يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ إِذَا طَلَّقْتُمُ النِّسَاءَ فَطَلِّقُوهُنَّ لِعِدَّتِهِنَّ وَأَحْصُوا الْعِدَّةَ ۖ وَاتَّقُوا اللَّهَ رَبَّكُمْ ۖ لَا تُخْرِجُوهُنَّ مِن بُيُوتِهِنَّ وَلَا يَخْرُجْنَ إِلَّا أَن يَأْتِينَ بِفَاحِشَةٍ مُّبَيِّنَةٍ ۚ وَتِلْكَ حُدُودُ اللَّهِ ۚ وَمَن يَتَعَدَّ حُدُودَ اللَّهِ فَقَدْ ظَلَمَ نَفْسَهُ ۚ لَا تَدْرِي لَعَلَّ اللَّهَ يُحْدِثُ بَعْدَ ذَٰلِكَ أَمْرًا (1) Yaa Nabiyyichaa! Yeroo dubartoota hiiktan, 'Iddaa' isaaniitiin isaan hiikaa'Iddaass' lakkaa'aaRabbii Gooftaa keessan ta'es sodaadhaaYoo gocha fokkataa ifa ta'een dhufan malee manneen isaanii irraa isaan hin baasinaa; isaanis hin ba'inSun daangaawwan RabbiitiNamni daangaawwan Rabbii tare, dhugumatti inni lubbuu ofii miidheeraYoo tasa Rabbiin san booda dhimma haara'a (walitti deebi'uu gidduu keessanitti) uume hin beektu |
فَإِذَا بَلَغْنَ أَجَلَهُنَّ فَأَمْسِكُوهُنَّ بِمَعْرُوفٍ أَوْ فَارِقُوهُنَّ بِمَعْرُوفٍ وَأَشْهِدُوا ذَوَيْ عَدْلٍ مِّنكُمْ وَأَقِيمُوا الشَّهَادَةَ لِلَّهِ ۚ ذَٰلِكُمْ يُوعَظُ بِهِ مَن كَانَ يُؤْمِنُ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ ۚ وَمَن يَتَّقِ اللَّهَ يَجْعَل لَّهُ مَخْرَجًا (2) Yeroo beellama isaanii ga'an haala gaariin isaan qabadhaa yookiin haala gaariin isaaniin adda ba'aaIsin irraas warra haqaa (nama) lama ragaa godhaa(Warri ragaa baatanus) Rabbiif jedhaatii ragaa sirreessaaNamni Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amanu ta'e kanaan gorfamaNamni Rabbiin sodaatu (Rabbis) karaa bahiinsaa isaaf godha |
وَيَرْزُقْهُ مِنْ حَيْثُ لَا يَحْتَسِبُ ۚ وَمَن يَتَوَكَّلْ عَلَى اللَّهِ فَهُوَ حَسْبُهُ ۚ إِنَّ اللَّهَ بَالِغُ أَمْرِهِ ۚ قَدْ جَعَلَ اللَّهُ لِكُلِّ شَيْءٍ قَدْرًا (3) Bakka inni hin yaadin irraayis isa sooraNama Rabbi irratti hirkatuuf Inni isaaf ga'aadhaDhugumatti, Rabbiin ajaja isaa bakkaan ga'aadhaDhugumatti Rabbiin waan hundaafuu hanga sirraawaa taasiseera |
وَاللَّائِي يَئِسْنَ مِنَ الْمَحِيضِ مِن نِّسَائِكُمْ إِنِ ارْتَبْتُمْ فَعِدَّتُهُنَّ ثَلَاثَةُ أَشْهُرٍ وَاللَّائِي لَمْ يَحِضْنَ ۚ وَأُولَاتُ الْأَحْمَالِ أَجَلُهُنَّ أَن يَضَعْنَ حَمْلَهُنَّ ۚ وَمَن يَتَّقِ اللَّهَ يَجْعَل لَّهُ مِنْ أَمْرِهِ يُسْرًا (4) Dubartoota keessan irraa isaan xurii laguu (haydii) irraa abdii kutan yoo shakkitaniif iddaan isaanii ji'a sadi qofaIsaan haydii arguu hin jalqabinis (akkasuma)Warri ulfa ta'an immoo baallamni isaanii ulfa isaanii da'uudhaNama Rabbiin sodaatu (Rabbiin) dhimma isaa irraa laafina isaaf godha |
ذَٰلِكَ أَمْرُ اللَّهِ أَنزَلَهُ إِلَيْكُمْ ۚ وَمَن يَتَّقِ اللَّهَ يُكَفِّرْ عَنْهُ سَيِّئَاتِهِ وَيُعْظِمْ لَهُ أَجْرًا (5) Kun ajaja Rabbii kan gara keessanitti isa buuseedhaNama Rabbiin sodaatu (Rabbiin) badii isaa isa irraa harcaasee mindaas isaaf guddisa |
