoota keenyatti kafaran immoo isaan warra bitaati
 | 
| عَلَيْهِمْ نَارٌ مُّؤْصَدَةٌ (20) Isaan irratti ibiddi cufamtuudha
 |