| اقْتَرَبَتِ السَّاعَةُ وَانشَقَّ الْقَمَرُ (1) Qiyaamaan kaloofte; jiinis lamatti addaan dhoohe
 | 
| وَإِن يَرَوْا آيَةً يُعْرِضُوا وَيَقُولُوا سِحْرٌ مُّسْتَمِرٌّ (2) Yeroo mallattoo wahii argan gara galaniiti “(kun) sihrii cimaadha” jedhu
 | 
| وَكَذَّبُوا وَاتَّبَعُوا أَهْوَاءَهُمْ ۚ وَكُلُّ أَمْرٍ مُّسْتَقِرٌّ (3) (Qur’aana) sobsiisanii fedha lubbuu isaanii hordofuWanti hunduu galma ga’aadha
 | 
| وَلَقَدْ جَاءَهُم مِّنَ الْأَنبَاءِ مَا فِيهِ مُزْدَجَرٌ (4) Dhugumatti, oduu irraa wanti isa keessa dhorgaan jiru isaanitti dhufeera
 | 
| حِكْمَةٌ بَالِغَةٌ ۖ فَمَا تُغْنِ النُّذُرُ (5) Beekumsi ga’aan (isaanitti dhufeera)Akeekkachiistonni homaa isaan hin fayyadu
 | 
| فَتَوَلَّ عَنْهُمْ ۘ يَوْمَ يَدْعُ الدَّاعِ إِلَىٰ شَيْءٍ نُّكُرٍ (6) Isaan irraa garagaliGuyyaa waamaan gara waan rifachiisaa ta’eetti (isaan) waamu
 | 
| خُشَّعًا أَبْصَارُهُمْ يَخْرُجُونَ مِنَ الْأَجْدَاثِ كَأَنَّهُمْ جَرَادٌ مُّنتَشِرٌ (7) (Guyyaa san) ijji isaanii sodaan guutamteeti, awwaala (isaanii) irraa ba’anii akka awwaannisa faca’ee fakkaatu
 | 
| مُّهْطِعِينَ إِلَى الدَّاعِ ۖ يَقُولُ الْكَافِرُونَ هَٰذَا يَوْمٌ عَسِرٌ (8) Gara waamaatti ori’uKaafiroonni “Kun guyyaa (rakkisaa) cimaadha.” jedhu
 | 
| ۞ كَذَّبَتْ قَبْلَهُمْ قَوْمُ نُوحٍ فَكَذَّبُوا عَبْدَنَا وَقَالُوا مَجْنُونٌ وَازْدُجِرَ (9) Isaaniin dura ummanni Nuuh sobsiifteeraGabricha keenya (Nuuh) sobsiisanii, “inni maraataa dha, dhorgameeras.” jedhan
 | 
| فَدَعَا رَبَّهُ أَنِّي مَغْلُوبٌ فَانتَصِرْ (10) “Ani injifatamaa dhaa naaf tumsi” (jedhee) Gooftaa isaa kadhate
 | 
| فَفَتَحْنَا أَبْوَابَ السَّمَاءِ بِمَاءٍ مُّنْهَمِرٍ (11) Bishaan dhangala’aa ta’een hulaalee samii itti banne
 | 
| وَفَجَّرْنَا الْأَرْضَ عُيُونًا فَالْتَقَى الْمَاءُ عَلَىٰ أَمْرٍ قَدْ قُدِرَ (12) Burqituuwwan dachii burqisiifnee bishaan (samiifi dachii) murtii dhugumaan murtaa’e irratti walitti dhufan
 | 
| وَحَمَلْنَاهُ عَلَىٰ ذَاتِ أَلْوَاحٍ وَدُسُرٍ (13) Doonii abbaa xawulaafi mismaaraa irratti isa baadhanne (feene)
 | 
| تَجْرِي بِأَعْيُنِنَا جَزَاءً لِّمَن كَانَ كُفِرَ (14) Galata isa itti kafaramee taatee tika keenyaan deemti
 | 
| وَلَقَد تَّرَكْنَاهَا آيَةً فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ (15) Dhugumatti, Nuti mallattoo akka taatuuf ishee dhiifneNamni ittiin gorfamu jiraa laata
 | 
| فَكَيْفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ (16) (Yeroo san) adabbiin kiyyaafi sodaachisni kiyyas akkam ture laata
 | 
| وَلَقَدْ يَسَّرْنَا الْقُرْآنَ لِلذِّكْرِ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ (17) Dhugumatti, Qur’aanas hubachuudhaaf laaffifneerraNamni ittiin gorfamu jiraa
 | 
| كَذَّبَتْ عَادٌ فَكَيْفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ (18) (Ummanni) Aad (Huudiin) sobsiifteadabbiin kiyyaafi akeekkachiifni kiyyaas akkam ta’e ree
 | 
