| سَأَلَ سَائِلٌ بِعَذَابٍ وَاقِعٍ (1) Adaba (kaafiroota irratti) argamaa ta'e kadhataan wahii kadhate
 | 
| لِّلْكَافِرِينَ لَيْسَ لَهُ دَافِعٌ (2) Kan kaafirootatti (argamu kadhate); wanti isa (adabicha) deebisu hin jiru
 | 
| مِّنَ اللَّهِ ذِي الْمَعَارِجِ (3) Rabbii Abbaa kortoowwanii ta'e irraa (argama)
 | 
| تَعْرُجُ الْمَلَائِكَةُ وَالرُّوحُ إِلَيْهِ فِي يَوْمٍ كَانَ مِقْدَارُهُ خَمْسِينَ أَلْفَ سَنَةٍ (4) Malaykonniifi Jibiriil guyyaa shallagni isaa waggoota kuma shantama ta'e keessatti gara Isaa ol koru
 | 
| فَاصْبِرْ صَبْرًا جَمِيلًا (5) Obsa gaarii obsi
 | 
| إِنَّهُمْ يَرَوْنَهُ بَعِيدًا (6) Isaan (adabicha) fagoo taasisanii isa ilaalu
 | 
| وَنَرَاهُ قَرِيبًا (7) Nuti immoo dhihootti isa argina
 | 
| يَوْمَ تَكُونُ السَّمَاءُ كَالْمُهْلِ (8) Guyyaa Samiin akka meeta baqee taatu
 | 
| وَتَكُونُ الْجِبَالُ كَالْعِهْنِ (9) (Guyyaa) Gaarreenis akka jibrii hiddamee taatu
 | 
| وَلَا يَسْأَلُ حَمِيمٌ حَمِيمًا (10) (Guyyaa) firri fira hin gaafanne
 | 
| يُبَصَّرُونَهُمْ ۚ يَوَدُّ الْمُجْرِمُ لَوْ يَفْتَدِي مِنْ عَذَابِ يَوْمِئِذٍ بِبَنِيهِ (11) Isaan agarsiifamuNamni dilaawaan odoo ilmaan isaa kennee adabbii guyyaa sanii jalaa bilisa ba'ee jaalata
 | 
| وَصَاحِبَتِهِ وَأَخِيهِ (12) Niitii isaatiifi obboleessa isaatiinis (odoo bilisa ba’ee jaalata)
 | 
| وَفَصِيلَتِهِ الَّتِي تُؤْوِيهِ (13) Firoota isaa kan ofitti isa maxxanfattuunis
 | 
| وَمَن فِي الْأَرْضِ جَمِيعًا ثُمَّ يُنجِيهِ (14) Nama dachii keessaa hunda (kennee) ergasii (fidaan sun) nagaa isa baasuu (jaalata)
 | 
| كَلَّا ۖ إِنَّهَا لَظَىٰ (15) Dhorgamaa! Dhugummatti, isheen balala ibiddaati
 | 
| نَزَّاعَةً لِّلشَّوَىٰ (16) Buqqiftuu gogaa sammuuti
 | 
| تَدْعُو مَنْ أَدْبَرَ وَتَوَلَّىٰ (17) Nama (amantii irraa) duubatti deebi'ee, gara gale ni waamti
 | 
| وَجَمَعَ فَأَوْعَىٰ (18) (Qabeenya) walitti qabee (zakaa odoo hin kennin) lakkaa’u (hunda waamti)
 | 
| ۞ إِنَّ الْإِنسَانَ خُلِقَ هَلُوعًا (19) Dhugumatti, namni obsa dhabeessa ta'ee uumame
 | 
| إِذَا مَسَّهُ الشَّرُّ جَزُوعًا (20) Yeroo hamtuun isa tuqe dallanaadha (gammachuu dhaba)
 | 
| وَإِذَا مَسَّهُ الْخَيْرُ مَنُوعًا (21) Yeroo wanti gaariin isa tuqe immoo dhorgataadha
 | 
| إِلَّا الْمُصَلِّينَ (22) Warra sagadan malee
 | 
| الَّذِينَ هُمْ عَلَىٰ صَلَاتِهِمْ دَائِمُونَ (23) Isaan salaata isaanii irratti gadi dhaabbatan (dawwaman malee)
 | 
| وَالَّذِينَ فِي أَمْوَالِهِمْ حَقٌّ مَّعْلُومٌ (24) Isaan qabeenya isaanii keessa mirgi beekamaan jiru
 | 
| لِّلسَّائِلِ وَالْمَحْرُومِ (25) Kadhataafi hiyyeessa hin kadhanneef
 | 