أَسْكِنُوهُنَّ مِنْ حَيْثُ سَكَنتُم مِّن وُجْدِكُمْ وَلَا تُضَارُّوهُنَّ لِتُضَيِّقُوا عَلَيْهِنَّ ۚ وَإِن كُنَّ أُولَاتِ حَمْلٍ فَأَنفِقُوا عَلَيْهِنَّ حَتَّىٰ يَضَعْنَ حَمْلَهُنَّ ۚ فَإِنْ أَرْضَعْنَ لَكُمْ فَآتُوهُنَّ أُجُورَهُنَّ ۖ وَأْتَمِرُوا بَيْنَكُم بِمَعْرُوفٍ ۖ وَإِن تَعَاسَرْتُمْ فَسَتُرْضِعُ لَهُ أُخْرَىٰ (6) Dandeettii keessan irraa bakka qubattanu isaan qubsiisaaIsaan irratti dhiphisuuf jechas isaan hin rakkisinaaYoo warra ulfaa ta'aniif hanga ulfa isaanii da'anitti isaan qallabaaYoo isiniif hoosisan immoo mindaa isaanii isaaniif kennaaJidduu keessanitti haala gaariin mari'adhaaYoo wal rakkiftaniif kan biraa isaaf haa hoosisu |
لِيُنفِقْ ذُو سَعَةٍ مِّن سَعَتِهِ ۖ وَمَن قُدِرَ عَلَيْهِ رِزْقُهُ فَلْيُنفِقْ مِمَّا آتَاهُ اللَّهُ ۚ لَا يُكَلِّفُ اللَّهُ نَفْسًا إِلَّا مَا آتَاهَا ۚ سَيَجْعَلُ اللَّهُ بَعْدَ عُسْرٍ يُسْرًا (7) Abbaan dandeettii qabu dandeettii isaa irraa haa qallabuNamni sooranni isaa isa irratti dhiphifame, waan Rabbiin isaaf kenne irraa haa qallabuRabbiin lubbuu kamiyyuu waan isheedhaaf kenne malee hin dirqisiisuRabbiin dhiphina booda bal'ina godhuuf jira |
وَكَأَيِّن مِّن قَرْيَةٍ عَتَتْ عَنْ أَمْرِ رَبِّهَا وَرُسُلِهِ فَحَاسَبْنَاهَا حِسَابًا شَدِيدًا وَعَذَّبْنَاهَا عَذَابًا نُّكْرًا (8) Magaalota irraa heddutu ajaja Rabbii isheefi ergamtoota isaa faallessitee qormaata cimaa ishee qormaannee adabbii fokkataas ishee adabne |
فَذَاقَتْ وَبَالَ أَمْرِهَا وَكَانَ عَاقِبَةُ أَمْرِهَا خُسْرًا (9) Sababa kanaan adabbii dalagaa ishee dhamdhamteBooddeen dubbii ishees hongoo ta'e |
أَعَدَّ اللَّهُ لَهُمْ عَذَابًا شَدِيدًا ۖ فَاتَّقُوا اللَّهَ يَا أُولِي الْأَلْبَابِ الَّذِينَ آمَنُوا ۚ قَدْ أَنزَلَ اللَّهُ إِلَيْكُمْ ذِكْرًا (10) Rabbiin adabbii cimaa isaaniif qopheesseYaa warri sammuu qabdan, warri amantan Rabbiin sodaadhaaDhugumatti Rabbiin gara keessanitti gorsa buuseera |
رَّسُولًا يَتْلُو عَلَيْكُمْ آيَاتِ اللَّهِ مُبَيِّنَاتٍ لِّيُخْرِجَ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ مِنَ الظُّلُمَاتِ إِلَى النُّورِ ۚ وَمَن يُؤْمِن بِاللَّهِ وَيَعْمَلْ صَالِحًا يُدْخِلْهُ جَنَّاتٍ تَجْرِي مِن تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا أَبَدًا ۖ قَدْ أَحْسَنَ اللَّهُ لَهُ رِزْقًا (11) Warra amananii gaggaarii hojjatan dukkanoota keessaa gara ifaatti baasuuf jecha ergamaa keeyyattoota Rabbii ibsituu taate isin irratti dubbisu (ergine)Nama Rabbitti amanee gaariis dalage jannatoota jala ishee laggeen yaatu keessatti yeroo hundaaf hafoo taasisee isa seensisaDhugaatti Rabbiin isaaf soorata bareeche |
اللَّهُ الَّذِي خَلَقَ سَبْعَ سَمَاوَاتٍ وَمِنَ الْأَرْضِ مِثْلَهُنَّ يَتَنَزَّلُ الْأَمْرُ بَيْنَهُنَّ لِتَعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ وَأَنَّ اللَّهَ قَدْ أَحَاطَ بِكُلِّ شَيْءٍ عِلْمًا (12) Rabbiin Isa samii torbaniifi dachii irraayis fakkiidhuma isaanii uumeedhaAjajni jidduu isaaniitti bu'a(Wanti inni kana uumeefis) akka isin Rabbiin waan hunda irratti danda'aafi Rabbiin beekumsaan wantoota cufa marsuu isaa beektanuufi |