| إِنَّا أَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ رِيحًا صَرْصَرًا فِي يَوْمِ نَحْسٍ مُّسْتَمِرٍّ (19) Qilleensa qorraa guyyaa hamaa itti fufaa ta’e keessa isaanitti ergine
 | 
| تَنزِعُ النَّاسَ كَأَنَّهُمْ أَعْجَازُ نَخْلٍ مُّنقَعِرٍ (20) Nama ni butti(Yeroo san) jirma teemiraa kan dachii irraa buqqa’e fakkaatu
 | 
| فَكَيْفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ (21) (Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyas akkam ture laata
 | 
| وَلَقَدْ يَسَّرْنَا الْقُرْآنَ لِلذِّكْرِ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ (22) Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifnee jirraNamni gorfamu jiraa
 | 
| كَذَّبَتْ ثَمُودُ بِالنُّذُرِ (23) (Ummanni) Samuudis akeekkachiisa (kiyya) sobsiisaniiru
 | 
| فَقَالُوا أَبَشَرًا مِّنَّا وَاحِدًا نَّتَّبِعُهُ إِنَّا إِذًا لَّفِي ضَلَالٍ وَسُعُرٍ (24) Ni jedhan: “nama nurraa ta’e tokko hordofnaa? Nuti oggas jallinaafi maraatuu keessa jirra
 | 
| أَأُلْقِيَ الذِّكْرُ عَلَيْهِ مِن بَيْنِنَا بَلْ هُوَ كَذَّابٌ أَشِرٌ (25) Sila yaadachiifni kun nu hunda gidduu isa (Nabi Saalih) qofa irratti buufamee? Lakkisaa! Inni akkaan sobaa, boonaadha
 | 
| سَيَعْلَمُونَ غَدًا مَّنِ الْكَذَّابُ الْأَشِرُ (26) Sobaan boonaan eenyuun akka ta’e boru beekuuf jiru
 | 
| إِنَّا مُرْسِلُو النَّاقَةِ فِتْنَةً لَّهُمْ فَارْتَقِبْهُمْ وَاصْطَبِرْ (27) Dhugumatti, Nuti gaala dhaltuu isaaniin mokkoruuf ergoodhaKanaaf (Yaa Saalih!) Isaan eegi; obsis
 | 
| وَنَبِّئْهُمْ أَنَّ الْمَاءَ قِسْمَةٌ بَيْنَهُمْ ۖ كُلُّ شِرْبٍ مُّحْتَضَرٌ (28) Bishaan (gaalattii fi) isaan gidduutti qoodamus isaanitti himiDhugaatiin (garee) hundaayyuu dhufamaadha
 | 
| فَنَادَوْا صَاحِبَهُمْ فَتَعَاطَىٰ فَعَقَرَ (29) Hiriyaa isaaniitti lallabaniiti, (waraana isaa) fudhatee waraane
 | 
| فَكَيْفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ (30) (Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyaa akkam ture laata
 | 
| إِنَّا أَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ صَيْحَةً وَاحِدَةً فَكَانُوا كَهَشِيمِ الْمُحْتَظِرِ (31) Dhugumatti, Nuti iyya tokkittii isaan irratti ergineErgasii akka caccabaa mooraa horiin irra deemee tahan
 | 
| وَلَقَدْ يَسَّرْنَا الْقُرْآنَ لِلذِّكْرِ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ (32) Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerraEgaa namni gorfamu jiraa
 | 
| كَذَّبَتْ قَوْمُ لُوطٍ بِالنُّذُرِ (33) Ummanni “Luux” dinniina sobsiisaniiru
 | 
| إِنَّا أَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ حَاصِبًا إِلَّا آلَ لُوطٍ ۖ نَّجَّيْنَاهُم بِسَحَرٍ (34) Dhugumatti, Nuti isaan irratti bubbee cirrachaa erginee jirraMaatii Luux malee, (yeroo) bariisaa isaan baraarsine
 | 
| نِّعْمَةً مِّنْ عِندِنَا ۚ كَذَٰلِكَ نَجْزِي مَن شَكَرَ (35) Qananii Nu biraa ta’eef (baraarsine)Akka kanatti nama galata Nuuf galche mindeessina
 | 
