| وَالْفَجْرِ (1) Bariinin[] (kakadha)
 | 
| وَلَيَالٍ عَشْرٍ (2) Halkan kurnaniini
 | 
| وَالشَّفْعِ وَالْوَتْرِ (3) Cimdiifi qarattis
 | 
| وَاللَّيْلِ إِذَا يَسْرِ (4) Halkanittis; yeroo inni deeme
 | 
| هَلْ فِي ذَٰلِكَ قَسَمٌ لِّذِي حِجْرٍ (5) Sila sana keessa abbootii sammuutiif kakuun quubsaan hin jiruu? (ni jira)
 | 
| أَلَمْ تَرَ كَيْفَ فَعَلَ رَبُّكَ بِعَادٍ (6) Sila akkam akka Gooftaan kee Aaditti hojjate hin arginee
 | 
| إِرَمَ ذَاتِ الْعِمَادِ (7) Iramiin warra dhedheerootti
 | 
| الَّتِي لَمْ يُخْلَقْ مِثْلُهَا فِي الْبِلَادِ (8) Ishee fakkiin ishee biyyoota keessatti hin uumamin san
 | 
| وَثَمُودَ الَّذِينَ جَابُوا الصَّخْرَ بِالْوَادِ (9) Samuudittis warra laga (Hijri) keessatti dhagaa uran (mana irraa tolfatan)
 | 
| وَفِرْعَوْنَ ذِي الْأَوْتَادِ (10) Fir'awniinis abbaa shikaalaatti
 | 
| الَّذِينَ طَغَوْا فِي الْبِلَادِ (11) Isaan biyyoota keessatti daangaa dabran
 | 
| فَأَكْثَرُوا فِيهَا الْفَسَادَ (12) Kan ishee keessatti badii baay'isan
 | 
| فَصَبَّ عَلَيْهِمْ رَبُّكَ سَوْطَ عَذَابٍ (13) Gooftaan kee akaakuu adabbii isaan irratti buuse
 | 
| إِنَّ رَبَّكَ لَبِالْمِرْصَادِ (14) Dhugumatti, Gooftaan kee qeexaadha (beekaadha)
 | 
| فَأَمَّا الْإِنسَانُ إِذَا مَا ابْتَلَاهُ رَبُّهُ فَأَكْرَمَهُ وَنَعَّمَهُ فَيَقُولُ رَبِّي أَكْرَمَنِ (15) Namni yeroo gooftaan isaa isa kabajuun qanansiisee isa qorate “Gooftaan kiyya na kabaje” jedha
 | 
| وَأَمَّا إِذَا مَا ابْتَلَاهُ فَقَدَرَ عَلَيْهِ رِزْقَهُ فَيَقُولُ رَبِّي أَهَانَنِ (16) Yeroo inni hiree isaa itti xiqqeessee isa qorate immoo “Gooftaan kiyya na xiqqeesse” jedha
 | 
| كَلَّا ۖ بَل لَّا تُكْرِمُونَ الْيَتِيمَ (17) Haa dhorgamu! Dhugumatti, isin yatiima hin kabajjan
 | 
| وَلَا تَحَاضُّونَ عَلَىٰ طَعَامِ الْمِسْكِينِ (18) Hiyyeessa nyaachisuu irrattis hin kakaaftan
 | 
| وَتَأْكُلُونَ التُّرَاثَ أَكْلًا لَّمًّا (19) Qabeenya dhaalaa, nyaata [halaalaafi haraama] walitti qabate nyaattu
 | 
| وَتُحِبُّونَ الْمَالَ حُبًّا جَمًّا (20) Jaalala baay’ee qabeenya jaalattu
 | 
| كَلَّا إِذَا دُكَّتِ الْأَرْضُ دَكًّا دَكًّا (21) Dhorgamaa! Yeroo dachiin waliin dhawamiinsa jabaa waliin dhawamte
 | 
| وَجَاءَ رَبُّكَ وَالْمَلَكُ صَفًّا صَفًّا (22) (Yeroo) Gooftaan kee dhufee maleykonnis hiriira hiriiran [dhufan]
 | 
| وَجِيءَ يَوْمَئِذٍ بِجَهَنَّمَ ۚ يَوْمَئِذٍ يَتَذَكَّرُ الْإِنسَانُ وَأَنَّىٰ لَهُ الذِّكْرَىٰ (23) Guyyaa san jahannamis ni fidamaGuyyaa san namni ni yaadataYaadannoon (guyyaa sanii) maal isaaf godha ree
 | 
| يَقُولُ يَا لَيْتَنِي قَدَّمْتُ لِحَيَاتِي (24) Ni jedha: "odoon jiruu kiyyaaf dabarfadheen hawwa
 | 
| فَيَوْمَئِذٍ لَّا يُعَذِّبُ عَذَابَهُ أَحَدٌ (25) Guyyaa san adabbii Isaa eenyunuu hin adabu
 | 
| وَلَا يُوثِقُ وَثَاقَهُ أَحَدٌ (26) Hidhaa Isaas eenyunuu hin hidhu
 | 
| يَا أَيَّتُهَا النَّفْسُ الْمُطْمَئِنَّةُ (27) “Yaa lubbuu tasgabbooftuu
 | 
| ارْجِعِي إِلَىٰ رَبِّكِ رَاضِيَةً مَّرْضِيَّةً (28) Jaallataa, jaallatamaa gara Gooftaa keetii deebi'i
 | 
| فَادْخُلِي فِي عِبَادِي (29) Gabroota kiyya keessas seeni
 | 
| وَادْخُلِي جَنَّتِي (30) Jannata kiyyas seeni” (jedhamti)
 |