| وَالَّذِينَ يُصَدِّقُونَ بِيَوْمِ الدِّينِ (26) Isaan Guyyaa Murtii dhugoomsan
 | 
| وَالَّذِينَ هُم مِّنْ عَذَابِ رَبِّهِم مُّشْفِقُونَ (27) Isaan adabbii Gooftaa isaanii sodaatan(malee kan biroo obsa dhabaa dha)
 | 
| إِنَّ عَذَابَ رَبِّهِمْ غَيْرُ مَأْمُونٍ (28) Dhugumatti, adabbiin Gooftaa isaanii amanamaa miti
 | 
| وَالَّذِينَ هُمْ لِفُرُوجِهِمْ حَافِظُونَ (29) Isaan qaama saalaa isaanii tiiksan
 | 
| إِلَّا عَلَىٰ أَزْوَاجِهِمْ أَوْ مَا مَلَكَتْ أَيْمَانُهُمْ فَإِنَّهُمْ غَيْرُ مَلُومِينَ (30) Niitolii isaanii yookiin waan mirgi isaanii horatan irratti malee; dhugumatti, isaan komatamoo miti
 | 
| فَمَنِ ابْتَغَىٰ وَرَاءَ ذَٰلِكَ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الْعَادُونَ (31) Namni sanaan ala barbaade immoo, isaan warra daangaa dabroodha
 | 
| وَالَّذِينَ هُمْ لِأَمَانَاتِهِمْ وَعَهْدِهِمْ رَاعُونَ (32) Ammas isaan amaanaa isaaniitiifi waadaa isaanii eegan
 | 
| وَالَّذِينَ هُم بِشَهَادَاتِهِمْ قَائِمُونَ (33) Isaan ragaa isaaniitiin dhaabbatan
 | 
| وَالَّذِينَ هُمْ عَلَىٰ صَلَاتِهِمْ يُحَافِظُونَ (34) Isaan salaata isaanii irratti tiikfatan
 | 
| أُولَٰئِكَ فِي جَنَّاتٍ مُّكْرَمُونَ (35) Warri sun jannata keessatti kabajamoodha
 | 
| فَمَالِ الَّذِينَ كَفَرُوا قِبَلَكَ مُهْطِعِينَ (36) Warra kafareef maaltu jiraayi gara kee ariifatu
 | 
| عَنِ الْيَمِينِ وَعَنِ الشِّمَالِ عِزِينَ (37) Garee gareen mirgaafi bitaa irra guutanii
 | 
| أَيَطْمَعُ كُلُّ امْرِئٍ مِّنْهُمْ أَن يُدْخَلَ جَنَّةَ نَعِيمٍ (38) Sila namni isaan irraa ta'e hundi jannata qananii seensifamuu kajeelaa
 | 
| كَلَّا ۖ إِنَّا خَلَقْنَاهُم مِّمَّا يَعْلَمُونَ (39) Haa dhorgamanu! Nuti waanuma isaan beekan irraa isaan uumne
 | 
| فَلَا أُقْسِمُ بِرَبِّ الْمَشَارِقِ وَالْمَغَارِبِ إِنَّا لَقَادِرُونَ (40) Gooftaa Bahaafi Dhiha hedduutiinin kakadhaa! Nuti dhugumatti danda’oodha
 | 
| عَلَىٰ أَن نُّبَدِّلَ خَيْرًا مِّنْهُمْ وَمَا نَحْنُ بِمَسْبُوقِينَ (41) Namoota isaan irra caalan bakka buusuu irratti (danda'oo dha)Nuti dadhabsiifamoo hin taane
 | 
| فَذَرْهُمْ يَخُوضُوا وَيَلْعَبُوا حَتَّىٰ يُلَاقُوا يَوْمَهُمُ الَّذِي يُوعَدُونَ (42) Hanga Guyyaa isaaniif beellamame san qunnamanitti, (cubbuu keessa) seenanii haa taphatanii isaan dhiisi
 | 
| يَوْمَ يَخْرُجُونَ مِنَ الْأَجْدَاثِ سِرَاعًا كَأَنَّهُمْ إِلَىٰ نُصُبٍ يُوفِضُونَ (43) Guyyaa qabrii irraa arifataa ba'an isaan waan gara taabotaa dhangala'an fakkaatu
 | 
| خَاشِعَةً أَبْصَارُهُمْ تَرْهَقُهُمْ ذِلَّةٌ ۚ ذَٰلِكَ الْيَوْمُ الَّذِي كَانُوا يُوعَدُونَ (44) Ijji isaanii xiqqaattee salphinni isaan haguugdiSun guyyaa isaan isa sodaachifamaa turaniidha
 |