| وَلَقَدْ أَنذَرَهُم بَطْشَتَنَا فَتَمَارَوْا بِالنُّذُرِ (36) Dhugumatti, inni (Luux) qabaa keenya isaan akeekkachiisee jiraIsaan garuu dinniinicha mormaniiru
 | 
| وَلَقَدْ رَاوَدُوهُ عَن ضَيْفِهِ فَطَمَسْنَا أَعْيُنَهُمْ فَذُوقُوا عَذَابِي وَنُذُرِ (37) Dhugumatti, keessummaa isaa irraa (badii itti hojjachuuf) isa gaafatanKanaaf ija isaanii jaamsinee “adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (jenneen)
 | 
| وَلَقَدْ صَبَّحَهُم بُكْرَةً عَذَابٌ مُّسْتَقِرٌّ (38) Dhugumatti, adabbiin cimaan bariidhaan isaanitti ganamfate
 | 
| فَذُوقُوا عَذَابِي وَنُذُرِ (39) Adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (isaaniin jenne)
 | 
| وَلَقَدْ يَسَّرْنَا الْقُرْآنَ لِلذِّكْرِ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ (40) Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerraEgaa namni gorfamu jiraa
 | 
| وَلَقَدْ جَاءَ آلَ فِرْعَوْنَ النُّذُرُ (41) Dhugumatti, maatii Fir’awnitti akeekkachiifni dhufeera
 | 
| كَذَّبُوا بِآيَاتِنَا كُلِّهَا فَأَخَذْنَاهُمْ أَخْذَ عَزِيزٍ مُّقْتَدِرٍ (42) Mallattoolee keenya hunda sobsiisaniiti, qabaa Isa injifataa, danda’aa ta’ee isaan qabne
 | 
| أَكُفَّارُكُمْ خَيْرٌ مِّنْ أُولَٰئِكُمْ أَمْ لَكُم بَرَاءَةٌ فِي الزُّبُرِ (43) (Yaa Qureeyshotaa!) Sila kaafiroota keessantu isaan kanneen irra caala moo kitaabota keessa (adabbii irraa) baraaramuutu isiniif jira
 | 
| أَمْ يَقُولُونَ نَحْنُ جَمِيعٌ مُّنتَصِرٌ (44) Hinumaayyuu “Nuti tuuta injifattoota” jedhu
 | 
| سَيُهْزَمُ الْجَمْعُ وَيُوَلُّونَ الدُّبُرَ (45) Tuutni isaanii cabsameeti dugda gara galuuf jiru
 | 
| بَلِ السَّاعَةُ مَوْعِدُهُمْ وَالسَّاعَةُ أَدْهَىٰ وَأَمَرُّ (46) Dhugumatti, Qiyaamaan beellama isaaniitiQiyaamaan irra ulfaattuufi akkaan hadhooftuudha
 | 
| إِنَّ الْمُجْرِمِينَ فِي ضَلَالٍ وَسُعُرٍ (47) Dhugumatti, yakkamtoonni jallinaafi ibidda qabsiifamaa keessatti ta’u
 | 
| يَوْمَ يُسْحَبُونَ فِي النَّارِ عَلَىٰ وُجُوهِهِمْ ذُوقُوا مَسَّ سَقَرَ (48) Guyyaa fuula isaanii irratti ibidda keessa harkifaman, “tuqiinsa Saqar dhandhamaa” (jedhamaan)
 | 
| إِنَّا كُلَّ شَيْءٍ خَلَقْنَاهُ بِقَدَرٍ (49) Nuti waan hunda hamma murtaa’een isa uumne
 | 
| وَمَا أَمْرُنَا إِلَّا وَاحِدَةٌ كَلَمْحٍ بِالْبَصَرِ (50) Ajajni keenya akkuma liphsuu ijaa yeroo tokko qofa
 | 
| وَلَقَدْ أَهْلَكْنَا أَشْيَاعَكُمْ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ (51) Dhugumatti, Nuti fakkaattota keessan balleessinee jirraNamni gorfamu jiraa
 | 
| وَكُلُّ شَيْءٍ فَعَلُوهُ فِي الزُّبُرِ (52) Wanti isaan hojjatan hunduu galmeewwan keessa jira
 | 
| وَكُلُّ صَغِيرٍ وَكَبِيرٍ مُّسْتَطَرٌ (53) Wanti xiqqaafi guddaan hundi barreeffamaadha
 | 
| إِنَّ الْمُتَّقِينَ فِي جَنَّاتٍ وَنَهَرٍ (54) Dhugumatti, warri Rabbiin sodaatan jannataafi laggeen keessa jiraatu
 | 
| فِي مَقْعَدِ صِدْقٍ عِندَ مَلِيكٍ مُّقْتَدِرٍ (55) Teessoo dhugaa (jannata) keessa Mootii danda’aa bira jiraatu
 |